Maatiin lammiilee Keeniyaa Boeing fi Daandii Xiyyaara Itoophiyaa himachuufi

qaama xiyyaara kufee caccabee

Madda suuraa, Getty Images

Maatiin lammilee Keeniyaa balaa xiyyaara Itoophiyaa ji'a darbeetiin lubbusaanii dhaban Daandii Xiyyaarichaa fi Beoing himachuufi jedhan.

Maatiin namoota balaa sanaan du'aniis dhaabbanni xiyyaaricha omishee fi daandiin xiyyaara lamaanu d'u qaqabeef itti gaafatamummaa fudhachu qabu jedhan.

Qorannoon jalaqabaa dizaayiniin gosa xiyyaaraa Booying 737 Max 8 jedhamu rakkoo akka qabu agarsiiseera jedhu.

Maatiin namoota jaalata dhabanii kunneenis balaa mudaten nama of biraa dhaban rakkoo dhalateef Daandii xiyyaara Itoophiyaafi Dhaabbata Booyingitu gaafatamuu qaba jedhaniiru.

Gareen abbootii seeraa Keeniyaafi Yunaayitid Isteet jiran maatii kana bakka bu'ani falmatu.

Abbootiin seeraas akka irra aananis abdii akka qaban himaniiru. Himannaan kunis Yunaayitid isteetitti dhiyaata jedhameera.

Maatiin lammii Ruwaandaa balaa kanaan nama of biraa dhabanillee Ameerikaatti rakkina Beoing 737 max 8 tu du'a kanaaf sababa ta'e kaasuun himachuun isaanii ni yaadatama.

Kana duras maddi maqaan hindhayamiin barruun 'Wall Street' tiin hime tokko paayilatichi jalqaba tarkaanfiiwwan yeroo ariifachisaa omishaa xiyyaarichaatiin gaafatamu fudhatuulleen xiyyaaricha to'achu akka hindandeenye gabaasuun keenya ni yaadatama.

Torban darbee ammoo, Beoing paayilatoota dhabbaan lakkaamanii fi riipportaroota walitti qabuun modelichatti jijjiraa taasisuuf jiru dhiyeesse ture. Kun jechuunis sirnichi paayilatoonni xiyyara to'achuuf yaalaniiyyuu gonkumaa sirreeffamu hindanda'amu jechu akka ta'e APN gabaasera.

Garuu Beoing akka jedheetti fooyyeesu jechuun sirnatu balaaf sabab ta'e jechuun fudhachu miti jedheera.

Qorattoonni garee Itoophiyaa ammoo qorannoo marsaa jalqabaa hara baasuuf jiru.