Paayileetii Miyaanmaar xiyyaara gommaa fuulduraa malee qubachiise

Xiyyaara lafarra qubate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Balaliisaan xiyyaara nagaan qubachiisuu isaaf leellifamaa jira

Paayilatiin Miyaanmaar meeshaan saffisa xayyaaraa to'achuun gommaatiin lafa qabachiisu rakkoo godhannaan xiyyaaricha gommaa malee dhaabuu danda'eera.

Xiyyaarri Daandii Xiyyaaraa Biyyaalessaa Miyaanmaar kuni dhaabachuun dura buufata xiyyaaraa Maandaalaayitti lafarra lowaa ture.

Paayilatiiin xiyyaara Embraer 190 akkanatti dhaabuusaaf leellifamaa jira. Sababni isaas imaltoota 89 irratti miidhaan tokkoyyuu hin geenye.

Kaapiteen Maayaat Mooye Aang warri balalii to'atan gadi-lakkifamuu meeshaa qubannaa akka to'ataniif jecha buufata xiyyaarichaa al lama naanna'era.

Xiyyaarrii Yaangoon irraa ka'ee Maandaalaay gahuuf yeroo jedhudha paayilatichi meeshaa qubachuuf isa gargaaru gadi baasuu akka hin dandeenye kan bare.

Qajeelfamoota yeroo balaa hordofuuniifi boba'aa baay'ee gubuun xiyyaarichi ulfaatina akka hir'isu taasisera jedheera daandiin xiyyaarichaa.

Viidiyoon qubannaa xiyyaarichaa agarsiisu, funyaaniin otoo lafa hin tuqiin dura gommaa duubaan lafa qabachuu mul'isa. Xiyyaarichi dhaabbachuun dura sekoondii 25f lafarra loowaa ture.

Ministeerri Geejibaa biyyattii Wiin Kaant ''paayilatichi hojii ajaa'ibaa hojjete'' jechuun Rooyitarsiitti himan.

Balaan uumamuuf ture kuni Miyaanmaar keessatti mudannoo isa lammataati. Gaafa Roobii, xiyyaarri Daandii Qillensaa Baaymaan Baanglaadesh haala wal fakkaatuun buufata xiyyaaraa Yaangoonitti qubatee namoonni 17 madaa'anii turan.