Tiraamp Giriinlaand humnaan UStti dabaluuf dhaadachuunsaa Jarmaniifi Faransaay dheekkamsiise

Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Doonald Tiraamp Giriinlaand UStti dabalamuu qabdi jedhee dubbachuu hordofee biyyoonni Gamtaa Awurooppaa Tiraamp sodaachisa akka dhaabu akeekkachiisan.

Jarmaniifi Faransaayi kanneen dubbiin Tiraamp kun isaan mufachiise keessayi. Chaansilariin Jarman OIaaf Shooz "sirni walabummaa daangaa biyya kamirrattuu kan hojiirra ooludha...baay'ee xiqqoo ykn baay'ee kan humna qabdu yoo taates" jedhan.

Ministiirri Dhimma Alaa Faransaayi Jiin Noel Baarot ammoo "Gamtaan Awurooppaa biyyi tokko dhuftee walabummaa daangaa kan biraa yoo sarbitu hayyamuu akka hin dandeenye ifaadha" jedhan.

Kibxata darbe Tiraamp irra deebin qaama oddoola Arkitikii kan taate Giriinlaand nageenyafi fayidaa biyyaalessaaf jecha akka barbaadu ibse.

Tiraamp yaada Giriinlaad bituuf qabu kan dubbate bara 2019 bara pirezidaantummaasaa jalqabaa ture.

Giriinlaand qaama Deenmaark yoo taatu, Giriinlaand bifa kamiinuu gurgurtaaf akka hin dhiyaanne Deenmaark ibsitee turte.

Ministiirri Muummee Giriinlaand, Mute Egede, Deenmaark irraa adda bahanii Giriinlaand biyya walabaa gochuuf ifaajaa jiru.

Dubbii Tiraamp irra deddeebin Giriinlaand humnaanis ta'u UStti dabaluuf dubbatu hordofee "Giriinlad gurgurtaaf hin dhiyaattu" jedhan.

Deenmaark akkuma US qaama NATOti. Chaansilariin Jarman "NATOn qaama ittisaa keenya cimaadha..." jechuun sodaachisa UStiif biyyoonni Awurooppaa akka hin jilbeeffanne himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jarmaniifi Faransaayi Gamtaa Awurooppaa keessaa biyyoota dhageettii guddaa qabaniidha. Garuummoo Tiraamp akkuma dhaadate Giriinlaand waraana itti bobbaasee humnaan qabata taanan, Gamtaan Awurooppaa akkamitti akka ittisu ifa miti.

Biyyoota Gamtaa Awurooppaa 27 keessaa keessaa hedduunsaanii miseensa NATOti. Haa ta'u garuu Gamtaan Awurooppaa qaama ittisaa waloo hin qabu.

Tiraamp pirezidaantii US ta'ee muudamuuf torbeen lama yeroo isa hafutti ibsa miidiyaaf kenneen dhimma Giriinlaadifi bo'oo Panaamaa humnaanis ta'u qaama US gochuu dubbatee ture.

Giriinlaandis ta'ee bo'oo Panaamaa qabachuuf humna waraanaa moo dhiibbaa diinagdee keessaa kam akka fayyadamu gaafatamee: "Lamaan keessaa kana jedhee ibsuu hin danda'u.

"Garuu jechuu kanin danda'u, nageenya diinagdeed ni barbaanna," jedhe Tiraamp.

Bara Waraana Hololaatii kaasee Giriinlaand akka buufata raadaarii UStti tajaajilti.

Tiraamp dooniwwan waraanaa Chaayinaafi Raashiyaa naannawa sana jiran hordofuuf Giriinlaand bakka tarsiimawaa kan waraanaa ta'uu ibsuun qaama US gochuuf akka karoora qabu dubbate.

Ministiirri Dhimma Alaa Deenmaark Mette Firediriksan miidiyaa biyyattii Danish TV waliin turtii taasisaniin, "Giriinlaand kan lammiilee Giriinlaanditi" jechuun yaada Tiraamp morman.