Barattoonni reefuu yunivarsiitii seenan wantoota gurguddoo gochuu qaban shan

Fakkii namoota mooraa yunivarsiitii keessa jiranii

Namoonni hedduun barri jalqaba yunivarsiitii seenan yeroo adda ta’e jireenya isaanii keessatti hin dagatamne akka ta’etti yaadatu.

Barri jalqabaa yunivarsiitii kun afaan Ingiliziitiin ‘Freshman’ jedhamuun beekama.

Barri ‘Freshman’ bara itti gammaddudhas, bara itti dhiphattudhas jedhu namoonni biyya keessattis ta’e biyya alaatti yunivarsiitii seenanii baratanii ba’an.

Mana-barumsaa sadarkaa lammaffaarraa yunivarsiitii ykn kollejjii seenuun gara sadarkaa barumsaa olaanaa ta’etti darbuutiin olidha.

Waggaan jalqabaa yunivarsiitii ijoollummaarraa gara ga’eessummaatti yeroo itti ce’anidhas waan ta’eef xiyyeeffannaa cimaa barbaada.

Yeroofi maallaqa ofiitti sirriitti fayyadamuurratti, qabeenya yunivarsiitiitti dhimma ba’uurratti, akkasumas waan haaraatti baruurratti muuxannoo barattootaa kana keessa darban, ogeessaafi qorannoorraa walitti qabnee gorsa itti aanu qixeessineerra.

Magaalaa guddaa jalqaba kan arges, biyyarraa fagaatee kan deemes bara jalqaba yunivarsiitii seene ta’uu kan himu Gaaddisaa Boruu, qormaata kutaa 12ffaa darbanii yunivarsiitii seenuun kan hin yaadamne waan tureef “jalqaba yeroon Yunivarsiitii Finfinnee dhufetti gammachuu hanga kanaa hin jedhamnetu natti dhaga’ame,” jedha.

Kana malees, jireenya keessatti imala haaraa yeroo itti jalqaban waan ta’eef miirri walmakaa ta’e namatti dhaga’ama- keessikee ni gammada garuu sodas qabda,” jechuun bara 1998 Yunivarsiitii Finfinneetti ‘Freshman’ yeroo ture waan isa mudate yaadata Gaaddisaa Boruu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara sana akka ammaa kana karaa miidiyaalee hawaasaa odeeffannoo argachuun waan hin turreef, osoo waa’ee mooraa yunivarsiitii maal akka fakkaatu takkaa hin dhaga’iin seenuus kaasa.

Yeroo ammaa baankii keessatti bakka ol aanaarra hojjechaa kan jirtu Tsigereedaa Dheeressaa ammoo, “maal gochuu akka qabnuu, eessaan baanee eessaan akka gallu kan nu qajeelchan barattoota nu dura dhufanii wagga lamaffaafi isaa ol jiranidha,” jechuun oolmaan isaanii guddaa akka ta’e yaadatti.

Garuu jetti Tsigereedaan, barattoonni buleeyyiin gaarii nama gorsan akkuma jiran, kanneen nama dogogorsaniifi karaarraa nama maqsan waan jiraniif of eeggachuu akka barbaachisu gorsiti.

“Barattoonni ofittoo ta’an tokko tokko mooraa sanaaf haaraa ta’uukee akka carraatti fayyadamanii maqaa jaalalaan kanneen kiyyoo namaaf diriirsanis jiru. Isaan akkasii abshaalummaan caalanii argamuu barbaachisa,” jetti.

Bara 1998 yeroo reefuu seentetti koreen barattootaa ijoollee ‘Freshman’ simatee lafa barsiisu akka ture kan himtu Tsigereedaan, guyyaa mooraa seenanirraa kaasee Koreen kun sirriitti akka itti baraniif isaan gargaaruu dubbatti.

Koreen barattootaa warra reefuu dhufan gorsuufi mooraa barsiisuurra darbee koorsiiwwan wagga jalqabaa (Freshman Course) dabalataan akka barsiisaa turellee yaadata Gaaddisaa ammoo.

Barattoota hedduutiif guyyaan jalqaba yunivarsiitii itti seenan, guyyaa jalqaba maatii isaaniirraa adda ba’anii jiraachuu jalqabanidha.

Kun ammoo halkan akka fedha isaaniitti bakkee turuu, hariiroo namoota waliin uummachuu dabalatee bilisummaa duraan hin beekne qaba. Garuu ammoo miidhaas ni qaba.

Yeroo keetti fayyadamuu baradhu

Wantonni yeroo namaa saaman hedduudha. Yeroo yunivarsiitii seenan maatiifi barsiisonni sadarkaa lamaffaatti barattoota hordofan biraa hafu. Yunivarsiitii ykn kollejjii keessatti barattoonni bilisummaa yeroo sadarkaa lamaffaa barachaa turan hin qabne waan argataniif yeroon hiriyyaa waliin dabarsan, akkasumas miidiyaa hawaasaarra turan sa’aatii barnootaafi itti qayyabachuu qaban jalaa qisaasuu mala.

Keessumaa labata dijitaalaa kana keessatti ammoo yeroo ofii barnootaaf, qayyabannaaf, hawaasummaafi miidiyaaf madaalanii fayyadamuun cimina barbaada.

Jireenya ofiitiif itti gaafatamummaa fudhachuu jalqabuun, akkasumas yeroo ofii sirriitti karoorsanii fayyadamuun bara jalqaba yunivarsiitii seenan (‘Freshman’) irraa eegala jedhu, Yunivarsitii Barnootaa Kotobeetti Barsiisaafi Qorataan Kominikeeshinii Zalaalam Jabeessaa Gabul (PhD).

Barattoonni yeroo kaan tika maatiifi barsiisota jala jiraniifi asiin ba’ii achiin gali jedhaman yeroo yunivarsiitii seenan biraa hafa kan jedhan hayyuun Yunivarsiitii Kotobee kun, “amma of tiksuun, of to’achuun kan jiru dhibbaa dhibbatti mataama isaaniirra,” jiraachuu himu.

“Kanaaf, wanti isaan gochuu qaban maaliif akka manaa bahan dagachuu hin qaban. Kaayyoon isaan manaa bahaniif tokkoofi tokkodha. Innis barnoota isaaniiti.

Barnoota isaaniitti fiinxaan ba’uuf sa’aatii isaanii ykn yeroo isaanii sirriitti itti fayyadamuu qabu,” jechuun gorsu Dr. Zalaalam.

Akkamitti akka yeroo isaaniitti fayyadaman dabalatee rakkoo isaan mudate keessaa akkamitti akka ba’uu danda’anirratti dhaabbileen barnootaa olaanoo kamiyyu keessatti tajaajilli gorsaa jira kan jedhan Dr. Zalaalam, barattoonni tajaajila kanatti dhimma ba’uu akka qaban gorsu.

Kana malees, yeroo ammaa kana tooftaan dijiitaalaa (digital tools) barattoonni akka yeroo isaaniitti sirriitti fayyadaman gargaaran baayyeetu jiru.

Fakkeenyaaf, appilikeeshinoonni bilbilaa barattoonni yeroo bakka bashannanaafi miidiyaa hawaasaarratti dabarsan daangessuun qayyabachuurra akka turaniif isaan gargaaruu danda’an jiru.

Barattoonni wantota akka qalbiisaanii barumsaafi qayyabachuurra godhataniif isaan gargaaran akka yaadan ni jajjabeeffama. Yeroo tokko tokko sammuu isaanii barnootaan muddame boqochiisuuf ammoo yeroo waan isaan bohaarsu hojjetaniifi kunuunsa ofiif taasisuunis qabaachuun ni gorfama.

“Guyyaa keessatti wanta hojjettu hundaaf karoora baafadhu. Sa’aatii itti daree seentee barattu dabalatee, yeroo nyaattu, boqottuufi waan maraaf! Akkasitti karoorfachuun jalqaba waan si rakkisu ykn naamusa kan si gaafatu ta’uu mala, garuu gaafa itti barte bu’aa karooraan deddeebiiyuun siif qabu ni hubatta,” jedha barataan Kollejjii Isaayyaas Muur.

Barattuun Yunivarsiitii Saaraa Kireen jedhamtu ammoo waa’ee yeroo ofii karooraan fayyadamuu akkas jetti: "Barri ‘Freshman’ bara itti bashannaniifi hiriyyoota haaraa hedduu itti hortanidha, haata’u malee qayyabannaafi hojii manaakee hojjechuu hin dagatiin. Sababiin itti kollejjee ykn [yunivarsiitii] seenteef barnootaafidha… Yeroon hanga ati yaadduun al ariifata.”

“Yerookee akkamitti akka sirriitti itti fayyadamtu baradhu. Yunivarsiitii keessatti yeroo dheeraatiif daree keessa turuu dhiisuu dandeessa ta’a. Haata’u malee, waan hojjettu baayyeetu jiru; itti gaafatamummaan ba’attus hedduudha. Tokkoo tokkoo hojiikeetiif yeroo sirriitti ramaduudhaaf karooraan hojjechuufi maal akka hojjettu beekuun barbaachisaadha. Kun ammoo akka ati hin dhiphanne gochuun hiriyyootakee waliin dabarsuu dabalatee bashannanaaf, akkasumas hojiiwwan barnootaan ala ta’aniif yeroo akka qabaattuuf si gargaara,” jedha Andiriiwu ammoo.

Fakii namootaa mooraa yunivarsiitii keessa jiranii

Hiriyyoota itti yaadii horadhu

Barattoonni hanga danda’ame hiriyyoota hedduu akka horatan ni gorfama, garuu of eeggannootiin ta’uu qaba.

Jechama barame tokko yaadadhaa. “Hiriyyoonnikee eenyu akka ta’an natti himi, animmoo eenyu akka ati taaten sitti himaa” kan jedhu.

Kana jechuun hiriyyaan waliin oolan dhiibbaa namarratti gochuun isaa hin oolu jechuudha.

Kanaaf, hiriyyoonni horannu kan faallaa kaayyoofi fedhii galma keenyaa hin taane ta’uu qorachuu barbaachisa.

Hiriyyoota baayyee, keessumaa kan aadaa biraa keessaa ta’eefi barattoota idil-addunyaa ta’an qabaachuun bu’aa qaba. Sababiin isaas beekumsaafi ilaalcha garagaraa siif dabaluu danda’u jedhamee amanama.

Namoota jireenya keessatti jaallattaniifi barbaachisoo ta’an ammoo qaamaan irraa fagaattanis michummaafi hariiroo ture addaan akka hin kutne gorfama.

Bara ‘Freshman’ carraan dhiibbaa hiriyyootaatiin araada dhugaatiifi qorichoota sammuu adoochan garagaraa keessatti kufuun bal’aa waan ta’eef hiriyyoota filachuurratti of eeggannoon barbaachisaadha.

Barsiisota waliin wal baruufi hariiroo gaarii uummachiinis danuu gargaara.

Keessumaa yeroo yaaddoo qabaattanitti, akkaataa itti qayyabachuu qabdan ilaalchisuun osoo hin sodaatiin barsiisotatti of beeksiftanii gorsa fudhachuun ofitti amanummaa barattootaa cimsa.

Maallaqa qabachuurratti qaroo ta’i

Haa xiqqaatus, haa guddatus barattoonni jalqaba yeroo yunivarsiitii seenan akka itti fayyadamaniif maallaqni ni kennamaaf. Amma maallaqa argatan kana akkamitti akka itti fayyadaman isaanumati murteessa waan ta’eef sirnaan itti fayyadamuu qabu jedhu Dr. Zalaalam.

Sammuu qophaa'aafi ilaalcha gaarii qabaadhu

“Turtii keessan [yunivarsiitii] keessatti milkaa’uudhaaf amala/ilaalcha qajeelaa, tarkaanfataafi cimaa ta’e qabaachuun isin barbaachisa. Yeroo qalbii guutuun daree barnootaa keessatti hordoftanirraa kaasee hanga hanga dareetiin ala bakka adda addaatti namoota haaraa waliin walbartanitti ilaalcha gaarii nama qabu taatanii of dhiyeessuun isin fayyada kan jettu ammoo Yunivarsiitii Seeton Hiil irraa kan taate Kaatiyeedha.

Yunivarsiitii seenuun carraawwan jireenyaa keessaa bakka waan murteessaa ta’e itti jalqaban waan ta’eef sammuu banaa qabaachuun gaariidha.

Yunivarsiitii keessatti barnoota idileen alatti carraawwan jiran kanneen akka sochiiwwan kilabootaa, hojiiwwan tola-ooltummaafi kaan keessatti qooda fudhachuun sammuu banaafi ilaalcha gaarii horachuuf nama gargaara.

Fayyaa sammuufi qaamakee eeggadhu

Yunivarsiitii keessatti tajaajilawwan fayyaafi gorsaa jiranitti gargaaramuun, keessumaa yeroo ofii sirriitti itti fayyadamuurratti, dhiphina keessaa ba’uurratti ykn yaaddoo mooraa keessatti isaan mudaterratti barattoonni gargaarsa argachuu akka danda’an hubatanii itti dhimma ba’uu qabu jedhu Dr. Zalaalam Jabeessaa.

Jabinaafi fayyaa qaamaa ofiirratti hojjechuunis barattootaaf barbaachisaadha.

Ispoortiiwwan gara garaa hojjechuu amaleeffachuun, nyaata fayyaalessa ta’e filachuun milkaa’ina yuniversiitii keessatti bakka guddaa qaba.

Nyaata shukkaarri itti baayyate xiqqeessuu, sababa halkan dubbisuurra turaniif jecha hanga nyaata halkan walakkaa nyaatan xiqqeessuun ni gorfama.

Sochiin qaamaa akka fiiguu, puush aappii hojjechuufi yoo danda’ame ammoo jiimiis hordofuun fayyina qaamaaf barbaachisaadha.