Boeing tokko tokkoo maatii firri jalaa du'eef $144,500 kaffaluuf

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Boeing tokko tokkoo maatiiwwan firri isaanii balaa xiyyaaraa Max 737'n jalaa du'aniif doolaara Ameerikaa 144,500 kanfaluuf jedhame.
Gargaarsi maallaqaa Boeing dolaara miliyoona 50 ramade kunis maatii namoota balaawwan xiyyaaraa Indoneshiyaa fi Itophiyaatiin lubbusaanii dhabaniif kallattiin kan kanfalamu.
Kaffaltichaaf iyyannoon bara 2020 dura galee xumuramuu qaba jedhame fudhatamuu jalqabeera.
Abbookaatowwan maatii warra firir jalaa dhumee hedduunsaanii kaampaanicha mana murtiitti kan hiataman yoo ta'u, baay'een isaanii fandii kun xiqqaadha jechuun kuffiisaniiruu.
''Kanfaltiin doolaara kuma 144,500 kunis maatii keenya kamiyyuuf beenyaa ta'uu hin danda'u,'' jedha Nomaan Husaayin abukaatoon maatii shanii kan Teksaasitti bu'ureeffate.
"Kunis kan maatiiwwan firootasaanii balaa kanaan dhaban waan gammachiisu ta'ee hin argamnee. Maatiin ammas dhugumatti deebii barbaadu.''
Mala xiyyeeffannaa geedaruutiin?
Xiyyaarri Max 737 baatii Bitooteessaa irraa kaasee balaa xiyyaara Indoneshiyaa fi Itoophiyaatti kan badinsa lubbuu namoota 340'f sababa ta'eetti aansuun hanga nageenyi isaa qoratamee sirratutti hojiin ala akka ta'u taasifamuunsaa ni yaadatama.
Boeing baatii Adooleessaa keessa ture dolaara miliyoona 100 ramaduusaa kan ibse. Innis maatiiwwanii fi hawaasa balaa xiyyaarichaatiin miidhamaniif kan oluudha.
Kaampaanichi booda keessa ammoo wallakaansaa kallattiin maatiiwwan miidhamtootaaf kan kanfalamuufi kaan ammoo hawwaasa balaa kanaan miidhameef barnootaafi misoomaaf akka oolu beeksisee ture.
Roobarti A Kilford himmannaa daandii qilleensaa Itoophiyaa 302 akka jedheetti, jalaqaba wayita balichi ibsamuutti iftoomnina gadi fageenyaa dhabuunsaa Boeing akka waan gaaffiiwwan nageenya ilaalchisuun ka'an irratti xiyyeeffannaa namootaa geeddaruuf taasiseettu fudhachiseera.
Miseensii maatiiwwanii, kanneen akka yaadannoon dhaabbatuuf argu barbaadan baay'eensaanii kaampaanichi maallaqa isa hafe dolaara miliyoona 50 attamiin baasuu akka barbaadee gaafataa jiru, jedheera.
''Balaa ayiveeshiin akka kanaa wal qabatee gaaffiin biraa ka'u maatiiwwan wanti isaani argatan hin jiraatu,'' jedhaniiru.
'Tarkaanffii Barbaachisaa'
Ibsicha keessattis hojii gaggeessaan Boeing Dennis Muilenberg fandichi saaqamunsaa, sochii dhaabbatichi maatiiwwan balaa Boeing 737 Max 8 tiif du'anii gargaaruuf taasisaa jiruuf 'tarkaanfii barbaachisaa' jedhaniiru.
Fandicha keessatti hirmaachuun fedhiidhaan.
Kenet R Feeyinbergi bulchaan maallaqa deegarsa kanaa akka jedheetti, hirmaannaan fedhiirratti kan hundaa'e waan ta'eef maatiin akka qofaatti himannaa saaqu yoo barbaadan mirgasaanii waan ta'eef kan dirqisisee hin jiru.
Mr Feyinbergi maallaqa miidhamtoota balaatiif ramadame qoodudhaan baayyee beekamaadha. Miidhamtoota haleellaa Fulbaana 11 fi kan boba'aa 'Deepwater Horizon' tiifis maallaqa qoodeera.















