Tiraamp Giriinlaandiin 'weeraruu' barbaaduun 'tasumaa fudhatama hin qabu' - Ministira Hajaa Alaa Deenmaark

Ministara Hajaa Aalaa Deenmaark Laars Look Raasmassan fi Ministara Hajaa Alaa Giriinlaand Viviyaan Mootzfeeld

Ministarri Hajaa Alaa Deenmaark Waayit Haawusitti marii dhimma Giriinlaand irratti adeemsifameen booda ''garaagarummaa bu'uuraa'' qabaachuu akeekkachiisan.

Laars Look Raasmassan Roobii kaleessaa Pireezidantii Ittaanaa JD Vaansiifi Ministira Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin Waayit Haawustti marii geggeessaniiru.

Marii taasisanis ''ifaafi ijaaraa'' jedhanillee Pireezidantiin Ameerikaa Tiraamp Giriinlaandiin ''weeraruu'' barbaada kunimmoo ''tasumaa fudhatama hin qabu,'' jedhan.

''Kuni fedhii Deenmaark akka hin taane jala murree itti himneerra,'' jedhan.

Tiraamp marii kanaan boodas odola leecelloon badhaate kana fudhachuu akka barbaadu irra deebiin kan dubbate yoo tahu, dubbiin Tiraamp kuni michoota biyyattii Awurooppaa yaaddessuu dabalataan Nato waliin ammoo muddama uumeera.

Mariin sa'atii tokkoo Ameerikaa, Deenmaark fi Giriinlaand gidduu adeemsifame furmaata ija qabu otoo hin fidiin xumurame.

Tahus qaamni hunduu egeree odola daangaa Deenmaark irratti marii'achuuf garee caasaa olaanaa hundeessuuf waliigalaniiru.

Ministarri Hajaa Alaa Deenmaark Raasmasan Ameerikaan ''sarara diimaa'' qaxxaamuruu hin qabne jira ture gareen marii olaanaaf qophaa'e torban dhufu keessa qabxii waliigaltee barbaada jedhan.

Deenmaarkiifi Giriinlaand US odola kanarratti buufata waraanaa dabalataa akka bantu fedhii qabnas jedhaniiru.

''Marii sadarkaa olaanaa akkasii eegaluun bu'aa qabeessa dhas,'' jedhaniiru.

Ministarri Hajaa Alaa Deenmaark Tiraamp sodaa Rashiyaa fi Chaayinaa irraa dhufuu danda'uuf haali nageenyaa jabaachuu qaba jechuun ''dhugaa of keessaa qaba,'' tahus waraanni Raashiyaafi Chaayinaa odola kana keessa jira jechuun ''dhugaa miti,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Giriinlaand hamma bal'inashee uummata baayyee qabaachuu baattus argamnishee Kaaba Ameerikaafi bantii Arkitiik gidduu tahuun yoo haleellaan misaayelaa mudate dursanii sirna akeekkachiisaa kaa'uufi dooniiwwan waraanaa to'achuuf iddoo tarsimawaa dha.

Tiraamp odola kana ofitti fudhachuun nageenya biyyaalessaa Ameerikaaf murteessaa dha jechuun dubbataniiru.

Ameerikaan yeroo ammaa kana odola kanarra iddoo Piituufii jedhamu kan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa qabatte irratti loltoota waraanaa dhaabbataan buufatanii jiran 100 qabdi

Waliigaltee Deenmaarka waliin hanga ammaa jiruun Ameerikaan loltoota hamma barbaadde Giriinlaand galchuu dandeessi.

Ministarri Hajaa Alaa Giriinlaand Viviyaan Mootzfeeld daangaan biyyattii tumsa caaluuf fedhii qabaachuu himuun Ameerikaan biyyattii fudhachuu garuu mormiteetti.

''Daangaan keenya hamma eessaa akka tahe agarsiifneerra,'' jette Viviyaan.

Marii kanaan booda Vaansiifi Ruubiyoon yaada kennuu baatanillee Tiraamp garuu gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin waajira Ovaalitti kennaniin ''Giriinlaandiin nageenya biyyaaleessaaf barbaadna,'' jedhan.

''Raakkoon jiru Raashiyaafi Chaayinaan yoo Giriinlaand qabachuu barbaadan Deenmaark waan gochuu dandeessu hin jiru, nuti garuu waan hunda gochuu dandeenya,'' dabaluunis Deenmaark odola kana tiksiti amantii jedhu irraa akka hin qabne himan.

Yeroo mariin kuni geggeefamaa jirutti biyyooti Awurooppaa Giriinlaandiif deeggarsa kennaa jiru.

Siwiidiin gaafa Roobii daangaa Deenmaarkiitti loltoota erguuf waadaa seenteetti

Jarmaniin ibsa BBC'n arge irratti ''garee loltuu hordoffii'' erguun erga haala qo'atteen booda Deenmaark deeggaruuf loltoota erguun nageenya naannichaa akka mirkaneessitu himteetti.

Ministarri Waraanaa UK Joohn Haalii akkasuma garee Jarman kanatti yoo Deenmaark barbaadde hoganaa waraanaa akka erganiif himaniiru.

Ministarri Hajaa Alaa Faransaay odola kanarratti qontsilaa banuu akka barbaaddu himteetti.

Deenmaark ''michoota waliin'' Giriinlaand irratti humna waraanaa akka jabeessitu himteetti.

''Muddamni daangaa siyaasaa bantii arkitiikiitti babal'achaa jiras,'' jedha ibsi biyyattiin baaste.