Maatiin imaltoota balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa mudateen du'aniif Booying akka himatamu gaafatan

Madda suuraa, THE WASHINGTON POST / GETTY IMAGES
Maatiin imaltoota balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa 737 Max 8n wagga shaniin dura lubbuusaanii dhabanii, kampaniin xiyyaara omisha balaa mudate kanaaf sababa ta'e Booyiing irratti himannaan yakkaa akka banamuuf Waajjira Haqaa Ameerikaa gaafatan.
Maatiiwwan kunneen Ebla 24, 2024 qondaaltoota haqaa Ameerikaa waliin Waashingitanitti wayita mar’atanitti, dhaabbanni Ameerikaa Booying mana murtiitti akka dhiyaatuuf gaafatan.
Maatiiwwan miidhamtootaafi abbookaatoowwan isaanii dhaabbatichi xiyaaroota omisurratti nageenyummaafi qulqullina isaanii eegsiisuuf waliigaltee Ministeera Haqaa Ameerikaa waliin waggaa sadiin dura waliigale cabseera jedhan.
Balaa xiyyaraa Daandii Qilleensa Itoophiyaa lubbuu imaltoota 157 galaafateen alattis, balaa xiyyaaraa Daandii Qilleensa Indooneeshyaatiin mudateen namoonni 189 kan dur’an yoo ta’u, maatiin miidhamtoota kanneenis Booying mana murtiitti akka dhiyaatu gaaffii dhiyeessan.
Balaa indastirii aviyeeshiinii keessatti isa sukanneessaadha jedhame xiyyaaroota Booying 737 Max 8 kanaan lubbuun namoota 346 darbeera.
Maatiiwwan imaltoota balaa xiyyaaroota lamaam dhaban kunneenis, dhiheenya kana xiyyaarri Boying 737 Max 9 qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensa Alaaskaa ta’e, osoo balaliinsarra jiruu foddaan saa foxxuudhaan wal qabatee ammalleen rakkoon nageenyaafi qulqullinaa jiraachu mul’isa jedhan.
Waajjiirri Haqaa Ameerikaa qorannoo dheeraa dhaabbata Booying irratti taasiseen booda, dhaabbatichi 737 Max 8’f hayyama argachuuf jecha ta’e jedhee To’ataa Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa akka dogongorse bira gaheera jechuun, wagga sadiin dura ‘‘Ameerikaa waliin dhahuu’’ jechuun himannaa irratti bane ture.
Adeemsa mana-murtii Chikaagoo turerratti Booying maaatiin imaltoota balaa qaqqabeen lubbuusaanii dhabaniif beenyaa kaffaluudhaaf walii galuun, bakkasaa Waajjiirri Haqaa Ameeriikaas Booyiingiin rakkoo diizaayinaatiin wal qabate, yakka daba waliin dhahuutiin akka hin himatamne dahoo kenneefii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Omishaan xiyaaraa kun namoota balaa sanaan du’aniif itti gaafatamummaa akka fudahtuufi itti gaafatamummaa fudhachuunis mootummaa Ameerikaa, daandiiwwan qilleensaa balaa irra qaqabeefi miidhamtootaaf doolaara biiliyoona 2.5 beenyaa akka kanfalu waliigalee ture.
Waliigalteen Booying doolaara biiliyona 2.5 kaffaluudhaaf abbootii alangaa Ameerikaa waliin ittiin waliigale sanaanis, qorannoon yakkaa balaa sanaan wal qabatee gaggeefamuu akka hafu waliigale.
Yeroo sanattis Abbootiin Alangaa Feederaalaa dhaabbatichi waggoota sadan dhufaniif kan waliigaltee sanaaf abboomamu ta’e, himannaa yakkaa dhaabuudhaaf waliigalee ture.
Haata’u malee, xiyyaarrii daandii qilleensa Alaaskaa kan foddaan osoo balalliirra jiruu irraa kufe, yeroo waliigaltichaa dhumuudhaaf guyyoonni lama bakka hafeetti mudachuunsaa haala jijjireera.
Aanga’oonni waajjira haqa Ameerikaa taateen xiyyaara Alaaskaatiin Booyingi tarii waliigalticha cabseera ta’a jechuun qorannoo bal’aa taasisaa jiraachu Rooyitarsi gabaaseera.
Marii Ebla 24 sa’aatii shaniif gaggeeffameen booda, Waajjirri Haqa Ameerikaa waliigaltee yakkaan himatamu dhdhabuu waggootaan dura Booyiing waliin taasisee ture kaasuudhaan haa himatu ykn himachuu haa dhiisuu kan jedhurratti odeeffannoo dabalataa akka hin arganne abbookaatoowwan maatii miidhamtootaa dubbachuun gabaafameera.
Maatiin miidhamtootaa Booying waliigaltee kana cabsee akka ta’e hordofuudhaaf qaama bilisaa to’atu barbaachisa jechuun morman.
“To’ataan alaa osoo jiraatee taateen Alaaskaa sun hin mudatu ture’’ kan intalsaanii balaa Daandii Qilleensa itoophiyaatiin dhabana Naadiiyaa Miilaroon Rooyitarsiitti dubbataniiru.
Booyingis ta’e waajjiirri Haqa Ameerikaa dhimmicharratti yaada kennuurraa of quussachuu Rooyitarsi gabaaseera.












