Boeing 737 Max rakkina qabaachuun 2016tti hojjattootaan barame

Workers standing next to a grounded Boeing 737 Max 9 aircraft

Madda suuraa, AFP

Xiyyaara Boeing 737 Max kan waggaa darbee keessa Itoophiyaa fi Indoneshiyaatti kufee caccabuun badiinsa lubbuu namootaaf madda ta'e, sirna nageenya isaa ilaalchisee hojjattoonni kubbaaniyichaa bara 2016'tti ergaa wal jijjiraa turuusaanii ifa ta'e.

Sanada seera tumtoota Ameerikaatiif dhiyaate keessatti Boeing keessatti dhiyaateen, balaliisaan wayita yaaliidhaaf balaliisaa tureetti rakkina hinbeekne keessa galee turuu barreessee ture.

Innis ''osoo hinbeekiin oggeessoota nageenya xiyyaarichaa to'atanii sobuusaa,'' ibseera.

Sirni nageenyaa kunis balaawwan lamaan umamuun badiinsa lubbuu namoota 346'tiif madda ta'een walitti hidhama.

Bulchiinsi Aviyeeshinii federaalaa (FAA)n sanadichaan ''yaachisaadhaa' jechuun; Beoing ibsa ''attattamaa'' akka irratti kennuu nan gaafadha jechuun ibseera.

Itti gaafatamaan Boeing Dennis Mulenburg dhugaa bahuuf jiru.

Haa ta'u malee Boeing qorattoota 737 Max kan erga balaawwan xiyyaarota lamaanii qaqqabeen booda hojiin ala taasifamanii irratti hojjataa jira.

Dhiheenya kanas kubbaaniyichi akka haala jijiiramaa, omishaafi hojiiwwan akkasumas tajaajila xiyyaarotaasaa akka to'atuuf koree dhaabbataa nageenya hundeessuu ifa taasiseera.

"Nutis hanga nageenyi 737 Max gara hojiitti deebiisuutti qajeelfama FAA fi seerawwan kanneen biraas hordofuu itti fufna,'' jedheera Boeing.

Qorattoonni balaawwan xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa fi Indoneshiyaa mudatan qoratanis, xiyyeeffannaa isaanii gahee sirni sooftiweerii MCAS jedhamuufi akka xiyyaarri haala salphaa ta'een balaliisuu dandeessisuuf omishee irratti xiyyeeffachuun qorataa jiru.

Argannoowwan jiranis sooftiweerichaa fi qaamni 'sensor' jedhamu hojii dhaabuun balaliiftoonni xiyyaara akka hinto'anneef gumaachuu adda baasaniiru.

Boeing dhimma kanaan walqabatee qeeqa cimaaf saaxilamee jira. Isaan boodas haala nageenyaa xiyyaarichaa mirkanaa'utti sooftiweericha irratti nan hojjadha jedheera.

Haa ta'u malees, qorannichi Boeing fi FAA balaa sirna sooftiweerii haaraan walqabatee mudate kana haalaan to'aannoo hingaggeessine jechuun komateera.

Ergaan amma Boeing argadheera jedhe kunis kan waggoota sadiin dura taasifame yoo ta'u, balaliisaan ergaa kana barreessees wayita ammaatti kubbaaniyicha keessa hojjataa kan hinjirre ta'un barameera.

Ergaa balaliisaa kanaaf deebii kennuuf jechas hojjataan Boeing tokko akkas jechuun barreessee ture: ''Soba miti, dhimmi isa ta'usaas kan nutti hime hinturre.''

Gabaasa kanaan wal qabatees gatiin aksiyoonii kubaaniyichaa Jimaata irraa kaasee %5 oliin gadi bu'eera.