Boeing 737 Max 8: Gara laaffeeyyii ummata Oromoo Tulluu Farraa

Madda suuraa, Netsanet tesfaye
Xiyyaara Itoophiyaa Beoing 737 Max 8 Bitooteessa 10, 2019 gara Naayiroobiitti balaliinsa akkuma eegaleen daqiiqaa muraasaan booda kufee cacabe. Sababii kanaanis lammiileen biyyoota 35 , 157 ta'an Aanaa Giimbichuu naannoo Tullu Farraa jedhamuttti lubbusaanii dhaban.
Balaa qaqabeenis lubbuun irraa hafe omtu hinturree. Kaanis hundumatu qalbii cabee ture. Haa ta'u mallee, gaddi jiraattota naanno Tullu Farraa adda ture. Keessattuu aayyoo Muluunash Bajigaa adda turan.
Kanneen biyyaa keessaafi biyya alaatii hirmii baafachuuf achi deeman waliin imiimaansaanii dhangalaasaa bahan.
Gocha gara laafummaa maanguddoo kanaafi hawaasa naannichaa ilaalchees BBC'n vidiiyoo fi barreeffamaan gabaasuun saa ni yaadatama. Midiyaaleen hawaasumaas bara mirri Itoophiyaanummaa baduun, wayita tokko kan biraa arri'ataa jiru kanatti namoonni gara laafummaa akkasii qaban argamaniiru jechuun wal harkaa fudhaa turaniiru.
Gochi hawaasni naannichaa taasiees dhuguma kan dagatamu hin turre.
Injinar Sintaayoo damisse sirna galateefannaa hawaasa naannichaaf Tullu Farraatti taasifame irratti qindeessaadha. Isaanis namoota walitti siqaniifi kanneen midiyaale hawaasa irratti barreessan waliin ta'uun maaf hin galateffaanne hawaasa garraamii kana jechuun sochii taasisu eegalan.
Yaadni isaaniis fudhatama argachuun namoota wal ta'an argatan. Koreen miseensoota saddeet qabu erga hundeeffameen boodas hawaasa naannichaa waliin mari'atamee kalessa bakkuma xiyyarri kufe sanatti sirni galataa gaggeefame.
Jiraataa naannicha obbo Dachaasaa Gutamaa sagantaa galataa kalleessa naannoo isaaniitti gaggeefameen baayyee gammadu BBC'tti himaniiru.
Ummanni kan du'eef bo'aa kan ture waan nama ta'an qofaaf ture. Jarrii kunnenis gocha gara laafummaa hawwasni naannichaa taasiseef beekamtii kennuun aadaa jajjabeefamu qabuudhas jedhaniiru.
Gareen galataaf dhufees sangaa lama qalusaanii dubbachuun, hawwasni kaan illeen gocha kana hordofuun haraara buusuu fi gocha gaariif wal galateeffachu qaba jedhaniiru Obbo Dachaasaan.

Madda suuraa, Netsanet Tesfaye
Sirni kunis osoo motummaan keessa hingaliin ummatuma hawaasaa fi namoota Finfinnee dhufaniin kan qophaa'ee ture jedhaniiru.
Ummanni naannichaa hundi gochi kun gocha haraaraa cimsu waan ta'eef bakkee biraattis taasifamu akka qabu dhaaman.
Galata kanas galchuudhaaf namoonni awutobisii lamaan Finfinneeraa gara kana dhaqan yoo ta'u, ummanni naannichaa kumaatamaan lakkaa'amutu argamusaanii miseensi korichaa kan ta'an obbo Natsaanat Tasfaayee ni dubbatu.
Haaluma kanaanis jaarsolii biyyaa keessaa Profesarri wal ta'aa Ahimad Zakaariyaas fi Obbo Haayilee Gabree akka argaman injinar Sintaayoon ni dubbatu. Daani'eel Kibiratiifi Artiisti Abrihaam Walde kanneen galata dhiyeessan keessatti argamu jedhameera.
Itti dabaluunis Injinarichi akka jedhaniitti, ummatichaaf affeerraa olaanaa fi kennaan yaadannoo taasifameefiira.
Kennaan sun maal akka ture yoo ibsanisi, Suuraa Hayyoo Muluunesh jedhan.
Suuraan maanguddoo haalaan erga qopheeffamee booda akka mallattoo gara laafummaatti yaadannoo taasisuun bakka bu'oota bulchiinsa gandootaa hundaaf kenname jedhaniiru.
''Waan gaarii, jaalalli, fi walii yaaduun rakkina bara ta'eetti, jiraattoota naannoo Tullu Farraa argachuun badhaadhina'' jedhaniiru.
Haadhooliin keenya hundi aayyoo Mulu fakkaatu kan jedhan Injinarichi, isaan galateefachuunis namoonni gaariin akka baayyataniifi gaarummaan lubbuu akka argatu ni taasisa jedhaniiru.
Lammiin Itoophiyaa gara laafummaa Hayyoo Muluunash agarte tokkoos,''haati kun jannati galu, kennaan isheef kennu barbaaduus kan haadha kootiif kennu'' jechuun dibaabee, shaarbii, fi dibata ergiteefii jirti.
Hayyoon Muluunis gama isaanitiin, ''Ani waan balaan lammilee keenyarra manadara keenya keessatti irra qaqabeef gaddeen malee, badhaasan argadha jedhee hinturre. Isiin warri siif ta'a jechuun badhaasa naaf ergitan Waaqni gatii isiinif haa baasu'' jedhaniiru.
Badhaasa kana hunda qofaa koo maalan itti godha? Yoon gara mana jireenyaa kiyyatti deebii'uus olaafin hira jechuun galateefataniiru.

Madda suuraa, Netsanet tesfaye
Injinarri kunis gumaacha qamolee deeggaruu barbaadan qofarraa sassaabame qarshii kuma 100 hanga kuma 150 sagantaa kanaaf baasii ta'uu akka hin oolle dubbatu.
















