Balaa Xiyyaaraa ET302: Boeing maatii miidhamtootaaf beenyaa Doolaara miiliyoona 100 kenne

A woman lies on the coffin during a memorial service for the Ethiopian passengers and crew who perished in the Ethiopian Airways crash

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, All 157 passengers and crew were killed when flight ET302 went down shortly after take-off

Dhaabbanni xiyyaara oomishu Boeing maatii balaawwan xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indooneezhiyaatti mudateen miidhaman garagaaruuf doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 kenne.

Balaawwan lamaan kanaan walumatti namoonni 346 lubbuu dhabaniiru.

Kaffalatiin kun waggoota dheeraan kan kaffalamu wayita tahu, iyyannoowwan mana murtiitti dhiyaatan irraa adda tahuun himameera.

Beeseen kaffalamu kun qarqaarsa barnootaa fi baasii guyyuu maatii miidhamtootaaf, akkasumas sagantaawwan hawaasummaaf akka oolu Boeing ibseera.

Erga xiyyaarri Itoophiyaa Bitootessa keessa kufee caccabee booda, gosti xayyaaraa Boeing 737 Max, addunyaa guutuutti balaliirraa dhorkameera.

Qorattoonni balaa xiyyaaraa xiyyeeffannoo isaanii sirna to'annoo balallirra godhataniiru. Oomishaan xayyaarichaa, Boeing, mootummaa waliin tahuun 'software' xiyyaarichaa haaromsuuf hojjechaa jiru.

Haa tahu malee, haaromsi softiweerii kun yoom hojiirra olee xayyaarichi irra deebiin akka balali'u wanti beekame hinjiru.

"Jajjabina fidaaf jennee abdanna''

Boeing gaafa Roobii ibsa baaseen, ''fandiin kun barnoota, rakkoolee jiruu keessatti mudataniifi baasii guyyuu maatii miidhamtootaaf, akkasumas sagantaalee hawaasummaa fi misooma diinagdeef ni oola" jedhe.

"Boeing qaamoolee mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa waliin tahuun wantoota barbaachisan guutuuf ni hojjeta. Invastimantiin jalqabaa kun waggoota dheeraa keessatti qoqqodamee kaffalama,'' jedheera.

Dura taa'aa fi hogganaa olaanaan Boeing Deenis Mulenberg waan jedhan: ''Nuti akka Boeing'tti namoota balaawwan lamaanin lubbuu dhabaniif gaddi hagana hin jedhamne nutti dhagahameera. Balaan kunneen akkuma salphaatti sammuu keenya keessaa waan bahu miti.

''Namoonni maatii ofbiraa dhabaniif ammallee jajjabina hawwaatii, qarqaarsi jalqabaa kun jajjabina fidaaf jennee abdanna,'' jedhaniiru.

Maatiiwwan balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indooneezhiyaa namoota ofbiraa dhaban, galmee garagaraa kudhanii ol tahaniin Boeing irratti himata bananiiru.

Kaampaanichi dhimma miidhamtoota Lion Air karaa jaarsummaatin hiikuuf dubbachaa kan jiru yogguu tahu, maatii miidhamtoota ET302 waliin ammoo jaarsummaan furuuf dubbii eegalaniiru.

Maatiin miidhamtootaa gariin garuu dhimmicha jaarsummaan hiikuuf qophii miti jedhaniiru.