Xiyyaarrii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaan caccabe rakkoo elektirikaa qabaachuu Booying dhokseera jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Booying 737 Max 8 balaa mudateen dura rakkoo elektirikaa qabaachuu ragaa agarsiisu dhoksuu hoji-gaggeessaan duraanii Booying beeksisan.
Yeroo ammaa Garee Foundation for Aviation Safety kan hogganuufi hoji-gaggeessaan duraanii Booying, xiyyaarrii Booying 737 Max 8 Itoophiyaatti kufee caccabee namoonni 157 akka dhumaniif sababa ta’e rakkoo elektirikaa akka qabu Kampaanichaaniyyu ni beekama ture jedhaniiru.
Dabalataanis ol ka’insa gadi dhiyoorratti to’annootiin ala ta’uu akka danda’uufi rakkoo baayyee akka qabu ifa godhameera.
Faawondeeshinichi yeroo ammaa kana xiyyaaronni Booying 1000 ol ta’an balali’aa jiran yeroo hogganaa turanitti sababa rakkoo turaniin yaaddoon elektirikaa akka irra jiru ibseera.
Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee irraa ka’ee balali’uu jalqabee daqiiqaa ja’a keessatti kufee xiyyaarri caccabe kun rakkoo elektirkaa qaba jedhaniiru.
Xiyyaarichi yeroo caccabetti moodela haaraa Max 8 ture. Isaan dura haaluma walfakkaatuun xiyyaarri Booying 737 Max 8 balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Indooneezhiyaa balaa mudateen kufee caccabee lubbuu namoota 189 galaafateera.
Balaa xiyyaara lakkoofsa balalii Daandii Qilleensa Itoophiyaa ETH 302 hordofee “guutummaan guutuutti tumsa taasisuun qorannootiif ragaa faayyadamu kenneera,” jechuun dubbi-himaan Booying dubbateera.
Itti-dabaluun, “odeeffannoo dabalataaf ejensiiwwan qorattootaa ni eegna,” jedhaniiru.
Balaa xiyyaarota lamaan mudataniif rakkoo sirna to’annoo balalii Booying (MCAS) akka tures ibsamee ture.
Sooftiweeriin to’annoo balallii (Manoeuvring Characteristics Augmentation System/MCAS) Booying itti tolche rakkoo kan qabu ta’uu kan ibsame yoo ta’u, kun ammoo xiyyaaricha irra deddeebiin to’achuudhaaf yaaliin taasifamullee ajajamuu didee gara lafaatti darbatamee akka caccabe ibsameera.
Faawondeeshinichi omisha xiyyaaraa balaa Itoophiyaatti mudateen caccabe ilaalchisee sanadoota baayyee hojjetoota Booyingiin miliqee bahaa ture marsariitiisaarratti baaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sanadiin bal’ina teekininka olaanaa qabate kunis rakkoolee xiyyaaricha tibba oomishaatti mudate kaa’eera.
Sanadoonnis ‘‘Xiyyaarri 737 wayita oomishamuutti burjaajii fi adeemsa oomishaa wal hin fakkaannee warshicha keessa ture kan ifatti agarsiisaniidha’’ jedheera.
Dhimmoota sanadicharratti barraa’an keessaa hir’inni meeshaalee eletirikaa, shiboowwan elekitirikaa sirriitti hin kaa’amiin akkasumas shiboowwan xiyyaarichaaf galfamaniifi meeshaaleen rakkoo qaban deebiisamanii akka kaa’amaniif hojjattoota irra dhiibbaa olaanaa qaqabee tarreesseera.
Torbanootaa fi ji’oota balaa kun hin qaqabiin dura xiyyaaricha rakkooleen elektirikaa kunneen mudatee akka ture kaa’eera.
Xiyyaarichi Daandii Qileensa Itoophiyaa erga qaqqabee torban sadiin booda rakkoon walfakkaatu mudatee akka ture sanadichi dabaluun ibseera.
Xiyyaarichi ol ka’iinsa gadaanaa balalii’uun darbuuf wayita qophaa’aa jiruutti to’annoon ala ta’uu oomishaan xiyyaarichaa fi daandiin qilleensichaa waliin dubbatanii ture.
Kunis boodarra sababii dogongora bu’uraa tibba oomishaatti shiboowwan elektirikii xiyyaarichaaf galfameetiin akka ta’e faawundeshiiniin kun ibseera.
Sanadoonni kunneen, ‘‘aanga’oota mootummaa, kabachiiftoota seeraa, daandiiwwan qilleensaa, maatii miidhamtootaafi ummata jalaa kan dhokate ture,’’ jechuun faawundeshiniin nageenya aviyeeshinii ibseera.
Sababii kanaatiin haala adeemsa rakkoo qulqullina bu’uuraa oomisha xiyyaaraa qabu kanaan oomishasaa akka itti fufu taasifameera jedhe.
Kanaafuu indastirii aviyeeshinii keessatti balaawwan sukkanneessaa jedhamaniin alatti dabalataan baatiiwwan muraasaan dura foddaan xiyyaara Boyiingii daandii qilleensa Alaaskaa foxxooqee kufuunsaa nageenyaafi qulqullinsa oomishichaarratti rakkooleen jiran kan itti fufan ta’u agarsiiftuu akka ta’e eereera.
Faawundeeshinichis kan durfamu bulchiinsa Waashingitaniitti Hojii Gaggeessaa duraanii Warshaa Reentan Boyiing 737 duraanii kan ta’an Edi Piirsaniidha.
Ed balaawwan Max-737 lamaan hordofee seera tumtoota Ameerikaa fulduratti irra deddebiin raga bahuudhaan maqaa gaarii horataniiru.
Rakkoolee nageenyaafi qulqullinaa warshicha keessatti oomisharratti jiran balaawwan lamaaniif gahee olaanaa gumaachusaa irra deddebiin kan dubbatan yoo ta’u, Boying gamasaatiin himannaa kana irra dedebiin haaleera.
Biiroon qorannoo balaa Ameerikaa qorannoon balaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irratti raawwatees kanuma mirkanneesseera.
Biiriichi hanqiinawwan oomishichaan wal qabatan seensariin xiyyaarichaaf galfame akka hin hojjannee rakkoo uumuun balaa sanaaf madda akka ta’e eereera.
Boordiin Geejiibaafi Nageenya Biyyaaleessa Ameerikaa gamasaatiin kana kufiisuudhaan kanaaf ragaan omaatu hin jiru jedhe.
Seensariin xiyyaarichaa hojjachu kan dide dhimma laa tarii sababii simbirrotaan ta’u danda’a jedhe.
Ogeessoonni kubaaniyochaa Boyiing keessa jiran gamasaanitiin himannaa Faawundeshinichaa sanadichi dhokfameera jedhu kuffisuudhaan, qorannoowwan hedduun kun sirrii akka hin taane mul’isu jedhan.
Hojii Gaggeessaa Mummeen Booying haaraan, Keelii Ortingi amantaa kubaaniyichaa bakka dura tureetti deebiisuu irratti xiyyeeffachuun karoorfachu ibsaniiru.
Oomishaan xiyyaarootaa kunis nageenyaafi qulqullina fooyyeessuudhaaf ‘‘sagantaa hojiimaata fooyyeessuu’’ akka raawwatuuf bulchaan Aviyeeshinii Federaala Ameerikaa ajajameera.
Haata’u malee hojjattoota warshicha keessatti argaman waabeeffachuun gaazexessitootatti kan dubbatan Ediin oomishaalee irratti ammas fooyyeessi gahaa ta’e hin jiru jedheera.
Kunis sababii aanga’oonni aviyeshinichaa bakkichatti dhaqanii qorannoo taasisaniin dura waan beekamuufi qophii ta’anii waan eeganiifiidha jedheera dabalee.












