Finciltoonni Huutii Yaman Israa'el irratti dhukaasan eenyu?

Loltootni Huutii doonii meeshaalee fe'umsaa wayita to'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sadaasa 2023 wayita loltoonni Huutii doonii qabeenyummaan isaa kan Ingiliz ta'ee fi Jaappaanif hojjettu Galaana Diimaa keessatti butan.

Humnoonni Ameerikaa Yaman keessatti iddoowwan dawoo finciltoota Huutii shan irratti haleellaa qilleensaa raawwateera.

Peentaagoon akka jedhetti,iddoowwan dahannaa kunneen kutaalee meeshaa waraanaa gareen kun dooniiwwan naannicha keessa jiran irratti haleellaa rawwachuuf itti fayyadamaa ture of keessaa qaba ture.

Huutiin garee hidhatee kan Iraanin deeggaramuu keessaa tokko fi qaama "garee Warraaqsa" Israa'el irratti geggeessu yoo ta'u, Hamaas Gaazaa fi Hezbullaa kan Libaanos waliin wal ta'uun wal deeggaru.

Gareen kun dooniiwwan kudhanootaan lakkaa'aman Israa'el waliin hidhata qaba jedhee amanee irratti haleellaa raawwateera.

Finciltoonni Huutii haleellaa akkamii raawwatan?

Baatii Sadaasaa bara 2023 finciltoonni Huutii duula waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatteef haaloo ba’aa jirra jechuun Israa’el irratti haleellaa diroonii fi misaa’ela banuu eegale.

Yeroo sanaa eegalee finciltoonni Huutii dooniiwwan qarqara galaanaa Yaman ga'an irrartti haleellaa raawwachaa turaniiru.

Sadaasa 19, ammoo doonii daldalaa Galaana Diimaa keessatti bute.

Misaa’ela ykn boombii dirooniitiin Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessatti dooniiwwan gara 100 ta’an irratti haleellaa raawataa turaniiru.

Dooniiwwan isaan haleelan keessaa lama kan liqimfaman yoo ta'u, kanneen biroo kudhanootaan lakkaa’aman ammoo miidhaan irra gaheera.

Naannoolee Huutin to'atan
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoolee Huutiin to'atan

Baatii Bitootessaa bara 2024, doonii fe’umsaa alaabaa Barbaadoos qabdu kan 'True Confidence' jedhamtu irratti haleellaa misaa’ela Huutiin raawwateen hojjettoonni dooniichaa sadii ajjeefamaniiru.

Gareen kun dooniiwwan kan Israa’eel ta'u jedhe, ykn alaabaa Israa'el qaban akkasumas gara buufata doonii Israa’elitti qajeelu jedhee amane irratti xiyyeeffachuu isaa dubbata.

Haa ta'u malee, dooniiwwan garichi haleele hedduun isaanii Israa'el waliin walitti dhufeenya hin qaban.

Fulbaana bara 2024 Finciltoonni Huutii kan humni galaanaa Ameerikaa ''haleellaa walxaxaa'' jedhee waamu misaa'eloota dooniiwwan naannawa sana ga'an hundatti dhukaasa

Balaan haleellaa Huutii kun dhaabbileen doonii hedduun Galaana Diimaa irraa akka fagaatan taasiseera.

Meeshaaleen dooniidhaan gara idil-addunyaatti geejibsiifaman hunda keessaa naannoo 15% Galaana Diimaa fayyadamu, kun daldala idil-addunyaa irratti dhiibbaa uumeera.

Ameerikaa fi biyyoonni biroo finciltoota Huutii irratti maal hojjechaa jiru?

Humni galaanaa US, UK fi biyyoota biroo 12 daandii doonii naannoo Yaman eeguuf hojii ittisaa waloo kan 'Prosperity Guardian' jedhamu eegaluun isaanii ni yaadatama.

Ameerikaa fi UK'n baatii Amajjii bara 2024 irraa eegalee buufataalee finciltoota Huutii Yaman keessa jiran irratti haleellaa qilleensaa hedduu raawwataniiru.

Israa’elis haleellaa isaaniif haaloo ba’uuf buufataalee Huutii lama irratti haleellaa raawwatteetti.

Haleellaan qilleensaa Ameerikaa yeroo dhiyootti raawwatte kun xiyyaarota dhoksaa fageenya dheeraa kan hammate yoo ta’u, xiyyeeffannaan isaas dhaabbilee lafa jalaa qaamolee meeshaa waraanaa of keessaa qaban ta’uu ibsameera.

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Oostiin haleellaan kun US iddoowwan mormitoonni ishee ''akka hin dhaqqabne'' barbaadan rukutuu akka dandeessu agarsiise jedhan.

Hidhattoonni Huutii eenyuudhaa?

Huutiin garee siyaasaa fi amantii hidhatee jiruu fi Muslimoota Shi'aa Yaman kan Zaayidii deeggaruudha.

Qaama "tumsa warraksaa" Iraanin deeggaramu Israa'el, US fi biyyoota dhihaa bal'aa irratti gareewwan hidhattoota biroo Baha Giddugaleessaa keessa jiran kanneen akka Hamas fi Hizbullah waliin ta'uu mormuudha.

Sirnaan Ansar Allah (Partisans of God) jedhamuun kan beekamu gareen kun bara 1990moota keessa kan uumame yoo ta'u, maqaa isaa kan fudhate hundeessaa sochii kanaa kan du'aan boqote Huseen al-Huthidha. Hogganaan garichaa ammaa obboleessa isaa Abdul Maalik al-Hutiiti.

Wayita loltoonni Huutii hiriira deggersa palaaastayiniif magaalaa guddoo Yaman Sana'a keessatti gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Huutiin qaama "tumsa warraaksaa"garee Israa'el finciluuti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqaba bara 2000moota keessa Huutiin Pirezidaantii Yaman yeroo dheeraaf turan Alii Abdullaah Saaleh irratti fincila kaasan. Biyya gareen kun keessatti argaman kaaba Yaman keessatti argamtuutti bulchiinsa abbaa irree irraa ofiin of bulchuu guddaa barbaadan.

Bara 2011 waita warraaksi Arabootaa eegalu, fincilli ummataa Pirezidaanti Saaleh aangoo itti aanaa isaanii Abdrabbuh Mansohur Hadiitti dabarsee akka kennu dirqisiise.

Bara bulchiinsa Pirezidaantii Haadii, warri Huutii Saaleh aangoo irraa kaafamanii fi humnoota nageenyaa ammallee isaaf amanamoo ta’an waliin tumsa uumuun isaanii ni yaadatama.

Sana booda bulchiinsa kaabaa Saada to’achuun, magaalaa guddoo Yaman Sanaa dhuunfatan.

Bara 2015 finciltoonni kunneen kutaalee dhiha Yaman bal’aa qabatanii, pirezidaantichi biyya alaa akka baqatan dirqisiisan.

Biyyi ollaa Sa’uudii Arabiyaan Huutiin Yaman guutuu akka dhuunfateen,garee gurra Iraan ta'e kana sodaachuu eegale.

Gamtaa biyyoota Arabaa waraana kana keessa seenan ijaarte.

Haleellaan qilleensaa fi lola lafoo waggoota dheeraaf raawwatameen naanwa Huutii irra caalaa dhuunfate irraa hin buqqisuu hin dandeenye.

Amma Sa’uudii Arabiyaan Huutii waliin waliigaltee nagaa gochuuf yaalaa kan jirtu yoo ta’u, dhaabni waraanaa UN gidduu galeessa godhate Ebla bara 2022 irraa eegalee hojiirra oole.

Waraanni ture sanaan namootn 160,000 ol ajjeefamuu Pirojektiin bakka walitti bu'iinsa galmeessu kan 'Armed Conflict Location & Event Data Project' jedhamu ibseera

Namoonni miliyoona afuri ol ta'an ammoo buqqa'aniiru.

Huutii eenyutu deeggara akkamitti meeshaa waraanaa argatu?

Ameerikaan Huutiin dooniiwwan irratti akka xiyyeeffatan kan taasise Iraani jechuun, Pirezidaantiin US Baayiden Tehran gocha kana akka dhaabsiftuuf “ergaa dhuunfaa” Iraanif dabarsaniiru.

Iraan gama isheen harka keessaa akka hin qabne haalteetti.

Sa’uudii Arabiyaa fi Ameerikaan akka jedhanitti, Iraan uggura meeshaa waraanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cabsuun yeroo waraana biyya keessaa Yaman keessatti meeshaa waraanaa diroonii dabalatee, fi misaa’ela fi balistikii dabalatee Huusiidhaaf dabarsiteetti.

Misaa'eloonni fi dirooniin akkasii haleellaa Sa'udii Arabiyaa, akkasumas michuu ishee Yunaayitid Arab Emireets irratti raawwatame irratti akka fayyadaman dubbatan.

Dirooniin haleellaa Abu Daabii keessatti rawwatameef irratti fayyadame
(suuraa faayila)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Caccaba dirooniin bara 2022 Yaman irraa magaalaa guddoo UAE Abu Daabiitti furguggifame

Iraan Huutiidhaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuu haaluun siyaasaan qofa akka deeggartu dubbatti.

Yunivarsiitii Kaambiriijiitti dhimma Baha Giddu Galeessaa kan hordoftu Dr. Elizaabeet Keendaal, ''Huutiin meeshaa waraanaa, leenjii fi odeeffannoo Iraan malee sadarkaa kanaan socho'uu hin danda'u,'' jedhu.

Haa ta'u malee, "Iraan ajajaa fi to'annoo kallattiin Huutii irratti akka qabdu ifa miti" jetteetti.

Akka Dhaabbanni Qorannoo Siyaasaa Idil Addunyaa Xaaliyaanii ibsutti, Iraan Yaman keessatti warshaalee diroonii Huutii akka ijaaran gargaarteetti.

Huutii garee Islaamummaa Libaanos Hizbullah irraas gorsa waraanaa fi deeggarsa argataniiru jedha Giddugalli Shororkeessummaa Lolaa Ameerikaa keessatti argamu West Point Military Academy.

Huutiin hangam Yaman to'ateera?

Huutiin qarqara galoo Galaana Diimaa dabalatee Sana'aa fi kaaba dhiha Yaman to’ata.

Ummanni Yaman harki caalaan isaa naannoowwan kanneen keessa kan jiraatan yoo ta’u, Huutiin mootummaa mataa isaa kan gibira walitti qabuu fi maallaqa maxxansu qaba.

Mootummaan Yaman sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argate kun buufata doonii kibbaa Aden keessatti kan hundaa’edha.

Mana Maree Hooggansa Pirezidaantii miseensota saddeet qabuun kan to’atamu yoo ta’u, bara 2022tti Pirezidaanti Haadiin aangoo itti kennaniiru.