Booying shakkii xiyyaara 787 irratti ka'uuf akka haaraatti qoratamaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan dhaabbata xayyaaraa Booying irratti qorannoo haaraa jalqabde. Kunis dhaabbatichi qaamota nageenya xiyyaaraa to'atanitti xayyaarota Dreamliners 787 sirnaan hin sakattaane jedhee himuun boodadha.
Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa hojjettooti dhaabbatichaa galmee sobaa raawwachuu nan sakatta'aa jedhe.
Akka Booyiing jedhutti xiyyaarota 787 hundumaa otooma oomisharra jiranitti nan sakatta'aa jedhe.
Booyiing yaaddoo xiyyaarota hojiirra jiranirratti uumame furuuf ''karoora tarkaanfii ittiin fudhatu,'' akka baasuuf dirqisiifamuun hin hafu.
Booying qorannoo miilanaa irratti deebii hin kennine.
Torbee darbe dhaabbatichi hojjattootasaa ''rakkoon naamuusaa nageenya balalii irratti rakkoo battalaa hin fidne,'' jechuu BBC'n ergaa dhaabbaticharraa isa qaqqabeen mirkaneesseera
''Haala jiru hatattaamaan ilaallee kanumaanis namoonni baayyee qormaata irraa eegamu fudhachuu dhiisuun imaammata dhaabbatichaa sarbaniiru, hojii hojjetame galmeessuun garuu xumurameera,'' jedhe hogganaan sagantaa Booying 787 Iskoot Istookar imeelii hojjettootaaf ergameen.
Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa Ameerikaa, Booying baatii darbe ''fedhiidhumaan'' sakatta'insa egumsa elektiriikaalaa baalleen qaama xiyyaaraa qaama isa ijoo iddootti kiphu irratti taasisus akka hin xumurre akeekkachiisee ture jedhe.
''Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa Ameerikaa Booying sakatta'insa xayyaarota kunneen irratti taasisu xumuruu ykn ammoo hojjattoonni dhaabbatichaa galmee sobaa qopheessuu irratti mirkana argachuuf qorchaa jira,'' jedhe.
''Qorannoon otooma adeemsifamuu dhaabbatichi nagneeya imaltootaa tiksuuf tarkaanfii barbaachisu fudhata,'' jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amajjii booda kuni rakkoo haaraa Booying mudate yoo tahu, xayyaara 737 Max 9 jedhamu balballi yeroo rakkoo hatattamaa, ittiin bahan balaliif lafaa erga ka'ee cabee irraa kufuun booda amanamummaa dhaabbata kanaa rakkoo keessa galcheera.
Taateen kuni xayyaaroti baayyee yeroof akka hin sochoone dhorkamuun dabalataan dhaabbatichi oomisha akka hir'isu dirqisiiseera. Kana malees to'annoo, qorannoo yakkaa fi dhimma seeraa baayyee itti fideera.
Bitootessa darbe hogganaan olaanaa dhaabbatichaa Deev Kaalhoon ittigaafatamummaasaa irraa dhuma waggaa irratti akka gadhiisuu himeera. Hogganaan kunis abbaa aangoo olaanaa dhaabbatichaa taate akkasii booda taayitaarraa bu'e isa taasisa.
Baatii darbe Koongireesiin namoota dhugaa bahan fidee waa'ee 787 akka dubbatan taasiseera garuu raga-bahumsichi fudhatama hin arganne ture.
Booyiing aadaa dhaabbatichaa jijjiiruuf haaromsa taasisuun namoonni rakkoo argan akka dubbatan gochuun booda gabaasni hojjettoota irraa dhufu Amajjirraa qabee ''harka 500nin dabaleera,'' jedhe.












