Itoophiyaan gabaasa xumuraa qorannoo balaa xiyyaaraa Boeing 737 ifa goote

Madda suuraa, Reuters
Ministeerri Geejjibaa fi loojistiksii Itoophiyaa guyyaa har’aa balaa xiyyaaraa Booying 737 bara 2019 lubbuu namoota 157 galaafate ilaalchisuun gabaasa marsaa xumuraa baaseera.
Akka gabaasa kanaatti, maddi balaa rakkoo sirna to'annoo xiyyaarichaati.
Gabaasichi, seensariin kaattuu bitaa xiyyaarichaa (Angle of Attack (AoA)) akkuma xiyyaarri lafaa ka’en rakkoo godhatee daataa dogongoraa gara kutaa to’annoo balaliitti erguu eegale.
Kunimmoo sirna to’annoo xiyyaarichaa MCAS jedhamu jeequun akka balaan dhaqqabu taasise jedhe.
Ministirri Geejibaafi Lojistikii Itoophiyaa Aadde Daagmaawit Mogas gaazexeessitootaaf gaafa Jimaataa akka dubbatanitti, qorannichi ogummaa balalistootaa irratti gaaffii kaase hin qabu.
Qorannichi ‘’hojjettoonni xiyyaarichaa kan ga’umsa qabaniifi ragaas qaban,’’ ta’u irra gahu dubbatan. Xiyyaarichis balaliif balaa akka hin taane irra gahamuullee dubbatan.
Xiyyaarri Itoophiyaa waggaa sadii dura Finfinneedhaa ka’ee gara Naayiroobii osoo imalaa jiru ture balalii daqiiqaa jaha booda kufee caccabuun namoota 157 kan galaafate.
Kannen balalii sanarra turan keessaa kan hafe hin jiru. Namoonni du’an lammiilee biyyoota 35’ti.
Balaan kuni A.L.I Bitootessa 10 bara 2011 guyyaa Dilbataa ganama Godina Shawaa Bahaa,Aanaa Gimbichuu naannoo Tulluu Farraa jedhamuuttidha.
Waggaa darbe dhaabbati xiyyaaricha oomishu Boeing, badii raawwateef itti-gaafatama fudhateera.
Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa dura balaan walfakkaataa xiyyaara Indoneeshiyaa Boeing 737 Max ta’e irratti qunnameera.
Balaan xiyyaaraa Itoophiyaatti mudate akkaataa oomisha xiyyaaraa Boeing irratti gaaffiin akka ka’uufi hanga qorannoon xumuramutti addunyaa guutuutti gosi xiyyaarichaa akka hin balaliine taasifamee ture.

Madda suuraa, ETHIOPIAN AIRLINES
Baatii Fulbaana keessa Boeing himannaa balaawwan xiyyaaroota 737 MAX lubbuu namoota hedduu galaafatee irratti dhiyaateef odeeffannoo dogongoraa invastarootaaf kenne jedhamuun adabbii doolaara miiliyoona 200 akka kanfalu murtaa'eera.
Xiyyaarawwan 737 MAX erga balaawwan lamaaniin lubbuu namoota 346 galaafateen booda baatiiwwwan 20'f hojiin ala akka ta'aniif godhamaniiru.
Itoophiyaanis erga qorannoon taasifamee booda waggaa darbe Guraandhala keessa gosa xiyyaarichaa hojiitti deebiste.
Qorannoowwan kana dura ifa ta'anis badiin xiyyaaricha ta'u akeekanii ture.












