Aadde Mulunash Bajigaa: 'Ergasii halkanii guyyaa akkuman boohuttin jira'

Madda suuraa, Getty Images
Addee Mulunash Bajigaa maanguddoo fi jiraattuu naannoo lafa xiyyaarri itti kufee yoo ta'an, ergasiin booda halkanii guyyaa hirriiba malee akkuma boohuttin jira, jechuun BBC'tti himan.
Hammuma makiinaan dhufu bakka balaan itti gahe sana dhaqee boohus gaddi isaa na keessaa bahuu dide, jedhu haati kun.
Bakka balaan xiyyaaraa itti gahe ganda Tulluu Farraa kan jiraatan Aayyoon kunis erga balaan suni qaqabee kaasee bakkicharraa hin faganne.
Balaan kuni naannoo qe'ee isaaniirraa fageenya kiiloomeetira lama tahurratti kan gahe.
Haa ta'u malee, isaaniis gaafa balan kuni gaherraa qabee guyyaa hunda bakkicha deemuun maatii dhufu hunda waliin boohu.
"Akkaatuma biyyaatitu faara dhabe. Namoonni aadaa fi dhudhaa dur dagachuun, dhiigni namota kanneen hundaa nu birratti dhume jedheetan halkanii guyyaa hirriiba dhabee guggubadhee booha."
Waan akaakilee fi abaabilee keenyan dhageenyees agarrees hin beekne qe'ee keenyatti gaafa gahu nu rifachiise jedhu aadde Mulunesh.
"Dhalli namaa Itoophiyaan qe'ee keenyatti dhufee gubate. Dhiignisaanii hurufatti dhangala'ee gaafan argu garaatu nagubate."
Guyyaa sana lafee namaa cabeefi dhiiga namaa dhagala'ee lafatti argeetiin boo'ee naa bahuu dide kan jedhan Aaddee Mulunesh, 'Silaayyuu balaa qaqabeen kan ka'ees waraqatuma bittinaa'e malee wanni nama fakkaatu hin turre. Kanaafu attamiin namni asitti dhume kuni boqonnaa namaaf kenna? Dhiigumasaanititi nugube,'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Keessattu balaa qaqabe kana osoo kan dhala keenya ta'ehoo jedhee yoon gaafan yaadu gaddi kuni natti cima jedhu aadde Mulunesh.
"Nutis dhala qabna, ijoolleen keenyas balali'aniituma ittiin deemu. Wanni akkanaa kun uumaan ganamaa hafeeti kan nutti dhufe keenyas osoo bararee akkanumatti biyya namaatittii osoo hafee maaltu namatti dhagahama jedhee oggaan yaadun gadda keessaa bahu dadhaba."
Aadde Mulunesh guyyaa guyyaadhaanin bakkicha dhaqaa jedhu.
"Ani guyyaa hundumaa bakkicha nan dhaqa. Takkaa hafee hin beeku. Kanuma boohe wajjinan boohee karicharra teenyee gara mana keenyaa galla. Manattis yoon gale dhiiguma santu ija dura nadeema, midhaanis najibbisiise bunumtillee buna nattin hinfakkaatu ergasii."
Maatii isaanii keessaa namni du'eeyyuu hamma kana gadda cimaa keessa seenanii akka hin beeknellee himu aaddee Mulunash.
"Ijoolleen kan abbaa warraa kiyyaatis kan duute ni jirti. Firri kiyya dhihootis kan du'e jira garuu gadda hammanaa akkanaa argee hin beeku."
Waan qabaniin akkaataa amanitiitiin namoota balaa xiyyaaratiin du'an kanaaf dhibaasisuuf akka qophaa'anis ni himu.
"Nama qe'ee keenyatti dhume kanaaf akkuma human keenyyaatti bifa amntaatiin nyaataa fi dhugaatii qopheesinee qurbaanaa fi taskaara baasnaf. Gaafa guyyaa 12 fi gaafa guyyaa afurtama guute jechuudha."
















