Dargaggootni xiyyaara manatti tolchaniin Afrikaa Kibbaa hanga Masrii balali'uufi

Xiyyaarri dargaggoota Afrikaa Kibbaan tolfame Keeptaawon irraa Kaayirootti balali'uuf yeroo jalqabaaf Naamibiyaa qubateera.
Xiyyaara kanaan km 12,000, hanga Masrii imaluuf torbee jaha fudhata.
Xiyyaarichi teessoo afur kan qabu yoo tahu garee barattoota 20 iddoo garaagaraa irraa dhufaniin tolfame.
Shamarreen ganna 17 Meegaan Weerneer ''kaayyoon hojii kanaa sammuu kee amansiisnaan Afrikaa keessatti waanti hojjechuu hin danda'amne akka hin jirre agarsiisuu dha,'' Jetti
Barattoonni kunneen meeshaaleen xiyyaara oomishuuf oolan warshaa xiyyaaraa Afrikaa Kibbaa tokko irraa meeshaalee xixiqqoo kumaatamaan lakkaawwaman fudhachuun torbee sadii keessatti tolchan.
Shamarreen ganna 15 Agnees Kiyaamoogeesiwee ''yoon xiyyaaricha argu, baayyeen ofittii boone, dhugaa natti hin fakkaanne. Daa'ima koo natti fakkaatti. Baayyee mararafadha,'' jetteetti.
''Suutuma balali'aa ture, waanni asii gadi-ilaallu immoo raajii ture,'' jetti.
''Qaama ijoo, dalgeefi gadee xiyyaarichaa walitti fiduu irratti hirmaadheera. Koochoo isaa hojjechuuttis irratti gargaareera.''
Shamarreen kuni tattaaffiin ishee warraa kaan akka onnachiisuu abdii qabdi.''Yeroo duraa hawaasni naannoo koo jiran hin rifatan, na amanuu hin dandeenye.''
''Amma garuu naan boonu''

Yaadicha kan jalqaba fide shamarree ganna 17 Meegaan yoo taatu warri boodarra ishee wajjin hojjetan iyyattoota 1,000 keessaa filataman.
Miseensota garicha keessaa waraqaa ragaa balaliisuu kan qabu ishee yoo taatu, warri kaan jaha hojiiwwan balaliisuu gargaaruu irratti hirmaatu. Xiyyaarri kaattuu isheerratti kaartaa Afrikaatiifi asxaa dhaabbata meeshaa dhiyeesseen anceefamtee balaliiti.
''Waraqaa ragaa balaliisuu argachuun hanga digrii tokkoo qabaachuuti- otoon barumsa koo idilee qo'adhuu kana hojjechuun salphaa hin turre,'' jetti qormaata biyyaalessaa Onkololeessatti kan fudhatte Meegaan.
Abbaanshee Dees Werneer, balaliisaa xiyyaara daldalaa yoo tahan kana hojjechuuf sa'aatii 3,000 fudhata jedhu.
''Kana ijoollee 20f yoo hirte hordoffii muraasa waliin torbee sadii fudhata. Motoraafi meeshaalee elektiriikii keessoon alatti, hundu dargaggoota kanaan ijaarame'' jedhan.
Na sossodaachisa
Gareen kuni jalqaba Naamiibiyaatti qubata, achi sa'aatii jaha keessatti Masrii otoo hin gahiin Zimbaabuwee, Maalaawwii, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Itoophiyaafi Ertiraa waliin gaha.

Yoo deebi'aan karaa biraarra goranii, Yuugaandaa, Ruwaandaa, Zaambiyaafi Botsuwaanaa dhaqu.
Xiyyaarichi akka lafa ol ka'uuf kutaan gargaaru balalistoota oogummaa qabaniin deegarama. Dargaggoota kaaniif haasaa dammaqsituu taaisuufis kaayyefataniiru.
''Namooti hojii keenyaan yoo akkanatti dinqaman, na sossodaachisa, nan gammada.''















