Boeing 737 Max balaliitti akka deebi'u 'jarjarsuun' hayyamame

Madda suuraa, Reuters
Hogganni olaanaan duraanii buufata omisha Boeing 737 kan Siyaatil jiru ta'e, nageenya xiyyaara Boeing 737 Max ilaalchisee yaaddoo haaraa qaban ibsan.
Xiyyaarri balaawwan lama kan lubbuu namoota 346 galaafate booda akka hin balaliine dhorkame kun, Ameerikaa fi Biraazil keessatti balaliitti akka deebi'u hayyama argateera. Torbee kana Awurooppaa keessattis balaliitti ni deebi'a jedhamee eegama.
Haa ta'u malee gabaasa haaraan hogganaa olaanaan duraanii Eed Piirsan dhimmoota elekrikaalii fi qulqullina omishaa warshaa xiyyaarichaa irratti yaaddoo qabu ibseera.
To'attoonni Ameerikaa fi Awurooppaa garuu qorannoon taasisan sirrii ta'uu fi xiyyaarri 737 Max balaliif qophii ta'uu himu.
Gabaasa isaa keessatti Obbo Piirsan qorattoonni fi to'attoonni dhimmoota ijoo balaawwan mudataniif sababa kallattii ta'uu malaniif xiyyeeffannaa hin kennine jedhan.
Akka inni jedhutti balaawwan kunneen haala warshaa xiyyaarichaa dhiyeenya Siyaatil bakka Reentan jedhamu keessa jiruun wal qabatu. Boeing garuu kun soba bu'uura hin qabne jedha.
Rakkoolee MCAS
Xiyyaarri 'Lion Air' lakkoofsa balallii JT610 Onkoloolessa 2018 Indooneezhiyaatti galaana keessatti kufee caccabe.
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ET302 ammoo balalii eegalee daqiiqaawwan muraasa keessatti naannawa Bishooftuutti kufee caccabe.
Balaawwan lamaan kanaan walumaagalatti namoonni 346 lubbuu dhabaniiru.
Qorannoowwan akka agarsiisanitti balaawwan kunneen lamaanuu rakkoo sirna to'annoo balallii MCAS jedhamuun uumameen mudatan.
Seensariin xiyyaarichaa funyaan xiyyaaraa gara samiitti daran ol ka'uu ragaa sirrii hin taane sirna to'annoo balallii kanaaf kenne, san booda sirni balallii ofiin hojjetu kun funyaan xiyyaaraa gadi harkisuu eegale.
Paayileetonni ol qabuuf yaalanillee osoo hin milkaa'iin xiyyaarri funyaaniin gara dachee gadi garagalee ariitiin akka kufu ta'e.
Xiyyaaricha balaliitti deebisuuf yaaliin taasifame irra hedduun sirni balallii MCAS kun ragaa dogoggoraa seensarii tokkorraa argatuun funyaan xiyyaarichaa akka gadi hin harkifne haaromsuu irratti fuulleffate.
Eed Piirsaniif kuni gahaa miti. Miseensa gameessa humna galaanarraa Ameerikaa kan ture namni kun, bara 2015 hanga 2018 omisha xiyyaara Boeing keessatti nama gahee hoggana olaanarra turedha.
Koongiresiin Ameerikaa wayita ka'umsa balaawwan kanaa qoratu namoota jecha isaanii kennan keessa isa ijoodha.
Waa'ee haala warshaa keessa jiru yaaddoo akka qabu fi maatiin isaa xiyyaara Boeing akka koran akka hin feene hogganoota Boeing'tti himuu kongiresiif ragaa bahe.

Madda suuraa, Getty Images
Hojjettoonni warshichaa ariitiin xiyyaara haaraa akka omishan dhiibbaa guddaa jala turan, haalli warshicha keessa jiru hojjettoonni xiyyaarota qulqullinaan akka hin omishne taasiseera jechuun ragaa bahee ture 2018.
Wayita 737 Max qilleensatti deebisuuf hojjetamaa jiru kanatti dhimmoonni kun ammallee xiyyeeffannaa hin arganne jedha.
Eed Piirsan balaan lamaanuu sababa xiyyaaronni omisha irratti mudoo qabaniif kan uumamanidha.
Mudoolee kanneen keessaa sirna balallii xiyyaaraa fi rakkoolee elektirikaaliin akka jiran hima.

Madda suuraa, AFP
Sararawwan elektiriikii daran walxaxaa ta'e xiyyaarichi qabu keessatti dogoggorri uumamu sirni balallii xiyyaaraa MCAS jedhamu akka dogoggoru gochuu mala jedha.
Mallattooleen hundi rakkoon warshaa omishaa 737 Max akka jiru agarsiisa jedha Piirsan.
Rakkoon omisharratti uumamu balaaf sababa ta'uu akka malu, to'attoonni balalii qilleensaa guutummaatti dagataniiru jechuun falma.
Rakkooleen ykn hanqinoonni omisharratti uumaman osoo furmaata hin argatiin xiyyaarichi balaliitti deebinaan balaan biraa uumamuu mala jechuunis akeekkachiisa.
Yaaddoon kun kan Piirsan qofa osoo hin taane kan nama kabajamaa nageenya aviyeeshiniif qabsaa'u kaapiteen Cheeslii Suulanbargiiti.

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni Eed Piirsan haala warshaaleen Boeing keessa jiran baasee 'nama rifaasisa' jedhu. Kun Max qofaaf osoo hin taane xiyyaarota 737 biroos kan ilaallatudha jedhan.
"Gaaffilee deebii hin arganne murteessoo ta'an kan deebii argachuu qaban hedduutu jiru," jedhan.
"Qulqullina hojii hojjetamaa ture ogeeyyiin walaba ta'an akka qoratan, Boeing fi Bulchiinsi Balalii Federaalaa (FAA) ifa ta'anii ragaa fi odeeffannoo barbaachisaa kennuu qabu," jedhan.
Ogeyyiin biroos gabaasni Piirsan kun xiyyeeffannaan ilaalamuu akka qabu himu.
Boeing mudoon omisha irratti uumamuu balaawwan lamaan xiyyaarota isaa mudateef sababa ta'uu fi dhiisuu irratti yaada hin kennu. Kuni dhimma abbootii taayitaa dhimmicha qorachaa jiraniiti jedha.
Haa ta'u malee haala warshaa keessa jiruu fi balaawwan lamaan wal qabsiisuun "guutummaatti bu'uura kan hin qabnedha" jedhe. Abbootiin taayitaa balaawwan lamaan qoratanis kana hin jenne jedhe.
Hogganaan eejansii nageenya aviyeeshinii Awurooppaa (EASA) Paatriik Kaay amma dura BBC'tti akka himetti, xiyyaarri 737 Max balaliitti akka deebi'uu nageenyi isaa amansiisaa ta'uu mirkaneeffateera.
Haa ta'u malee kanneen balaawwan kanaan maatiin isaanii jalaa du'an osoo yaaddoon irratti ka'aa jiruu, xiyyaarichi Awurooppaa keessatti akka hin sochoone gaafachaa jiru.


















