Imaltuun mana fincaaniitti danqamnaan xiyyaarri iddoo qubatu geddare

Xiyyaara United Airlines Flight 1554

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, United Airlines Flight 1554 imaltuu mana fincaanii keessa baasuuf Kolaaraadoo Denvaritti qubachuuf dirqmeera

Xiyyaarri United Airlines Flight imaltuun mana fincaanii keessatti danqamnaa qilleesumarratti iddoo qubatu geeddareera.

Balaliin Waashigitan Diisii gara Saan Firaansiskoo taasifamu karoora malee Deenvaritti qubachuuf dirqameera.

''Balballi kutaa mana fincaanichaa hojjechuu dide'' jechuun dubbii himaan United Airlines Flight BBCtti himeera.

Imaltuun mana fincaanii keesstti danqamte erga xiyyaarri qubateen booda otoo hin miidhamiin bahuu dandeesseetti jedheera.

Viidiyoon otoo makaaniknii balbala mana fincaanichaa banuuf rakkatuu agarsiisu Tiwiitar irratti qoodameera.

''Balbalicha banuuf hojjechaa jirra, amma keessaa si baasna'' namni jedhu viidiyicha irraa ni dhagahama

Imaltuun biroo Jeeneefar Geetmaan jedhamtu, ''mana fincaanii keessa yoo baatu fayyaadhuma fakkaatti'' jechuun dubbattee jirti.

''Yeroo baatus namni hunduu harka rukutaafii ture. Waa'eeshee namni hundi yaadda'ee ture,'' Akkamittiin akka mana fincaanii keessa taa'aa turte hin beeku garuu fayyaa turte jettee jirti.

Imalaan kan biraa dubartiin kuni sa'atii tokkoof danqamte yoo jedhu, kaanimmoo '' Qoosaa mana fincaanii fidi kaa, nutti himi jechaa ture.'' fuula Tiwiitarii isaa irrattii.

Xiyyaarri sa'aa lama booda gara Firaansiskoo balaliisaa itti fufeera.

United Airlines Flight ''maamilootaafi imaltuu mana fincaanii keesstti danqamte dhiifama gaafateera.''

Makaannikni balbala mana fincaanii banuuf otoo yaaluu

Madda suuraa, @taylorkkimber