Xiyyaarri dhuunfaa daandii guddaa gubbaatti kufuun namootni 10 du'an

Xiyyaara dhuunfaa Maleezhiyaatti daandiirratti kufte

Madda suuraa, EPA/EFE/REX/SHUTTERSTOCK

Maaleezhiyaa keessatti xiyyaarri dhuunfaa tokko daandii konkolaataa irratti kufuun konkolaataafi mootara daandiirra imalaa turanitti bu’ee caccabee booda, namoonni 10 du’usaanii poolisiin biyyattii beeksiise.

Balaa xiyyaarichaa qaqqabe kanaanis namoonni xiyyaaricha keessa turan saddeetiifi kanneen lama lafarratti konkolaataa oofaa turan lubbuunsaanii darbeera.

Xiyyaarichi wayita lafa dhaheetti kan guutummaan caccabe yoo ta’u, bakka balaan kun itti mudate irraa aarri gurraachi cimaan samiitti ol ka’ee akka ture warraabbiin viidiyoo agarsiiseera.

Xiyyaarichis magaalaa guddoo biyyattii Kuwaalaa Laampur irraa kallattii lixaatti kan argamtu odola bashannanaa gara Seelaangoor imalaa ture jedhameera.

Ogeessoonni akka jedhanittis xiyyaarri Bichikraaft 390 jedhame kun osoo hin kufiin dura, walitti dhufeenyi to’attoota tiraafika qilleensaa waliin qabu adda citee ture jedhameera.

Haata’u malee, waamichi yeroo balaa tasaa kamuu akka isaan hin qaqqabneefi xiyyaarichi akka qubatuuf hayyamni kennameefi akka ture aanga’oonni beeksisan.

Xiyyaarri dhuunfaa sunis namoota qabattee turte saddeeti keessaa tokkoonsaa nama siyaasaa naannichaa ta’uun barameera.

Haata’u malee, ministirri Geejjiba biyyattii, Antonii Lookee, eenyummaa namoota du’anii hanga qorannoo reeffaatiin mirkanaa’ee dhufuutti odeeffannoo kennuu irraa of qusataniiru.

Balaliisaan xiyyaarichaa Shaahiruul Kaamaal Rooslaan nama gaa’ila dhaabbateefi abbaa ijoollee dhiira afurii yoo ta’an, namoota balaa kanaan lubbuusaanii dhaban keessaa tokko.

Qorannoon duraa Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Maaleezhiyaa akka agarsiisetti, xiyyaarichi akka ka’uuf hayyamni kan kennameef yoo ta’u, balaliiftoonni lamaanis kan muxannoo gahaa qaban ture jedhameera.

Qorattonnis saanduqa gurraacha bakka odeeffannoon balaliinsa xiyyaarichaa itti galmaa’u ykn qabduu odeeffannoo argachuuf yaalii taasisaa jiru.

Namni ijaan arge tokko madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, erga dhohinsichi qaqqabeen booda bakkicha dhaquun namoota miidhaan irra gahe ijaan argeera.