Ogeeyyiin Ameerikaa gabaasaa qorannoo balaa xiyyaaraa Daandii Qilleensaa Itoophiyaarratti bahe qeeqan

Madda suuraa, Reuters
Oggeessoonni nageenya balaliinsa qilleensaa Ameerikaa, gabaasa qorannoo torban darbee keessa sababii balaa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa waggootaan dura mudatee ture ilaalchiisuun ifa ta’e qeeqan.
Xiyyaarri daandii qillleensa Itoophiyaa waggaa afur dura Finfinnee buufata xiyyaara idil-addunyaa Boolee irraa ka’ee daqiiqaawwan muraasa keessatti kufee caccabeen wal qabatee lubbuun namoota 157 galaafatamuunsaa ni yaadatama.
Gabaasni qorannoo waliigalaa balaa xiyyaara Boeing 737 Max-8 kanaa ilaalchisee Mudde 23, 2022 gama Itoophiyaatii ifa taasifamuun ni yaadatama.
Haaluma gabaasa kanaatti rakkoon xiyyaara kufee caccabee mudate sooftiweerii sirna balaliinsa to’achuudhaaf Boeing xiyyaarichatti galcheefi Maneuvering Characteristics Augmentation System (MCAS) jedhamu ta’u adda baase.
Kana hordofeeti oggeessooni nageenya Geejiba Qilleensaa Ameerikaa, gabaasni qorannoo oggeessoota Itoophiyaatiin gaggeeffame leenjii balaliisaa fi haaldureewwan tibba balaliitti hordofamuu qabaniif xiyyeeffannaa hin kenniine jechuun qeequu Rooyitarsi gabaase.
Boordiin Nageenya Geejiba Biyyaalessa Ameerikaa yaada gabaasicha irratti kenneen, yoo xinnaate argannoowwan balaa xiyyaara Boeing 737 Max-8’f sababiidha jedhaman furtuu lama irratti akka walii hin gallee hime.
Balaan walfakkaataan xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaatiin dura daandii qilleensa Indooneeshiyaa mudatee kan ture yoo ta’u, balaawwan sukkaneessaa lamaaniin booda xiyyaaroonni Boeing 737 Max-8 addunyaa guutuutti balaliinsaan ala taasifamuun turuunsaanii ni yaadatama.
Ministeerri Geejjibaafi Loojistii Itoophiyaa yeroo gabaasa qorannoo balaa ifa taasiseetti, xiyyaarri balaliinsa ET-302 erga buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetii ka’een booda osuma hin turiin odeeffannoo dogongoraa gara sirna to’annoo balaliinsaatti erguun rakkoon funyaaniin dhundhulu waan mudateef to’annoon ala ta’u ibse.
Rakkoon softiiweeriin ammayyaa balaliinsa xiyyaaraa to’achuudhaaf Boeing 737 Max-8 irratti galfamee MCAS, jedhamu irra ture balaa mudateef madda ta’u gabaasichi himeera.
Maddi oduu Rooyitarsi akka gabaaseetti, boordiin nageenya geejjiba Ameerikaa yaada gabaasicha irratti kenneen, qaamni odeeffannoo dabarsu wayita xiyyarichi ka’utti balaa simbirroo mudatee ta’u kan malu yoo ta’u, bu’aan qorannoo gabaasaa taatee kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine jedhe.
Ta’us adeemsa qorannootiin balaan akkasi qaqabuu ragaan argame omtu akka hin jirree gabaasicha irratti kan ibsamee yoo ta’u, gama Ameerikaatiin garuu bakka balaan qaqabe barbaadamulleen kutaan odeeffannoo dabarsu argamu hin dandeenyee jedhe.
Kana malees boordichi qorattoonni Itoophiyaa dizaayiniin xiyyaarichaa gummaacha balaa qaqabeetiif qabu irratti xiyyeeffachuun leenjii hojjattoota balaliinsaa fi haaldureewwan tibba balaatti fudhatamu qabaniif xiyyeeffannaa hin kenniine jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Geejibaafi Loojistikii Itoophiyaa, Daagmaawiiti Mogas wayita bu’aan qorannichaa ifa taasifameetti gaazexessitootaatti akka himaniitti, gabaasni qoranichaa dandeettii garee balaliinsaa agarsiisuu akkasumas hayyama haroomfamee kan qabaniidha jedhan.
Dabalataanis, xiyyaarichi haala qilleensarra itti babalii’u danda’urra akka tureefi mirkanneffannaa seeraa akka qabu adda baafamu ibsan.
Ulfaatinniifi madaaliin xiyyaarichaaf hanga hayyamamee ture jedhan.
Boeing 737 Max-8 omishee erga baasee booda sooftiweeriin to’annoo balaliinsaa MCAS itti galfamuu iccitiin akka qabameefi balaliistootaafi maanu’aalii leenjii irratti kan hin hamatamne ta’u ibsamuun ni yaadatama.
Balaan daandii qilleensa Indooneeshiyaa mudat=chusaa hordofuunis, MCAS itti galfamuun ifa kan taasifameefi balaliiftoonni Itoophiyaas xiyyaaricha to’achuuf ni dandeessisa jedhuun qajeelfama kenname hordofun ibsame.
Haata’u malee, tibba balaatti xiyyaaricha to’achuuf yaalamulleen to’atamu diduun gara lafaatti qajeeluun cacabeera.
Balaan daandii qilleensa Itoophiyaa irra qaqabees balaa daandii qilleensa Indooneeshiyaa irra baatiiwwan dura qaqabeen kan wal fakkaatu yoo ta’u, sababii balaawwan lamaanitiif sababii sirna to’annoo odeeffannoo balaliinsaa Beoing xiyyaaroota hammayaatiif diriirsee ta’un bal’inaan himamaa ture.
Keessattuu erga Daandii Qilleensa Itoophiyaa irra balaa sun qaqabeen booda kubaaniyaa Ameerikaa guddichi xiyyaaroota oomishu Boeing irratti gaaffiilee hedduu kaasuu isaatiin alatti kisaaraa doolaara biiliyoonaan lakkaa’amuuf saaxilameera.
Sababii nageenyaatiin wal qabatees xiyyaaroonni Boeing 737 Max-8 waggaa tokkoofi wallakkaan oliif tajaajilaan ala ta’uun tursiifaman.
Erga xiyyaaroota irratti sirreefamni sirna to’annoo balaliinsaa Boeing taasifamuun qorannoofi yaalii ta’u raawwatameen booda, Daandii QIlleensa Itoophiyaa dabalatee daandiiwwan qilleensaa addunyaarratti argaman xiyyaaroonni gara tajaajilaatti akka deebii’an taasisuun isaanii ni yaadatama.
Xiyyaarri lakkoofsi balaliinsa iraa ET 302 ta’ee Fifinnee irraa gara Keenyaatti imaluuf Booleerraa ka’ee daqiiqaa jaha keessatti kufee cacabuun imaltoonnii lammiilee byyoota 35 irraa ta’an 157 lubbusaanii dhabaniiru.












