Obbo Tawaldee Gabramaariyaam Qindoomina Daandii Qilleensaa Deltaa fi Keeniyaa hoogganuufi?

Milkaa’ina Daandii Qilleensaa Itoophiyaaaf nama kam caalaa maqaansaanii kan ka'u Obbo Tewolde Gabramaariyam, waggoota 11f hoji gaggeessaa olaanaa ta'uun daandiin xiyyaaraa kana erga hooggananii booda ''sababa rakkoo fayyaatiin aangoo gadhiisuu,'' erga ibsanii bubbulaniiru.
Dhiheenya kanas Daandii Qilleensaa Deelataa kan daandii qilleensaa Keeniyaa waliin qindoomina uumuuf jedhu waliin walqabatee maqaan isaanii ka'aa jira.
Obbo Tewoldeen yeroo jilli Keeniyaa, Pirezidaanti Wiliyaam Ruutoon durfamu, qondaaltota Daandii Qilleensaa Deeltaa waliin Waashingitanitti waa'ee gurgurtaa daandiin qilleensaa Keeniyaa irratti mari'ate, warra Ameerikaa waliin taa'anii mul'atan.
Milkaa’ina Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan Afrikaa keessatti isa guddicha ta'e, keessaa qooda olaanaa kan qaban Obbo Tewoldeen, walga’ii kanarratti namni akka isaanii aviyeeshinii Afrikaa beeku akka hin jirre, barruu The East African maxxanse irratti dubbataniiru.
Akka gabaasa kanaatti, gorsaa tarsiimoo olaanaa Daandii Qilleensaa Deeltaa kan ta’an Obbo Tewolde, waliigaltee daandiiwwan qilleensaa lamaan gidduutti taasifame keessatti nama qooda olaanaa qabu turan.
Waliigaltee daldalaa kanaaf Deeltaa bakka bu’uun kan hirmaatan Obbo Tewoldeen, daandiin xiyyaaraa Keeniyaa abdii Daandiin Qilleensaa Afrikaa samii to’achuuf qabu awwaaleera jedhan.
Obbo Tewoldeen bara 2021 keessa wayita Daandii Qilleensaa Itoophiyaa waliin turan imaltoota miiliyoona 7 ol kan fe’an yoo ta’u, Daandiin Qilleensaa Keeniyaa ammoo miliyoona 1.5 qofa ture.
Miidiyaaleen Keeniyaa torban muraasa darbaniif akka gabaasaa turanitti, Pirezidaanti Ruutoon yaa’ii Ameerikaa-Afrikaa irratti, daandii qilleensaa biyya isaanii walakkaa waggaatti doolaara miiliyoona 80 kasaare gurguruuf fedhii akka qaban beeksisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen kun hojiirra yoo oole, Deeltaan qooda mootummaa Keeniyaa kan ta'e dhibbeentaa 48.9 ni to’ata; Kun ammoo daandii xiyyaaraa biyya alaa keessaa aksiyoona guddaa Daandiin Xiyyaaraa Ameerikaa qabu ta'a.
Garuu mootummaan Keeniyaa qooda guutuu ykn gartokkee isaa gurgura kan jedhu beekuuf yeroonsaa hin geenye.
Haata’u malee, kan Keeniyaas yoo ta'e qooda kamiyyuu kan murteessu gorsitoota gabaa ta’a.
Yeroo ammaa bakki Obbo Tewoldeen Delta keessatti qaban hiree daandii xiyyaaraa kanaa kan murteessu ta'a.
Daandiin qilleensaa kun liqaa irra jiru kaffalee gara bu'aa buufachuutti ce'aa? Daandii qilleensaa Itoophiyaan dorgomuu eegalaa?
Gaaffiiwwan kunneen waliigalteewwan itti aanan keessatti deebii ni argatu.
Waggoota 11 darbanitti Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa kan hoogganan Obbo Tewoldeen, Daandiin Xiyyaaraa kun galii doolaara biiliyoona tokko irraa gara doolaara biiliyoona 4.5tti, xiyyaarota 33 irraa gara 140tti akka guddatu gochuun, weerara koronaan dura imaltoota miiliyoona 12 akka geejjibsiisu taasisaniiru.
Daandiin xiyyaaraa kun babal’ina bu’uuraalee misoomaa, akaadaamii aviyeeshinii fi kkf miiliyoona 700 olitti tilmaamu milkeesseera.
Kana malees, hoggansa isaa jalatti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, Daandii Qilleensaa Emirates caalee Daandii Xiyyaaraa Eeshiyaa fi Afrikaa akkasumas biyyoota Afrikaa gidduutti isa guddicha ta'eera.
Daandiin qilleensaa kun bara hoggansa isaaniitti lakkoofsa imaltootaa fi baay’inni xiyyaaraa, bu’aan isaa, dandeettiin liqii deebisuu fi tajaajilli fe’umsaa akkaan fooyya'eera.
Keessattuu hooggansaa fi tarsiimoo yeroo weerara koronaa agarsiisaniin galata guddaa argataniiru.












