Balaa Xayyaaraa ET302: Sanduuqni odeeffannoo balaliinsaa 'Black box' maali?

Black box

Madda suuraa, Anadolu Agency

Lakkoofsi balaliinsaa ET302 Dilbata dabre kufee caccabuun lubbuu hedduu erga galaafatee booda, ka'umsi balaa kanaa maal kan jedhu gaaffii namoota hedduu taheera.

Balaa kanaan namni lubbuun hafee wanta achi keessa ture nutti himuu danda'u hinjiru.

Deebii kana kan argannu guutummaan guutuutti saanduqa haalluu burtukaanaa qabdu tokko keessaayi - Black box jedhamti.

Black box (saanduqni gurraachi) kun akka maqaasaa gurraacha miti, sirumayyuu akkuma suuraa kanarraa mullatutti haalluu burtukaanaa kan qabudha. Sababiin haalluun kun itti filatameefis, yeroo balaatti salphumatti akka argachuun danda'amuuf.

Sababiin 'black box' xayyaara keessa kaa'aniif, tarii yoo xayyaarri tokko balaan isa mudate, qorannoo gaggeessuuf kan gargaaruudha.

Wayita meeshaa kan tolchanis balaa garmalee akka dandamatu gochuuni. Kanumaanis saanduqni kun haga teempireechara 1,000 °C 'tti dandamachuu danda'a.

Sanduuqni Odeeffannoo balalii galmeessu (Black Box) kutaalee ijoo lama qaba. Flight Data Recorder fi Cockpit Voice Recorder jedhama.

Inni jalqabaa odeeffannoo balalii, saffisa, fageenya kamiin xiyyaari akka balali'aa ture galmeessa.

Cockpit voice recorder immoo sagalee waraaba. Balaliisaafi gargaaraan isaa kanneen Booleerraa balalii to'atan waliin waan haasa'an ni galmeessa. Waan dubbatan mara ni waraaba.

Akka adeemsa Dhaabata Sivil Aviyeshinii idil-addunyaatti biyya balaan kuni itit dhaqqabedha balaa kana kan qoratuufi adeemsa qorannichaa kan to'atu.

Balaan kunii Itoophiyaa keessa waan mudatef Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaatu to'ata jechuudha.

Yeroo darbe xiyyaarri Itoophiyaa Beeriyuut yeroo kufetti kan qorannoo sana gaggeesse Sivil Aviyeeshinii Libaanos ture. Sababa kanaan rakkoon mudate ture.

Amma garuu balaan kuni Itoophiyaatti waan mudatef sanduuqa kana gara Yunaayitid Isteetitti ergani qorachiisu danda'u jedheen yaada. Kanaanis daataafi sagaleen odeeffannoo argachuu danda'u.

Qorannoon isaa garuu walxaxaa waan ta'ef gabaasni duraa ji'a sadiif afur gidduutti ifa ta'a.

Yoo ture hanga waggaa tokko turuu danda'a.