Paayileetonni 'Boeing' irraa sodaa nageenyaa qabaachuu xiyyaarrii Itoophiyaa kufuu dura beeksisan

Madda suuraa, Getty Images
Ji'a jaha dura Sadaasaa keessa balaliistotni daandilee xiyyaaraa Ameerikaa marii 'Boeing' waliin taasisanii turan irrattii xiyyaarota 737 Max irraa sodaa akka qaban ibsuu isaanii miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaa jiru.
Sagaleen harka CBS fi the New York Times galeera jedhame akka himutti balaa daandii Xiyyaaraa Indooneezhiyaarra gaheen booda balaliistootni Ameerikaa kaampaanichi tarkaanfii si'ataa akka fudhatu gaafatanii turan.
'Boeing' waamicha dhiyaachaa tureef gurra osoo hin kenniin turus sooftweerii isaa irratti foyya'iinsa akka godhu waadaa galee ture.
Kun ta'ee ji'a afur booda wayita daandii xiyyaaraa Itoophiyaarra balaan mudate lubbuu namoota 157 galaafatu dubbiin kun hin kaane.
Amma yaaddoo gosa xiyyaarota kanaarra jirurraa kan ka'e hundi isaaniituu balali'uurraa dhorkamaniiru.
Walgahii san keessatti sagaleen dhoksaan waraaabame akka jedhutti pireezidantii itti aanaan Booyiing Maayik Senneet ''rakkoo takkittii kanaa hojimaata xiyyaarichaati jedhee namni dubbii guduunfe hin jiru'' yoo jedhan dhagaahamaniiru
Dabaluunis ''wanti hamaan uumamuu danda'u balaa sukkaneessaa akka kanaati, wanti kanarra hamaan ammoo balaa kan biroodha'' jechuunis dubbatanii turan.
Paayilatootni kunniin hanga Xiyyaarri Indooneezhiyaa kufee caccabutti xiyyaarota 737 Max irra sirni to'annoo balalii MCAS jedhamu jiraachuu osoo hin dubbatamiin hafuu isaas qeeqanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Hoogganaa Waldaa nageenya paayileetotaa ta'an Maayik Maayikiil Paayileetootni sirni akkanaa gosa xiyyaaraa kanarra jiraachuusaayyuu hin beekan ture, Namni kaaniis hin beeku'' jedhan.
Jalqaba ji'a kanaarratti 'Boeing' xiyyaaraa 737 wajjiin walqabatee rakkoon jirachuu isaa waggaa tokko dura osoo beekuu tarkaanfii wayiituu fudhachuu dhabuusaa amaneera.














