Boeing: Maatiiwwan miidhamtoota balaa xiyyaara Boeing 737 Max Ameerikaa himatan

Madda suuraa, Reuters
- Barreessaa, Theo Leggett
- Gahee, Gabaasaa Business, BBC News'tiin
Maatiiwwan namoota balaa xiyyaara Boeing 737 Max mudateen du'an mootummaa Ameerikaa irratti himannaa banan.
Maatiiwwan kunneen Ameerikaan kan himatan, Boeing himannaa yakkaa irra bilisa akka ta'uuf jecha icciitiidhaan Waliigaltee Himannaa Jalaa Baafame (DPA) qopheessite jechuunidha.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balaliin ET302 Bitooteessa 2019 keessa Finfinnee irraa gara Naayiroobiitti qajeelee akkuma ka'een daqiiqawwan muraasaan booda kufe caccabe.
Taateen sun yoo xiyyaara 737 Max mudatu kan lammataa ture.
Booda keessa ammoo balaawwan lamaaniifuu maddisaa rakkina sooftiweerii ittiin balaliinsi to'atamu irra akka ta'e adda baafame.
Balaa xiyyaaroota lamaanitiinis namoonni 346 lubbusaanii dhabanii ture.
Balaawwan xiyyaaraa kana ilaalchises hanga ammaatti himannaawwan yakkaa keessatti kan caqafame nama tokicha qofaadha. Innis paayilatii olaanaa teknikaa duraanii Maark Forner.
Innis waa'ee softiweerii to'annoo balaliinsaa irratti ta'e jedhee odeeffannoo waajjira to'annoo US, FAA dhoksuun himatame.
Himannaan Mana Murtii Bulchiinsa Teeksaas keessatti banameen, Qajeelchi Haqaa US (DoJ)n Kampaanichi yakkaan akka hin gaafatamneef jecha seera kanaan dura ture haquufi qorannoon akka kanaan dura hinturre jechuun maatii balaa ET302 dogongorsuun himatan.
Haata'u malee, dhimmicha furuuf qorannoo irratti Boeing waliin hojjataa jirra jedhameera.
DPAn jalqaba baatii Amajjii osoo bulchiinsi US haaraan hojii hin eegaliin guyyootaan dura ture kan ifa taasifame. Boeing addabbiifi beenyaa doolaara biiliyoona 2.5 ta'u kaffaluuf waliigalee ture.
Yeroo sanattis Waajjirri Qajeelcha Haqaa US, ''Hojjattoonni Boeing odeeffannoo qabatamaa FAA irraa xiyyaara isaa 737 Max ilaalchisuun kennameef waliin dhahuu isaanii dhokfachuuf yaalii taasisuun, iftoominarra daandii bu'aa filataniiru,'' jedhee ture.
Abokaatowwan miidhamtootaa ammoo waliigalticha bakka Boeing dhaabbata seeraa bu'uun mallatteffameef ittigaafatamoon abbootii alangaa Qajeelcha Haqaa ta'uu adda baasan.
Isaanis manni murtichaa akka Boeing mirga himatamuu dhiisuu isaa haqaniif waamicha taasisan.
Dhaabbanni Boeing dhimma kanarratti yaada kennuu dide.
Oddeessaale walfakkaata:















