Keessa beektonni 'Boeing' sirni Oksijiinii xiyyaara 787 mudoo qaba jedhan

Boeing 787-8 Dreamliner

Madda suuraa, Boeing

Keessa beekaan kaampanii xiyyaara omishu 'Boeing' imaltoonni xiyyaara 'Boeing 787'n imalan balaliisa irratti yoo rakkoon mudate oksijinii malee hafuu danda'u jedhe.

Joon Baarnet akka jedhutti sirna oksijinii xiyyaarichaa keessaa nuusa kan ta'u mudoo qabaachuu fi yeroo barbaadame tajaajila kennuu akka hin dandeenye qorannoon mul'iseera.

Wayita xiyyaarri warshaale 'Boeing' keessatti omishamu qaamoleen sirna oksijinii mudoo qaban ta'e jedhamanii xiyyaaratti tolfamus jedha namni kun.

'Boeing' ammoo kuni soba, xiyyaaronni koo hundi sadarkaa qulqullinaa fi nageenyaa olaanaa ta'een omishamu jedheera.

Kaampaanichi erga xiyyaaronni isaa '737 Max' lama garaagarummaa baatilee shaniitiin kufanii caccabanii lubbuu namoota 346 galaafataniin booda gaaffiin hedduun irratti ka'aa jira.

'Boeing' keessatti injinara to'ataa qulqullinaa kan ture Baarnet, sababa rakkoo fayyaan Bitootessa 2017 hanga hojii gadi dhiisutti waggoota 32'f kaampaanichaaf hojjeteera.

Bara 2010 irraa eegalee ammoo warshaa 'Boeing' Kibba Kaaroliinaa, Kaaba Chaarlistan jirutti hogganaa to'annoo qulqullinaa ture.

Joon Baarnet

Madda suuraa, Joon Baarnet

Ibsa waa'ee suuraa, Joon Baarnet to'ataa qulqullinaa duraanii 'Boeing'

Warshaan Kibba Kaarolinaa jiru kun warshaalee kaampaanichaa xiyyaara 'Boeing 787 Dreamliner' omishan lama keessaa isa tokkodha.

Xiyyaarri '787 Dreamliner' xiyyaara daran ammayyaawaa balaliisa dhedheeraaf daandileen xiyyaaraa itti fayyadamanidha.

Xiyyaarichi gara gabaa erga seeneen booda rakkoo baatiriin wal qabatee isa mudateen alatti daandilee xiyyaaraa hedduun fudhatama argatee kaampaanichaafis bu'aa guddaa argamsiise.

Haa ta'u malee akka Baarnet jedhutti, 'Boeing' omisha xiyyaara kanaatti ariifatee waan tureef nageenyi isaa amansiisaa miti.

'Boieng' kana ni haala. Nageenyi, qulqullinni fi amanamummaan dudhaalee isaa yoomuu hin tuqamne akka ta'e hima.

Bara 2016 sirni oksiijinii yeroo balaa tasaa rakkoo akka qabu bira gahuu isaa Baarnet BBC'tti himeera.

Sirni oksiijinii kun osoo xiyyaarichi balaliisarra jiru rakkoon dhiibbaan qillensaa xiqqaachuu ykn 'decompression' yoo mudate, hojjattoota fi imaltoota lubbuun kan tursudha.

Warshaa Boeing Kibba Kaaroliinaa 787 Dreamliner omishu

Madda suuraa, Boeing

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa Boeing Kibba Kaaroliinaa 787 Dreamliner omishu

Wayita rakkoon kun mudatu wanti afaaniifi funyaanitti kaa'atan baaxii xiyyaarichaa keessaa bu'ee siliindarii gaasii xiyyaarichaa keessaa oksijinii kan dhiyeessu sirna oksijinii kanadha.

Sirni kun yoo hin jiraatiin namni xiyyaarichaan faana kuma 35 ol ka'ee balali'aa jiru daqiiqaa tokkotti of wallaaluu danda'a.

Faana kuma 40 ol yoo ta;e ammoo sakandii 20 ol turuu hin danda'u. San booda sammuurra miidhaangahee du'aaf nama saaxiluu danda'a.

Rakkoon akkana xiyyaara irratti yeroo mara kan hin mudanne ta'ullee darbee darbee mudachuun isaa hin oolu.

Bara 2018 fakkeenyaaf foddaan xiyyaara cabee buqqa'ee rakkoon akkanaa mudatee namni tokko yoo du'u kaan sirna oksijinii kanaan lubbuu baraaramanii jiru.

Xiyyaara daandii xiyyaaraa 'Southwest' foddaan osoo balaliisarra jiru irraa bu'e - 2018

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara daandii xiyyaaraa 'Southwest' foddaan osoo balaliisarra jiru irraa bu'e

Sirna oksijinii xiyyaara 'Boeing 787' 300 qorannoon irratti taasifame keessaa 75 mudoo akka qaban bira gahamee ture jedha Baarnet.

Rakkoon akka ilaalamuu fi furamu yaada dhiyeessuf hogganoota 'Boeing' biratti fudhatama argachuu dhabuu hima.

Abbaa taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA)'f eeruu kennee akka tures ni hima.

FAA'n yeroos 'Boeing' rakkoo sana hubatee sirreessuuf hoijjechaa akka jiru deebii nuuf kenne jedhe. 'Boeing' garuu waan Baarnet jedhu kufaa taasise.

Yeroos sirna oksijinii keessatti rakkoo xiqqoon akka jiru hubannee turre, battaluma sanatti sirreessineerra jedhe.

Waliigalatti sirni ooksijinii xiyyaarichaa to'attootaan madaalamee sirnaan kan dalagu ta'uun isaa mirkanaa'ee jira jedha.

Idileedhaanis yeroo yeroon kan qoratamu ta'uu hima.

Kaampaanichi kana haa jedhu malee Baarnet ammallee nageenya xiyyaara '787 Dreanliner' irraa yaaddoo guddaa qaba.

"Muuxannoo koo waggoota dheeraa fi seenaa balaawwan xiiyyaaraa amma dura mudatan irraa ka'uun, rakkoon guddaan xiyyara kana akka mudatu shakkii hin qabu jedha" jedha.

"Wantin jechaa jiru dogoggora akka ta'u ammoo waaqan kadhadha."