Balaa xiyyaara Indoneshiyaan walqabatee maatiin ammalleen eeggataa jiru

Jiddugalli balaa Buufanni xiyyaaraa So'ekarno Amajjii 9, 2021 Jaakaartaa Indoneshiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maatiiwwan imaltootaafi hojjattoota xiyyaaraa, Daandii Qilleensaa Sriwiijaayaa Booyingi 737 ammalleen abdiin eegataa jiru.

Xiyyaara imaltootaa Jaakaartaa Sanbata darbe battaluma ka'een daqiiqaawwan muraasa booda galaana keessatti dhidhime keessa namoota 62 ture.

Ammatti namoota lubbuun argachuuf abdii omtuu hinjiru.

Eenyummaan namoota xiyyaaricha keessa turanii karaa idileetiin waanti jedhame jiraachuu baatulleen, maatiifi hiriyyoota irraa garuu odeeffannoowwan bahaa jiru.

Gaazexeessitoonni BBC Indoneeshiyaa odeeffannoowwan itti aanu qindeessaniiru.

Balaliisaa Kaapteen Afwaan

Balaliisaa Afwaan xiyyaara keessa osoo jiru

Madda suuraa, Endah

"Baayyee gadda cimaa keessatti argamna. Ammalleen waan gaarii dhagahuuf kadhataa jira'' jedhan kan eessumni isaa balaliisaa xiyyaara balaan irra qaqabee , Sriwijaya SJ182 ta'e, Ferzaa Maahaardhikaa.

Balaliisaa Afwaan kan umuriin waggaa 54, guyyaa balaan kun qaqabeetti ariitiidhaan mana isaatii bahuu ilmi eessumaa isaa BBC Indoneshiyaatti hime.

Innis shamiziin 'kiyya haalaan hinsiroofne jechuun gungumaa bahee garuu baayyee bareeda ture'' jedhe.

Akkasumas balaliisaan kun deebi'ee ijoollee isaa sadan dhiisee deemuusaatiif dhiifama gaafate ture.

Balaliisaa Afwaan ogummaa balaliisummaa kanas bara 1987 balaliisaa xiyyaara daldalaa eegaluun dura humna qilleensaa keessatti kan eegale ta'utuu himame.

Maatiifi hirriyoonni isaas hordofaa amantii Islaamaa cimaafi namoota Lixa Jaavaa Magaalaa Bogori keessatti ollaa isaatti argamaniif lafa hojiisaatti gargaaruun kan beekamee ta'u himu.

Midiyaa hawaasaa irratti jedha ''amma barbaaddee ol fagaattee balaliitulleen, yoo kadhannaa taasifte malee samii hinqaqabduu'' jedhu qaba.

''Baayyee nama gaarii ture. Yeroo baayyees gorsa bareedaa namootaaf kenna. Ollaa isaa keessatti fakkeenya gaariifi nama gara laafummaan beekame ture,'' jedha Feeza Maaraardhikaa.

Itti dabaluunis "Baayyee naheera. kun ni mudata jedhee amanu hindanda'u. Maaloo eessuma kiyyaafi maatii isaatiif kadhadhaa'' jedheera.

Angga Fernanda Afrion

Afridaa suuraa ilam ishee qabatte

Madda suuraa, BBC Indonesia

Afridaa BBC Indoneshiyaatti akka himteetti, ilmishee Anggaa Fernaandaa Afrion kan xiyyaricha keessa tureefi dargaggoon umuriin waggaa 29 ammalleen lubbuun jira jechuun abdatti.

''Miseensoonni maatii kan Jaakaartaa keessatti argaman odeeffannoo argachuuf barbaadaa jiru. Anis gara sana deemuun barbaada garuu sababii weerarichaatiin imaluun baayyee rakkisaadha'' jetti aaddee Afridaa kan Lixa Sumaatraa keessa jirtu.

Anggaa erga ilama jalqabaa argatee ganaa reefu torba tokko ta'a. Akka haatiisaa jedhaniitti, ilma argachuunsaa ammoo mucaasaa haalaa guddisuuf caalaa akka hojjatu isaa kakaasee ture.

Anggaan dooniiwwan fe'umsaa gurguddaa irra hojjataa ture. Jimaata galgala ammoo gara haadhasaatti bilbiluun gara Pontianak imaluuf akka jiru itti himu dubbatti. Sababiinsaas dooniin isaa waan cabseef ittigaafatamaan isaa akka deemuu akka barbaade itti himu dubbatti.

Yeroo baayyees hojiin walqabatee Indineshiyaa guutuun kan imalu yoo ta'u, garuu doonii fayyadamu kan fedhu yoo ta'u darbee darbee balaliinsa fayyadama.

Afridaan akka jettuutti ilmishee ''nama cimaa fi kan maatiif aboomamu ture. Nama obsaafi kan nama kamu waliin waliigalu ture.''

''Yoo kan du'e ta'e, gara biyyaa fidee sirnaan awwaalachuun barbaada'' jette akkuma suuraa kan uffata danbiitiin ka'ee qabateetti.

Ihsan Adhlan Hakim fi Putri Wahyuni

Namoota imala xiyyaara kanaa keessa turan keessa haadha manaafi abbaa manaa reefuu wal fudhan Ihsan Adhlan Hakim fi Putri Wahyuni keessatti argamu.

Obbooleessi quxusuun Ihsan, Arwin Amru Hakim, akka marsariitii oduu Kompaas jedhamutti himeetti, sababii haala qilleensaa hamaatiin balaliinsi isaanii turu buufata xiyyaaraa irraa bilbilee itti himu dubbateera.

Musurroonni kunneenis maatii achitti argaman waliin qophii gaa'iilaa raawwachuuf gara Kaalimaantaan ilamaa turan.

''Karoorri silaa qophiin Sanbata dhufaa gaggeeffamuuf ture,'' jedha Arwin. Amma garuu maatiin akkuma jiruun waliin kadhannaa taasisaa jiras jedhe.

Indah Halima Putri fi Muhammad Rizky Wahyudi mucaasaanii waliin

Yusrilanita waa'ee balaa xiyyaara kanaa dhagahaniitti of walaaluun kufanii tura. Achi keessas intalasaanii Indah Halima Putri, abba warraa ishee Muhammad Rizky Wahyudi fi mucaa isaanitu ture.

Indah dahumsaaf gara mana maatiishee kan dhaqxe turte yoo ta'u maam abbaa warraa isheefi mucaa ishee waliin gara mana saanii kan Pontianak keessatti deebii'uuf ture.

Osoo balaliinsa hineegaliin dura Indah suuraa xiyyarichaa kaasuun karaa WhatsAppiin maatiitti erguun roobni cimaan waan jiruuf nuuf kadhadhaa jettee akka turte midiyaan biyya keessaa gabaaseera.