Maaleezhiyaan xiyyaarashee waggaa 10 dura achi buuteen dhabame irra deebiin barbaaduuf

Madda suuraa, Reuters
Xiyyaarri Maaleezhiyaa Boeing 737, lakkoofsi balalii MH370 qabu, Bitootessa 08, 2014 Kuwaala Laampur irraa gara Beejiingitti osoo balali'aa jiruu namoota 277 waliin bakka buuteensaa dhabamuun ni yaadatama.
Achi buuteen xiyyaarichaa waggoota 10niif dhabamuun kunis seenaa aviyeeshinii addunyaa keessatti taatee ajaa'ibaa ta'uun galmaa'eera.
Maaleeziyaan garuu xiyyaara ishe bahee hafe kana ijibbaattee hin dhiifne. Ammas waggoota 10 boodallee barbaacha xiyyarichaa deebitee jalqabuuf akka jirtu Rooyitars kan gabaase.
Ministirri geejjibaa biyyattii Antoonii Look akka jedhanitti, kibba Galaana Hindii qorachuuf yaadni dhaabbata qorannoo Ocean Infinity jedhamu irraa dhiyaateera.
Dhaabbatichi barbaacha xiyyaara kana isa dhumaa kan bara 2018 taasifame irrattillee hirmaatera.
Dhabbatichi caccabaa xiyyaraa iccitii ta'ee hafee kana yoo arge doolaara miiliyoona 70 akka argatu Antoonii Look himaniiru. ''Itti gaafatamummaa fi kutannoon keenya maatii miidhamtootaaf,'' jedhan Look.
"Yeroon kun yeroo caccabaa xiyyara kana argannee maatii miidhamtootaa itti beeksisuu dandeenyu akka ta'u abdii qabna."

Madda suuraa, Reuters
Angawoonni Maaleeziyaa jalqaba xiyyaarichi butamuu akka hin oollee dubbata turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Caccabaa xiyyaara Maaleezhiyaa ta'uu hin oole jedhamee kan shakkamuu fi garuummoo hin mirkanoofne hangi tokko naannawa qarqara galaanaa Afrikaa fi odolawwan Galaana Hindii keessatti argamanii jiru.
Imaltoota 277 wayita sana xiyyaricha waliin badan keessaa 150 ol lammilee Chaayinaa yoo ta'an, maatiin isaaniis Daandii Qilleensaa Maaleeziyaa, Dhaabbata Booyiingi akkasumas, dhaabbata mootora xiyyaaraa hojjetu Rolls-Royce, Allianz Insurance Group fi kanneen biroo beenyaa gaafataniiru.
Bara 2018ttis Maaleeziyaan yoo Ocean Infinity xiyyaara kana argate doolaara miiliyoona 70 kaffaluuf walii galtee turte; Haa ta'uu malee yaaliin dhabbatichi yeroo lama taasise hin milkoofne.
Sana boodall Maaleeziyaa, Chaayinaa fi Awustiraaliyaan saatalaayitii fi xiyyaara Inmarsat fayyadamuun sakatta'iinsa iskuweer kiiloo meetira 120 Galaana Hindii Kibbaa keessatti gaggeessa turan.
Sakatta'iinsi galaanaa jalaa fi dataa qorannoo satalaayitii utuu hin hafin barbaachi taasifameera. Haa ta'uu malee karoorri barbaachaa amma kun naannawa kam ykn tooftaa kamiin isa jedhurratti ibsi dabalataa hin kennamne.












