Balaa Xiyyaaraa ET302: 'Lafee caccabe argeen, garaakoo keessaa naaf ba'uu dide,'' Aaddee Mulunash Bajigaa
Addee Mulunash Bajigaa maanguddoo fi jiraattuu naannoo lafa xiyyaarri itti kufee yoo ta'an, ergasiin booda halkanii guyyaa hirriiba malee akkuma boohuttin jira, jechuun BBC'tti himan.
Hammuma makiinaan dhufu bakka balaan itti gahe sana dhaqee boohus gaddi isaa na keessaa bahuu dide, jedhu haati kun.


