Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota haaraa Booying 67 bituuf ajajuu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota haaraa Boeing 67 bituuf ajajuu beeksise.
Daandiin qilleensichaa fuula X irratti Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasoo eeruun akka himetti, ajaji xiyyaarota haaraa kun qaama karoora 2035ti.
‘’Ajaji kun daandii qilleensa keenya ammayyeessuu fi balalii keenya dabaluun karoora guddinaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi mul’ata bara 2035 milkeessuuf nu gargaara,’’ jedhan hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasoo.
Itoophiyaan erga balaa xiyyaaraa Boeing 737 Max Bitootessa bara 2019 dhaqqabuun lubbuu namoota 157 galaafateen as xiyyaarota Boeing yoo ajaju kun kan jalqabaati.
Daandiin qilleensichaa sirreefama kaampaaniin Boeing xiyyaarota isaa irratti fudhate akka amane ibseera.
Sagantaa Dubai Air Show jedhamu qophaa’e irratti Itoophiyaan xiyyaarota Boeing 737 MAX haaraa 20 bituuf ajajuu daandiin qillensichaa fuula marsariitii isaa irratti beeksiseera. Dabalataan xiyyaarota 787 Dreamliner 11 bituuf ajajuu gabaafameera.
‘’Daandiin Qilleensa Itoophiyaa xiyyaarota ammayyaa Boeing 31 bituuf dhaabbaticha waliin waliigalteerra gahuutti hedduu gammadna. Akkasumas xiyyaarota dabalataa 36 bituuf waliigalleerra,’’ jedhan Obbo Masfin.
Bittaan xiyyaarota Boeing guddaan akkasii daandii qilleensa Afrikaan yoo gaggeeffamu kun kan jalqabaati.
Balalii xiyyaarota 140 fi iddoowan gahumsaa 100 adunyaarraa qabaachuun Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa irraa daandii qilleensaa dursaa jirudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaarotni Dreamliner Itoophiyaan amma bituuf ajajje boba'aa fayyadaman %25 isa duraa irraa qusachuu kan danda'anii fi faalama qilleensaa hir'isanidha.
Daandii Qilleensa Itoophiyaa amma xiyyaarota Boeing 80 qaba. Afrikaa irraas xiyyaara Dreamliner isa guddaa qabaachuun jalqaba irra jira.
Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa fi kaampaaniin Boeing hariiroo waggoota dheeraa kan qaban yoo tahu, kaampaanichi xiyyaarota Itoophiyaa tajaajila irra turan haaressuufis waliigaleera.
Daandiin Qilleensa Itophiyaa erga waggoota afur dura balaan xiyyaara isaa Boeing Max mudatee lubbuu namoota hedduu galaafatee as haaromsaa fi sirreeffama kaampaanichi xiyyaarota isaa irratti godhe akka amanee fudhate himeera.
Hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasoo, ajaji ammaa kun kan marsaa jalqabaa tahuu himuun waggoota dhufan keessatti waliigaltee bittaa biraa kaampaanicha waliin akka gaggeessan himaniiru.
Dabalataan xiyyaarota gurguddoo Boeing 777X ykn Airbus A350 ji'oota dhufan keessatti akka ajaju himeera.
Rooyitarsi akka gabaasetti waa'ee balaa xiyyaaraa bara 2019, Obbo Masfin ''waan hedduu nama gaddisiisuu fi godaannisa guddaa nurra kaa'ee darbedha. Namoota balaa sanaan miidhaman hundaaf ni gaddina. Garuu ergasii kaampaanichi hir'ina xiyyaarichi qabu sirreesseera. Xiyyaaricha irratti amantaa qabnu haaressineerra'' jedhan.
Balaa bara 2019 booda xiyyaarotni Boeing hundi balalii irraa ugguramuun kaampaanichi doolaara biliyoona 20 tahu dhabeera.
Mana murtiittis himatamee, beenyaa miidhamtootaaf kaffaluuf waliigaleera.












