Boeing xiyyaara 737 Max tokkotti maqaa geeddare

Xiyyaara Daandii qilleensaa Ryanair

Madda suuraa, Woodys Aeroimages

Xiyyaarri Boeing 737 Max Daandii Qilleensaa Ryanair jedhamuuf qophaa'ee maqaan qaama xiyyaarichaa irratti barraa'ee jiru geeddarame argame.

Suuraan Twitter gubbaatti qoodame kan agarsiisu xiyyaarri asxaa Ryanair qabu dirree wiirtuu omishaa Boeing keessatti maqaa 737 Max turerra gara 737-8200 jedhutti akka geeddaramedha.

Kun balaa xiyyaaraa hamaa lama booda xiyyaara addunyaa gutuutti tajaajilan ala ta'ee ture maqaa geeddaruun akka ba'aa jiru shakkii jedhu kaaseera.

Dhaabbati Boeing fi Daandiin Qilleensaa Ryanair ammatti deebii hin kennine.

Balaa xiyyaaraa Indoonezhiyaafi Itoophiyaatti lubbuu namoota 346 galaafateef sababi rakkoo sooftiweera xiyyaarichaa ta'uun erga baramee booda ji'a Bitootessa eegalee gosi xiyyaaraa kun balali'ee hin beeku.

Gosa xiyyaaraa Boeing kana qabaachuuf Ryanair xiyyaarota 135 ajaje keessaa, shan arfaasaa dhufu keessa ni qaqqaba.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Suuraan geeddaramsa maqaa xiyyaara Ryanair tokkoo agarasiisu Twitter gubbatti qaama 'Woodys Aeroimages' jedhamu kan omisha Boeing hordofuun maxxanfame.

Suuraan kun xiyyaara Ryanair gosa Max 8 wiirtuu Boeing magaalaa Renton, Waashingitanitti argamu keessa ture agarsiisa.

Foyya'iinsi sooftiweerii xiyyaarichaaf taasisame xiyyaara 737-Max balaarra bilisa godha jechuun Boeing ammayyu hin amansiisne.

Ji'a darbe Bulchiinsi Geejjiba Qilleensaa Ameerikaa kan xiyyaarota kuunneniif eeyyama balali'uu kennuu qabu, rakkoo xiyyaarichaa haaraa argatee ture. Boeing rakkoo sana furuun hanga Fulbaana turuu danda'a jedhee shakka.