Dolaara 50 irraa gara doolaara 500,000tti

Biyya Gaanaatti namni Yunivarsitii Koolajii hundeesse fi Afriikaatti qulqulina barnoota dhaabbilee olaanootiif duula geggeessa kan jiru badhaasa ol'aana barnoota ilaalchisee kennamu injifate.
Patriik Awuuha carraa barnootaa argachuun ''Doolaara 50 qofa kiisiitti qabachuun Gaanaa bahe gara Ameerikaa deemee ture.''
Garuu, erga dhaabbata Maakirosoofti waliin hojjetaa ture booda gara biyyaatti deebii'uun Yunivarsitii Koolejii Asheesii hundeessuun amma badhaasa 500,000 mo'achuu danda'eera.
Mr Awuuha qulqulina barmoota Afrikaa fooyyeessuun ''fedhii hatatamaati'' ture jedhaniiru.
Kennaan badhaasaa kunis Mr Awuuhaaf kan kenname Gumiin Kalaqtoota Barmootaa biyyoota Galoo Galaanaa biyya Kaataarittii ture.
''Gaggeesitoota naamusa qaban''
Kooleejiin dhuunfaa bu'aaf hin hundefnee kunis Gaanaafi biyyoota afiriikaa biraatiif geggeesitoota dhaloota haaraa uummachuu irratti kan kaayyefateedha.
Mr Awuuhan erga Ameeriikaatti baratee fi hojjeteen boodas waan dhaabbiilee keessatti akka 'naamusa yaada jiruutti'' hubateen gara biyyaatti deebi'uun yunivarsitii hundeessee hir'ina jiru guutuuf murteesse.

Kooleejiin Asheesii baratoota 30' barsiisuun bara 2002'tti kan jalqabe, wayita ammaatti kaamsaasii isaa Akraan alatti gara baratoota 800 barsiisaa jira.
Obbo Awuuhaan yunivarsitichi jalsanii ogummaa hojiitiif qo'achuun alas 'ilaalcha bal'aa' keennaa jira jedhaniiru.
''Kan jalqabnuus yaada geggeesitoota amala gaarii fi hojii uumtummaa irratti xiyyeefachuun ture kan nuti jalqabne.''
Baratoonnis ''gaaffi wwan waa'ee biyya attamii barbaanna'' jedhun'' jajjabeefamu.
Walakkaan baratoota yunivarsitiis karaa carraa barnootaatiin. Akkasumas walakkaan dubartoota biyyoota afrikaa 18 irraa dhufaniidha. Bartoonni hundinu tajaajila hawwaasaa muraasa hojjetuuf.naamusa fi hojii uumtummaa baratu.
Obbo Awuuhaan sadarkaa barnoota yunivarsitoota Afriikaa ol kaasuuf tumsi barbalataan barbaada jechuun BBC'tti himaniiru.
''Waanti nuti fudhuuf yaaluus, afriikaatti walitti dhufeenya dhaabbilee qulqullina olaanaatii kanneen- irra caalaatti gaggeesitota barsiisuuf xiyyeeffatan dha.
''Kunis gaggeessitoota siyaasaa qofa osoo hintaane: abbootii seeraa, doktaroota fi barsiisota - namoota kanneen biroo irratti dhiibbaa uumuu danda'aniidha.''
Boodeetti hafuu
Barmoota olaanaa irratti invastimantii olaanaan taasifamubarbaachisa ture, jedhu.
''Ardiittii guddisuuf jenna yoo ta'ee, saayintisitootaafi maandisoota olaanoo barsiisu qabna.
''Yunivarsitootaa biroo addunyaa waliinis walitti dhufeenya uummachuun ni barbaachisa.''

Akkuma Galma Misooma Barkume (MDG) barnooti adduunyaas rakkoo barmoota sadarkkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa biyyoota afriikaa saaraan gadii irratti xiyyeefata malee sadarkaa yunivarsitii irratti miti.
Akkasumas afriikaatti hirinni invastimantii damee yunivarsitiitti jiraach ilaalchisee akeekachifni taasifame guddaatu jira.
Sadarkaa qulqullina barnoota yunivarsitoota ilaalchisee dhiheenya kana qoranno idla adduunyaatti godhameen Afriikaa keessa warra jalqabaa 500 keessa galuu kan danda'an yunivarsitoota shan qofa ture. Isaan keessayis Sadi Afriika Kibbaa fi lama immo Misrii irraayi.
''Kun yeroo jijjiramni itti baarbaachisuudha. Jiraattoota adduunyaa ja'a keessa tokko kan jiraatu ardii Afriikaa irra, lakkoofsi kunis bara 2050'tti nama afur keessaa tokkotti ol gudata jedhamee amanama.
Kanaafuu sirna barmoota Afriikaa hatatamaan ol dabaluu qabna,'' jechuun obbo Awuuhaan dubbataniiru.
Obbo Awuuhaan, badhaasa kana dhaabbata Gumii barnoota Waayiz irraa magaalaa Doohaatti kan kennaniif Shekaa Moozaa biint Naaseer, dura teessu Kaataar faawundeeshinii irra ture.












