Wayita Israa'el buufata xiyyaarichaa haleeltuutti Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom achi turuu himan

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom, yeroo Israa'eel buufata xiyyaara Yaman haleeltuutti buufaticha keessa akka turan dubbatan.

Guduunfaa

  • Xiyyaarri gamootti bu'uun lubbuun namootaa darbe
  • Konkolaataan boba'a fe'ee hoteela Tiraamp biratti dho'e
  • Namichi US'tti konkolaataan namoota 10 ajjeese eenyu?
  • Zimbaabween adabbii du'aa haqxe
  • Yukureen ujummoo boba'aa Raashiyaa cufuuf dhaadatte
  • Pirezidantiin duraanii US, Jiimii Kaartar, boqotan
  • Xiyyaara Kooriyaa namoota 179 galaafate waan beeknu
  • Wayita Israa'el Yaman haleeltu hoogganaan WHO achi turan
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dr Teediroos hojjattoota dhaabbatasaanii Yamaniitti hidhaman gadi dhiisiisuuf garas imalu himan

    Dr teediroos Adihaanoom

    Madda suuraa, EPA

    Akkuma dura gabaafnen, Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Teediroos Adihaanoom yeroo Israa'el buufata xiyyaaraa Sana'aatti haleellaan raawwattu achi turan.

    Dr Teediroos Yaman dhaqanii kan turan hojjettoota dhaabbatasaanii hidhaman akka gadhiifamaniif mari’achuu fi haala namoomaa biyyattii madaaluuf akka turan beeksiisan.

    Dhaabbanni UN ji’a Waxabajjii keessa hojjettoonnisaa 13 Yaman keessatti Huutiidhaan to’atamuusaanii mirkaneessee ture.

    Hojjettoonni kunneen tarkaanfii qindoominaan fudhatame fakkaatuun, kutaalee biyyattii adda addaatii qabaman.

    Hidhaan hojjattoota UN kunis kan raawwatame yeroo rakkoon dinagdee hidhattoota Huutii dabalaa dhuufeefi haleellaan qilleensaa qindaa'aan Ameerikaan durfamurratti raawwatametti ture.

    Haleellaan Huutiiin dooniiwwan daldalaa kanneen Galaana Diimaa qaxxaamuranirratti xiyyeeffachuun raawwatanis, haleellaa qilleensaa haaloo bahuumsaa US fi michoota isheetiin akka raawwatan taasise.

  2. Ajajaan qilleensaa Israa'el haleellaan raawwanne kan 'waan dandeenyu...fi waan hedduu agarsiisudha' jedhe

    Ajajaan humna qilleensaa Israa'el (IAF) Meejar Jeneraal Toomer Baar, haleellaan isaan Yaman keessatti iddoowwan Huutiin to'ataman irratti raawwate, kan Israa'el maal akka "dandeessuu...fi waan baay'ee" agarsiisu jedhan.

    "Amma agarsiisa qabatamaadhaan dandeettii qabnu argineerra, kana caalaas dandeettii qabna."

    Akka yaadachiisaattis, Israa’el buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Sanaa, buufataalee humna anniisaa lamaa fi buufata doonii ijoo irratti qiyyeeffannaawwan Huutii haleeleera jetti.

    Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni sadii kan du’an yoo ta’u, kan gara 11 ta'an ammoo madaa’aniiru jedha biroodkaastiin Yaman kan Huutiitiin geggeeffamu, Al Masirah.

  3. Teediroos Adihaanoom wayita buufatni xiyyaaraa Sana'aa haleelamu achi turuu beeksisan

    Teediroos Adihaanoom

    Madda suuraa, EPA

    Dayirektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Teediroos Adihaanoom wayita haleellaan qilleensaa Israa'en buufata xiyyaaraa Sana'aa haleelu achi turuu miidiyaalee hawaasaa isaanii gubbaatti beeksisan.

    Sa'aa lama dura San'aarraa kaanee xiyyaara koruuf wayita jennu buufanni xiyyaaraa kun qilleensarraan haleelame.

    Miseensi hojjetaa xiyyaara keenyaa tokko miidhameera. buufata xiyyaaraa kanatti yoo xiqqaate namootni lama du'uun gabaafameera'' jedhan.

    Daandiin xiyyaarri ittiin bararuuf ka'us miidhameera jedhan.

    Sana'aatii ka'uuf daandiin miidhame hanga suphamu akka turanis himaniiru.

    ''Waahillan koo kan UN fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ana dabalatee nagaa keenya'' jedhaniiru.

    Maatii namoota balaa kanaan lubbuu dhabaniifis gadduu ibsan.

  4. Haleellaa Israa'eliin booda jeequmsa buufata xiyyaara Sana'aa ture viidiyoon

    Haleellaa qilleensaa Israa'el raawwatteen booda jeequmsi buufata xiyyaaraa Sanaa keessatti uumame.

    BBCn waraabbiiwwan viidiyoo miidiyaalee hawaasaa buufata xiyyaaraa Sanaa irraa, erga haleellaa qilleensaa Israa'el raawwateen booda ture mirkaneessee jira. Doowwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Chaos inside terminal after air strike hits Sanaa airport
  5. Iraan haleellaa Israa'el'n kan 'nagaafi tasgabbii sarbudha' jette

    Iraan haleellaa Israa'el Yaman irratti raawwatteen kan nagaa fi tasgabbii ''sarbu'' jechuun balaaleffatte.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Esmaa'il Baaqaa'ii, “dubbii barbaachi kun ifatti nagaa fi tasgabbii idil-addunyaa sarbuu fi ummata Yaman gootaa fi kabajamaa, akkasumas ummata cunqurfamaa Filisxeem to'atamee fi duguuggaan sanyi irratti raawwatame deggeruuf carraaqqii tokkollee hin qusannerratti yakka hin haalamne raawwatamuudha” jechuu AFPn gabaase.

    Odeeffannoo dabalataatiif: Hidhattoonni Huutiin Yaman keessa jiran Iraaniin kan deeggaraman yoo ta’u, Iraan ammoo finciltoota kanneeniif meeshaa waraanaa karaa seeraan alaatiin dabarsuun himatamti.

    Kun osoo kanaan jiruu, haleellaa Israa'el raawwattee kanaan namoonni sadi ajjeeffamu fi 11 irra miidhaan qaqabuu TVn Yaman keessatti Huutiin gaggeeffamu, Al Maasiraahn gabaase.

    Namoota ajjeeffaman keessaa lama haleellaa buufata xiyyaara Sana'aa keessaarratti raawwatameen yoo ta'u, inni biraa ammoo buufata Raas Isaatti ajjeeffame.

    Namoonni ajjeeffaman jedhaman kunneen namoota nagaa haa ta'anii ykn hidhattoota Huutii ammatti adda hin baane.

  6. Netaaniyaahuun bu'uuraalee Huutii 'barbadeessuuf' dhaadatanii turan

    Beenjamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, AFP

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu haleellaawwan Huutii ilaalchisee yaada kennanii tureen bu'uuraalee Huutii akka mancaasan dubbatan.

    Sambata darbe wayita misaayoleenni Huutii magaalaa guddoo Tel Aviiv keessatti haleellaa yoo raawwatan Israa'el haaloo bahuu jabaa akka raawwattu beeksiftee ture.

    Jalqaba ji'a kanaatti Netaaniyaahuun yaada Paarlaamaa biyyattiif kennan keessatti humnoonni keenya bu'uura waraanaa Huutii akka barbadeessu ajaja kenneera sababiinsaas qaamni kamuu nu miidhuu yaalu humna guutuun haleelama'' jedhanii akka turan AFPn gabaaseera.

    Humnoota diinaa yeroo kan fudhatu ta'ullee ciminaafi oogummaan cabsina jedhaniiru. "

  7. Finciltoonni Huutii Yaman Israa'el irratti dhukaasan eenyu?

    Hidhattoota Huutii

    Madda suuraa, EPA-EFE

    Huutiin garee hidhatee kan Iraanin deeggaramuu keessaa tokko fi qaama "garee Warraaqsa" Israa'el irratti geggeessu yoo ta'u, Hamaas Gaazaa fi Hezbullaa kan Libaanos waliin wal ta'uun wal deeggaru.

    Gareen kun dooniiwwan kudhanootaan lakkaa'aman Israa'el waliin hidhata qaba jedhee amanee irratti haleellaa raawwateera.

    Baatii Sadaasaa bara 2023 finciltoonni Huutii duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatteef haaloo ba’aa jirra jechuun Israa’el irratti haleellaa diroonii fi misaa’ela banuu eegale.

    Yeroo sanaa eegalee finciltoonni Huutii dooniiwwan qarqara galaanaa Yaman ga'an irrartti haleellaa raawwachaa turaniiru.

    Sadaasa 19, ammoo doonii daldalaa Galaana Diimaa keessatti bute.

    Eenyummaa garee kanaarratti dabalataan dubbiisuuf asii galaa Hidhattoonni Huutii eenyu?

  8. Raayyaan Ittisaa Israa'el Huutiin irra deddeebiin Israa'el haleele jedhe

    Hiidhattoota Huutii

    Madda suuraa, EPA

    Raayyaan ittisaa Israa'el (IDF) ibsa baaseen, bu'uraalee waraana Huutiirratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwahcuu wayita mirkaneessu gareen kun irra deddeebiin Israa'el haleeleera jedhe.

    Bu'uraaleen waraanaa haleelaman ulaa ittiin meeshaan waraanaa Iraan irraa gara naannichaa seenuudha jedheera. Dabalataan ulaa aanga'oonni Iraan ittiin socho'an ta'uus hime.

    Huutiin wiirtuu sochii shororkeessummaa Iraanii, haleellaan dooniiwwan daldalaa Idila addunyaafi ulaa san irratti raawwatan naannichaafi guutuu addunyaa tasgabbii dhowweera'' jedha ibsi waraana Israa'el.

    Ibsichi xiyyeeffannoon haleellaa qilleensaa isaa bu'uura waraanaa garee kanaa buufata xiyyaaraa Sana'aa jiru, buufata ibsaa Hezyaz and Ras Kanatib jedhamu fi bu'ura waraanaa Al-Hudaaydaah, Saliif, fi Raas Kanaatiib qarqara galaanaajiru ta'uu tarreesseera.

  9. Amma nu gahe, Haleellaan qilleensaa magaalaa guddoo Yaman iddoo adda addaa rukute

    Haleellaa magaalaa Sana'aa

    Madda suuraa, AFP

    Torbee darbe Yaman keessa kan socho'an hidhattooni Huutii magaalaa guddoo Israa'e Tel Aviiv haleeluu hordofee, Yamaan magaalaa Sana'aa keessatti haleellaan qilleensaa raawwateera.

    Buufata xiyyaaraa Idil- Addunyaa Sana'aa jiruufi magaalaa handaara galaana Diimaarra jirtu Hudaaydaah irratti raawwateera.

    Miidiyaan warra Huutiin hoogganamu haleellaa kanaaf Israa'eliin gaafatamaa godheera.

    Israa'elis ibsa haleellaa kanaan booda kenniteen guutuu Yaman keessatti buufataalee hidhattoota Hiitii irratti haleellaa qilleensaa raawwataa jiraachu beeksiifte jirti.

    Israa'el buufata xiyyaaraa, buufataalee anniisaa fi 'bu'uuraalee waraanaa' haleeluu beeksiifteetti.

    Haleellaa torban darbeetiin boodas iddoowwan warri Huttii socho'anirratti qiyyaafachuun haleellaa akka raawwattu ibsuunshee ni yaadatama.

    Haleellaa torban darbe Hutiin Tel Aviiviitti raawwatee paarkii bashannaan keessa bu'een lammiilee Israa'elirra miidhaan gaheera.

    Haleellaan Israa'eliin raawwatame jedhamu kun buufata xiyyaaraa, buufata waraanaafi humna ibsaa rukutuu AFPn namoota ijaan arganiifi hidhattoota Huutii waabeffachuun gabaaseera.

  10. Raashiyaan xiyyaarri Azarbaajaan misaayela Raashiyaan rukutamuu hin oolle jechuun tilmaama kennamu akeekkachiifte

    Xiyyaara Embraer 190 jedhamutti ibiddi erga qabatee booda addaan hirame

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Embraer 190 jedhamutti ibiddi erga qabatee booda addaan hirame

    Xiyyaara Azarbaajaan Roobii kaleessaa gara Raashiyaatti otoo imaluu kufee, lubbuu namoota 38 galaafate.

    Ogeeyyiin aviyeeeshinii muraasni xiyyaarichi misaayila farra xiyyaaraatiin Chichiniyaatti rukutamuu hin oolle jedhan.

    Midiyaan biyyaaleessaa Azarbaajaan qondaalota ''misaayillii Raashiyaa kufaatii xiyyaarichaa ka’umsa ta’uu hin oolle'' jedhan wabeeffachuun gabaase.

    Mootummaan Raashiyaa mala dhahinsi kun sirrii mitii jedhee akeekkachiise. Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Azarbaajaan kun magaalaa Kaazaak, Aktahu biratti otoo hin kufiin dura Galaana Kaaspiyaan cinatti Chichiniyaarra gara Kaazakistaanitti kallattii balalii geeddaratee ture.

    Namoota xiyyaarichaan imalaa turan 67 keessaa 29 lubbuun hafaniiru.

  11. Haleellaa Israa’el Gaazaatti raawwatteen Gaazixessitoonni shan ajjeefaman

    Konkolaataan yeroo xiyyaaraa Israa'eliin haleelametti mallattoo''Press'' jedhu ofirraa qaba

    Madda suuraa, Rooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan yeroo xiyyaaraa Israa'eliin haleelametti mallattoo''Press'' jedhu ofirraa qaba

    Dhaabbanni TV Filisxeem Gaazixeessitoonn isaa shan walakkeessaa Gaazaatti haleellaa Israa’eliin ajjeefamuu ibse.

    Gaazixessitoonni kun kaampii baqattootaa Nusriyaat, hospitaala Al-Awdaa jedhamu dura konkolaataa barreeffama 'Press' jedhu ofirraa qabu keessaa turan. Gaazixessitoonni kun haati warraa Gaazixessaa tokkoo da’umsaaf hospitaala seenu hordofuun bakka sanatti argaman.

    Konkolaataan sun mallattoo dhaabbata miidiyaa ta'uu akeeku kan qabu yoo ta'u, yeroo gubatu viidiyoo agarsiisu dhaabbannii sabaa-himaa kun maxxanse.

    Humni qilleensaa Israa’el garuu miseensota Islaamik Jihaad kanneen konkolaaticha keessa turan ''odeeffannoo basaasaarratti hundoofnee'' haleellaaf irratti qiyyaafanne jedhe.

    Itti dabaluun miidhaa namoota nagaarra qaqqabu hir’isuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuu ibse.

    BBC’n himannaa gama lachuurraa dhiyaate mirkaneeffachuu hin dandeenye.

    Haleellaa biraatiin magaalaa Gaazaatti Roobii darbe kana namoonni shan ajjeefamaniiru.

  12. Maanguddoo waggaa 60'f walitti fufiinsaan imalaan ayyaana waggaa kabajan

    Maanguddoo waggoota 60'f walitti fufiinsaan imalaan ayyaana dabarsan

    Madda suuraa, John Devine/BBC

    Guyyaa ayyaanaa isin maal hojjachuudhaan dabarsitu? Tarii waan guyyasi hojjattan ammoo bara baraanu wal fakkaataa laata?

    Maanguddoon kun garuu waggaa waggaadhaan gaafa Gannoo ykn Qilleen faranjootaatti imala taasisuun dabarsu.

    Imalli guyyaa ayyaana kanaatti taasisan kun bara 1965tti kan eegalame yoo ta'u, waggoota 60'f osoo addaan hin kutiin imalu. Yeroo jalqabaatiif fageenya kiiloomeetira 8 imaluun eegalan.

    Maqaansaanii Kooliin Beedfoord yoo ta'u amma maanguddoo waggaa 88ti. Yeroo jalqabaatiif guyyaa Ganootti imala kan eegalan waggaa 59 dura ture. Erga yeroo saanaatiin booda waggaa waggaan osoo adda hin kutiin ni imalu.

    Imala guyyaa sana taasisuus kan ittiin xumuru, mukeen bakka ijoollummaa isaatti ittiin taphatuutti guyyaa bara sanaa bocuudhaan.

    ''Baayyeen ittiin hawwatame jedheen yaada,'' jedhan Aab Beefoord.

    "Bara 1965tti, aniifi haati manaakoo, intala keenya kan waggaa tokko waliin, warrakoo kan ammallee mana ani itti guddadhe keessa jiraatan, waliin guyyaa ayyaana Qilleetiif deemnee turre."

    "Yeroon daa'ima xiqqaa ture anii fi hiriyyoonni koo naannoo Fenland kan naannawa Wimblington Hook Drive jedhamutti boolla dhoksaa qabna turre. Dur achi bashannana ajaa'ibaa qabna turre, bakka ajaa'ibaas ture," jedhu Obbo Beedfoord.

    Boolli nuti keessaa dhokannuu sunis naannoosaatii mukkeen qaba ture.

    Maanguddoon kun baruma baraan mukeen irratti lakkoofsa baraa soquun barreessa

    Madda suuraa, Colin Bedford

    Ibsa waa'ee suuraa, Maanguddoon kun baruma baraan mukeen irratti lakkoofsa baraa soquun barreessa

    Obbo Beedford itti fufuun, laaqana guyyaa Ayyaana Qilleen booda qilleensi bara 1965 keessumaa baayyee gaarii akka ture yaadatan.

    Yeroo sanatti kan "imala sarara yaadannoo kana" deemuuf murteesse. "Intala koo xiqqootti eddoowwan itti adamoof bahaa ture itti agarsiisuun barbaadee. Kanaaf, gara boolla dhoksaa keenya jaallatamaatti qajeele."

    "Yeroo muka achi jiran bira geenyu anis halbeen ittiin barreessuu koo baaseen maqaa jalqabaa koo fi baraa jirma mukaa irratti boce."

    "Wanti kun hundisaatuu yaadannoo gammachiisaa durii sana ifatti natti fide. Waggaa waggaanis kanuma hojjechuu nan barbaada jedheen yaade."

  13. Xiyyaara namoota 67 fe'ee Kazaakistaanitti kufe keessaa 38 du'uusaanii aanga'oonni himan

    Xiyyaarri kan daandii qilleensaa Azarbaajaan ta'ee fi lakkoofsi balalii isaa J2-8243 ta'e tokko osoo gara Raashiyaa, Girooznii imalaa jiruu Kazaakistaan magaalaa Aktaawu jedhamtu keessatti kufee caccabe.

    Xiyyaarri kun sababa duumessa hamaatiin of duuba deebi'ee qubachuuf akka dirqame daandiin qilleensichaa BBC'f ibseera.

    Xiyyaarichi hoomaa simbirrootaan walitti bu'uu akka hin oolle miidiyaan Raashiyaa gabaaseera. Gabaasi kun dhugaa ta'uunsaa garuu sirriitti hin mirkanoofne.

    Abbaan Alangaa waliigalaa Azaarbaajaan balaa kanaan walqabatee taateewwan hundinuu gadi fageenyaan qoratamaa jiraachuu ibsan.

    Pirezidanti Ilhaam Aliyev ammoo, kana jedhanii dubbachuuf ammatti yeroonsaa ganaadha jedhan.

    Xiyyaarri kun erga kufee caccabeen booda lubbu baraartonni bakkichatti argamuun hojiisaanii itti fufaniiru.

    Haala bakka sanature viidiyoo armaan gadiirraa daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Lubbu baraartonni iddoo balaan kun itti mudatetti haala kanaan argaman
  14. MM UK fi Zelenskiin waa'ee leenjii humnoota Yukireen mar'atan

    MM Uk fi Zelenskiin haalaa leenjii humnoota

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar fi Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waa'ee leenjii UK'n humnoota Yukireeniif biyyasaanii ittisuuf kenniitu ''cimsuuf'' waliigalan.

    Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam guyyaa Wiixataa wayita pirezidantii Yukireen waliin bilbilaan haasa'aniitti, michoonni biyyoota lixaa ''bara 2025'tti Yukireen ejjennoo cimaa akka qabaattu gochuudhaaf kutannoo qaban irratti tokko ta'aniiru'' jedhan.

    Kunis kan ta’e erga Ministeerri Raayyaa Ittisaa loltoota Ingilizii gara Yukireen erguudhaan humna waraanaa Yukireen leenjisuuf gargaaruu akka danda’u erga ifa ta’een booda ture.

    Biriteen bara 2022 irraa eegaltee loltoota Yukireen UK keessatti leenjisaa kan turte yoo ta’u, gareen xiqqaan ogeeyyii fayyaa waraana Biriteen ammoo Yukireen keessatti leenjii kennanis ni jiru.

    UK fi miseensonni Nato biroon Raashiyaa waliin kallattiin waldhabdee keessa galuutti harkifamuu sodaachuu irraa kan ka’e, loltoota gara Yukireenitti hin ergine ykn biyyattii keessatti naannoo balali’uu dhorkuu hin dirqisiisne.

    Haata'u malee, biyyoonni akka dhuunfaatti meeshaa waraanaafi meeshaalee dhiyeessaniiru.

    Marii bilbilaa isaanii kanaan, hoggantoonni lamaan Raashiyaan waa'ee Oppireeshinii Interflex, kan erga Yukireen weerartee as loltoonni Yukireen kuma 45 ol Biriteen keessatti itti leenji’an irratti mari’achusaanii mootummaan UK ibseera.

    Dureewwan lamaanis, ''dandeettii Yukireen dirree waraanaa irratti qabdu daran cimsuuf dhiyeessii isaa fooyyessuu irratti waliigalaniiru,'' jedhan dubbii himtuun waajjira Ministira Muummee UK.

    Itti dabaluudhaanis, “Wanti torbeewwanii fi ji’oota dhufan keessatti Yukireen keessatti ta’u Awurooppaa fi NATO’f murteessaadha.

    ''Hawwiin Pirezidantii Puutiin Yukireen keessatti fashalaa’un murteessaa ture,” jechuun hoggantoonni lamaan waliigalaniiru.

    Zeleniskiin barreeffama toora X irratti barreessaniin, Kiir fi ummata Biriiteen ''deeggarsa hin sochoone lubbuu lammiileen Yukireen baraaruuf itti fufeef'' galateeffachuu isaanii dubbatan.

  15. Qaamoleen nageenyaa 14 humnoota Asaadiif amanamoo ta'aniin ajjeefamuu Sooriyaan himte

    Loltoota finciltoota Sooriyaa kan amma aangoorra jiranii

    Madda suuraa, Reuters

    Qondaaltonni finciltootaa amma aangoo qabachuun Sooriyaa bulchaa jiran humnoonni Bashaar al-Asaadiif amanamoo ta'an haleellaa raawwataniin qaamolee nageenyaa 14 ajjeesuun 10 ammoo miidhuu ibsan.

    Lolli naannawa magaalaa handaara Meediteraaniyaanii taate Tartous keessa tureera, garuu namoonni kunneen osoo aanga'oota mootummaa Asaad to'achuuf deemanii haleellaa tasa irratti raawwatameen dhuman.

    Namoota to'atamuuf turan keessaa xiyyeeffannaa guddaan qondaala nageenyaa mootummaa Asaad kan maqaansaa mana hidhaa suukanneessaa- Saydnaya jedhamu waliin ka'u irratti ture.

    Manni hidhaa kun dhiheenya magaalaa Damasqootti argama.

    Jaarmiyaan UK jiruu fi mirga namoomaa Sooriyaa irratti hojjetu- Syrian Observatory for Human Rights (SOHR) jedhamu haleellaa daguudhaan raawwatameen hidhattoonni sadi biroonis ajjeefamuu ibse.

    Gama biraan ammoo aanga'oonni Sooriyaa amma aangoorra jiran magaalaa Homs keessatti daangaa yeroo labsuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

    Kunis erga galma amantii warra Alawite jedhamanii irratti haleellaan raawwachuu viidiyoon mul'iseeti.

    SOHR akka jedhutti namoota taatee kanaan mufatanii hiriira mormii ba'an keessaa shan ajjeefamanii, shan madaa'aniiru.

    Hiriirri mormii kun magaalaa iddoo dhaloota Bashaar al-Asaad taate Qardaha akkasumas magaalota akka Tartous fi Latakia keessattis gaggeeffameera.

    Alawite saba bicuu Sooriyaa yoo ta'an madda maatii Asaad, kanaafuu aanga'oonni duraanii hedduun gosa kana keessaa ba'an.

    Haala kanaan maatiin Asaad waggoota kurna shanii oliif Sooriyaa bulchan, ta'us torban lama dura haleellaa finciltoonni HTS jedhaman cimsaniin aangoorraa kaafame. Boodas gara Raashiyaatti baqate.

  16. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo eegalle.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaa hordofaa.

    Facebook keenyas argachuu dandeessu.

    Lafa nagaa oolaa!

  17. Raashiiyaafi Yukireen waraanaa dhaabuuf akka mari'ataniif phaaphaasiin gaafatan

    Phaaphaasiin waraanni Yukireeniifi Raashiyaa akka dhaabbatuuf mariif waamicha taasisan

    Madda suuraa, Reuters

    Phaaphaasii Firaansis waraana bara 2022 Raashiyaan Yukireen weeraruusheetiin eegalame akka xumuramuuf Yukireen fi Raashiyaa gidduutti mariin akka taasifamu gaafatan.

    Phaaphaasichi haasaa baramaa guyyaa Ayyaana Qillee taasisaniin, "nagaa waaraa fi haqaa" argamsiisuudhaaf qaamoolee lamaan gidduutti mariidhaaf "balbala banuuf ija jabinatu [barbaachisaa ture]" jedhan.

    Akkasumas gaaffiin duree amantaa kunis kan raawwatame haleellaa guddaa Raashiyaan guyyuma sana dhaabbilee anniisaa Yukireen irratti raawwatte hordofee yoo ta’u, Yukireen haleellichi yoo xiqqaate misaa’elaa fi diroonii 184 kan hirmaachise ta’uu ibsiteetti.

    Jalqaba bara kanaatti, Yukireen waamicha Phaaphaasichi Kiiv waraana kana dhaabuuf akka mari'attee fi ''hamilee alaabaa adii ol kaasuuf'' dhiheesse cimsitee mormitee turte.

    Ergaan duree amantaa kunis dhimmoota waldhabdee magaalaa fi addunyaa biroos kaaseera.

    Phaaphaasiin ganna 88 kun namoota kumaatamaan lakkaa’aman addabaabayii qulqulluu Pheexiroositti walitti qabamaniif haasawa taasisaniin: “Yukireen biyya waraanaan miidhamte keessattii fi isaan alatti sagalee meeshaa waraanaa haa callisiisu.”

    "Namoota dhuunfaa akkasumas ummanni saba hunda... akka mallattoo abdii ta'an, sagalee qawwee akka callisuu fi qoqqoodinsa akka mo'atan nan afeera," jedhan.

    Ergaa bara darbe Guyyaa Gannoo dubbatan irra deebiidhaan kaasuudhaan kan dubbatan Phaaphaasiin Firaansis, Gaazaattis dhukaasa dhaabuu fi namoota Hamaasiin booji'aman akka gadi dhiifamaniif gaafataniiru.

    ''Hawaasa Kiristaanota Israa'elii fi Filisxeem keessa jiran, keessumaa kan Gaazaa keessaa, bakka haalli namoomaa garmalee itti hamaa ta'etiin yaada,'' jedhan.

  18. Yukireenooti haala akkasiin Ayyaana Gannoo yoo dabarsan kun bara lammaffaati

    Jiraattoonni Yukireen ayyaan Gannoo Muddee 25 haala akkasiin yoo dabarsan yeroo lammataati

    Madda suuraa, Reuters

    Kun Yukireeniif Ayyaana Qillee gaafa Mudde 25 yoo kabajan waggaa lammataatii.

    Pirezidaantiin Yukireen Zelenskiin kaleessa, jala bultii ayyaana Qilleerratti, “Kun yeroo lammaffaaf, guyyaa ayyaana Qillee akka maatii guddaa tokkootti, akka biyya tokkootti haala wal fakkaatuun wajjiin kabajna,” jedhan.

    Yukireen akka aadaatti, akkuma Raashiyaa, kalaandarii Juuliyaan kan Ayyaanni Qillee Amajjii 7 ooluu hordofti.

    Haata'u malee, Raashiyaa irraa adda ta'uuf jechan Pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskiin baatii Adooleessa 2023 keessa seera kana jijjiiran.

    Ergasii as Ayyaanni Qillee akkaataa kalaandarii warra lixaa ykn kaalaandarii Giriigooriyaanitti kabajama.

    Zelenskiin akka jedhanitti, jijjiiramni kun lammiileen Yukireen ''hambaa Raashiyaa'' kan baatii Amajjii keessa ayyaana Qillee kabaju akka hiisan dandeessiseera.

  19. Hasan Sheek Mohammud hojiif gara Asmaraa imalan

    Pirezidant Hasan Sheek Mohammudiifi Pirezidant Isaayyaas Afawarqii

    Madda suuraa, Yemane G. Meskel 🇪🇷 @hawelti

    Pirezedantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud ‘’daawwaannaa hojiif’’har’a waaree booda Asmaaraa dhaqan.

    Ministiirri Odeeffannoo Ertiraa Yemanee Gabremasqal toora X gubbaatti akka beeksisanitti, hoggantoonni biyyoota lamanii hariiroosaaniifi kan naannichaa cimsuurratti mariyatu jedhan.

    Kanarra kan darbe dhimmoota maalirratti akka mariyatan bal’inaan waanti ibsame hin jiru.

    Pirezedantiin Somaaliyaa Asmaraatti Pirezedantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiin simataman.

    Tibba kana aanga'ootni Somaaliyaa adda addaatti imalaa kan jiran yoo ta'u, Minisiter Deetaan Ministira Dhimma Alaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Somaaliyaa Alii Mohammad Omaar akkaataa waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuun danda’amurratti mariyachuuf Finfiinneetti imalanii turan.

    Ministirri Haajaa Alaa biyyattii ammoo yeroo walfakkaataatti Masriitti imalanii turan.

  20. MM UK Istaarmar haleellaa Yukireen irratti raawwatame balaaleffate

    MM UK haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti rawwatte balaaleeffatan

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Mummee Yunaayitid Kingdam Siir Kiir Istaarmar, haleellaa ''walitti fufinsaan Raashiyaan bu'uuraalee anniisaa Yukireen irratti raawwattu'' balaaleeffatan.

    ''Fuullee haleellaa diroonii fi misaa'elaa dabalataa, haleellaa maashinii waraanaa dhiigaa lolaasanii fi gara jabiinaa Puutin irraa dhufuunitti, keessattuu yeroo Ayyaana Qillee illeen, boqonnaa tokko malee dandamachuu ummanni Yukireeniifi hoggansi Pirezidaantii Zelenskii agarsiisaniif kabajan kenna."

    Itti dabaluudhaanis, ''weerara seeraan alaa Raashiyaa kana dhaabuudhaaf Yukireen ejjannoo cimaa ta'ee irra kaa'uuf tattaaffii dachaa gochuun barbaachisaa'' ta'uu isaa dubbatan.