Booying himannaa yakkaa irratti dhiyaate amanee fudhate

Madda suuraa, Getty Images
Balaa xiyaara Booying lama kan lubbuu namoota 346 galaafate hordofee waliigaltee xiyyaarotasaa 737 Max haaromsuuf yaadame cabsuun himannaa yakkaa irratti dhiyaate dhaabbatichi amanee fudhate.
Akka Ministeerri Haqaa Ameerikaa (DoJ) jedhetti, oomishtoonni xiyyaaraa kun adabbii yakkaa doolaara miiliyoona 243.6 (£190m) kaffaluufis waliigalaniiru.
Haata'u malee, maatiin firoonni waggoota shan dura balaa saniin jalaa du’an, waliigalteen kun akka Booyiing du'a kanaaf itti gaafatamummaa guutuu hin fudhanne kan taasisu jechuun qeeqaniiru.
Booying yakkasaa fudhachuudhaan, dhaddacha irratti akka hin dhiyaanne taasisa. Kunis waan maatiin miidhamtootaa akka ta’uf dhiibbaa godhaa turaniidha.
Booying yakkasaa amanee fudhachuun murtee dhaabbatichaaf dhiibbaa guddaa qabu.
Sababni isaas dhaabbanni kontiraaktara waraanaa mootummaa Ameerikaa beekamaa ta'e amma galmee yakkaa qaba jechuudha.
Akkasumas dhaabbanni kun dhaabbilee gurguddoo addunyaa jeettiiwwan daldalaa oomishaman keessaa tokkodha.
Galmeen yakkaa kun daldala dhaabbatichaa irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu ammatti ifa miti.
Dhaabbileen galmee yakkaa qaban caalbaasii irratti akka hin hirmaanne mootummaan ni dhorka.
Haata'u malee, abukaatoon maatii namoota balaa bara 2018 fi 2019 tiin jalaa du'anii bakka bu'e Pool Kaaseel, "yaadannoon namoota 346 Booyingdhaan ajjeefamanii kana caalaa haqa gaafata" jedheera.
Xalayaa Waxabajjii keessa mootummaaf barreesseen DoJn Booying doolaara biiliyoona 24 ol akka adabu gaafateera.
Daarektarri olaanaa Faawundeeshinii Nageenya Aviyeeshinii fi hogganaa olaanaa duraanii Booyingg kan turan Eed Piirsan iyyanni Booying kun ''kan baay’ee nama mufachiisuufi haqaa balleessu” ta'uu dubbataniiru.
"Murteen kun namoota dhuunfaa itti gaafatamummaa jala galchuu osoo hin taanee kan hidhaarraa bilisaasaan godhuuf," jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaarri Booying 737 Max kan Indooneezhiyaa Lion Air'n hojjetamu dhuma Onkoloolessa bara 2018 kufee cacabuun namoonni 189 xiyyaaricha keessa turan hundi du'uun ni yaadatama.
Ji'oota muraasa booda ammoo xiyyaarri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kufee imaltootaa fi hojjettoonni xiyyaarichaa 157 hundi du'an.
Waliigaltee bara 2021 kanaanis, Booying dhimmicha furuuf doolaara biiliyoona 2.5 kaffaluuf waliigaleera. Kunis adabbii yakkaa doolaara miiliyoona 243 fi miidhamtootaaf ammoo beenyaa doolaara miiliyoona 500 kanfala jechuudha.
Waliigalteen kun miseensota maatii firri jalaa du'e kan aarse yoo ta'u, isaanis haalawwan kanaan hin mari'atamne, dhaabbatichi akka dhaddachaatti dhiyaatu gaafataniiru.
Hojjettoonni olaanoon DoJ himannaa kana deggeruuf yaada dhiyeessan jechuun CBS News dhuma Waxabajjii keessa gabaaseera.
Dhaddacha Waxabajji keessa taa'amerratti, miseensi Paarlaamaa Riichaard Blumenthal himannaan dhiyaate hordofamuu akka qabu ''ragaan guddaan” akka jiru amanuu dubbataniiru.
Abukaatoon miseensota maatii akka jedhanitti, DoJn dhaabbaticha irratti ragaa cimaa hin qabu ta'a jechuun yaaddoo qaba.
Paayileetii teeknikaa Booying duraanii kan turee fi himannaa yakkaa taatee kanaatiin walqabtee kan himatamee ture tokkichi Maark Foorkner, bara 2022tti garee murteessitootaan bilisa taasifame.
Abukaatoon isaas himannicha jalaa miliquuf isatti fayyadamaa jiruu jechuun falmaniif turan.
Yunivarsiitii Vaanderbilt keessatti piroofeesara kan ta'an Maark Koohen, kan adabbii dhaabbilee qoratan, abbootiin alangaa yeroo baayyee waliigaltee filatan jedha, kunis dhaddacha irraa akka of qusatan isaan dandeessisa.
Booying akka kontiraaktara mootummaa ijootti dhimmisaa akkamitti akka itti fufu murteessuu keessatti gahee akka qabu shakkiin hin jiru jedhan.












