'Boeing' bittaa xiyyaara 737 Max soddoma dhabe

Madda suuraa, Getty Images
Daandiin xiyyaaraa Saa'udii Arabiyaa rakasa tahe 'Flyadeal' jedhamu xiyyaarota Maaks 737 soddoma Boeing irraa bituuf ture haqe.
Balaa xiyyaarota Maaks 737 Indoonezhiyaafi Itoophiyaatti qaqqabee, namoota 346 galaafatetu murtoo kanaaf sababa tahe.
Balaa kunneeniin booda xiyyaarichi hojii kan dhaabe yoo tahu, rakkoosaa sirreessuufis kaampaanichi hojjechaa jira.
Boeing, daandiin xiyyaarichaa murtoo kanarra kan gahe hanga Boeing rakkoo isaa sirreeffatuutti eeguu waan hin dandeenyeefi jedheera.
Waliigalteen xiyyaarota dabalataa 20 bituuf Maaks 737 waliin taasifame, doolaara biiliyoonaa 5.9 kan baasu yoo tahu, daandiin xiyyaaraa kuni gatiin ni hir'ataaf ure.
Daandiin xiyyaaraa 'Flyadeal' mootummaa Saa'udii Arabiyaan dhuunfatamu kana booda xiyyaarota Airbus A320 fayyadama.
Balaan xiyyaaraa Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa irratti qaqqabe baatii shan keessatti isa lammataa yoo tahu lubbuu namoota baayyees galaafateera.
Xiyyaarri wal-fakkaataa Indoonezhiyaas magaalaa guddoo biyyattii Jaakaartaa irraa ka'es bara 2018tti galaana keessatti dhidhimeera.
Warri balicha qorachaa turan sirna to'annoo xiyyaarichaaf xiyyeeffannoo kan kennan yoo tahu, Boeing sirna to'annoo xiyyaarichaa sirreessuuf hojjechaa ture.
Xiyyaarri kuni yoom akka haaraatti hojii akka jalqabu guyyaan himame hin jiru.
Torbee darbe, Boeing maatii balaa lameen kanaan miidhamaniif qarshii miiliyoona 100 akka kennu beeksiseera.
Kaffaltichis yeroo dheeraa keessa kan kaffalamu yoo tahu, qarshii dhaabbaticha himachuun argamuu danda'u hin dabalatu.
Abukaatonni maatii miidhamtootaa kennicha hin fudhanne.
Baatii darbe daandiin xiyyaaraa IAG jedhamu xiyyaara Maaks 737, 200 bituuf karoorfateera.
Karoorichis Booying akka cimsutti ilaalameera.
Xiyyaaroti bitamanis daandii xiyyaaraa IAGfi British Airways fa'iin faayidaarra oolu.
Waliigalteen karoorichaa Paris Air Show irratti mallatteefamee ture.
Hogganaan olaanaa IAG Wiilii Waash'' Booyingii irratti amantee guddaa qabna, warra sirn to'annaa qoratan irraa mirkana argachuun milkaa'inaan gara hojiitti deebi'a'' jedhaniiru.












