Xiyyaarri Ameerikaa onnee namaa arjoomame fiduuf iddoo ka'umsa isaatti deebi'e

Xiyyaara Southwest Booying 737, Caamsaa 24, 2018

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarichi sa'aa sadiif qillensarra ture

Xiyyaarri imaltootaa Siyaatil irraa gara Daalaasittii balali'aa ture sa'aa muraasa booda onnee namaaf arjoomame lafa ka'erraa irraanfatame fiduuf ofirra deebi'e.

Daandiin xiyyaaraa Southwest jedhamu, onnichi wal-aansaa argatee akka bayyaannatuufi gara fuuduraatti hojiirra haa ooluuf Kaalforniyaatii Siyaatil geeffame jedhe.

Haa tahu malee, xiyyaarrichi hanga karaa walakkaa deemuutti onneen akka hin fe'amne namni hubate hin jiru.

Onneen sun garuu nama taheef geessamaa hin turre.

Mudannoon gaafa Sanbataa tahe Kamisa kaleessaati kan sab-himaaleetti gabaasame.

Kaapteenin xiyyaarichaa imaltootatti waa'ee dhimmichaa itti himee xiyyaarri ofirra garagaluuf akka tahe gaafa baran na'anii turan.

Xiyyaarichi sa'aatii sadiif qilleensarra ture.

Ogeessi fayyaa akka carraa xiyyaaricha keessa ture ''Waan dagatamuu hin qabneetu seenaa hin taane fide'' jedheera.

Xiyyaarichi onnee fudhatee gara Siyaatilitti deebi'uun wiirtuu fayyaa kutaan qaama namaa ittii kuufamuuf yeroo kennamuu qabutti qaqqabsiiseera.