Gommaa xiyyaara US keessaa reenfi namaa argame

Daandii qilleensaa- United Airlines eenyummaa reenfa argamee adda hin baasne

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daandii qilleensaa- United Airlines eenyummaa reenfa argamee adda hin baasne

Xiyyaarri abbummaansaa kan daandii qilleensaa United Arlines ta'e, wayita Hawaayi qubatutti kutaa xiyyaaraa wayita qubatu ittiin lafarra deemu ykn gommaa isaa keessatti reenfi namaa argame.

Taateen kun jala bultii ayyaanaa Gannoo warra faranjootaatti akka mudate dhaabbatichi ibseera.

Xiyyaarri lakkoofsa balalii isaa 202 ta'e kun, Kibxata darbe buufata xiyyaaraa Chikaagoo- O'Hare jedhamurraa ka'uun waaree booda buufata xiyyaaraa oddoola Maui keessatti argamu Kahului qubate.

Daandiin Qilleensa United Airlines namni kun akkamiinii fi yoom akka gommaa xiyyaarichaa keessa gale ammallee ifa miti jedhe.

Qaama xiyyaara Booying 787-10 ta'e kan reenfi namaa keessatti argame kana, seenuun kan danda'amu karaa keessoo xiyyaarichaan osoo hin taane karaa alaatiin ta'uu akka qabus ibse.

Dhaabbatichi qondaaltota seeraa waliin ta'uun qorannoo gaggeessaa akka ture himeera.

Garuu ammallee reenfi argame kun kan eenyuu akka ta'e yookiin maqaansaa eenyu akka ta'e hin baramne.

Poolisiin qorannoo gaggeessaa akka ture miidiyaa Hawaii News Now jedhamutti himeera.

Garuu waan hanga ammaa irra ga'erratti akkas jedhe: ''Waa'ee reenfa namaa gommaa xiyyaaraa keessaa argamee ammatti odeeffannoo bal'aan hin jiru.''

BBCn Poolisii Maui dubbisuuf yaalee ture.