Jilli mootummaa Itoophiyaa Dura Taa'aa TPLF waliin Maqaleetti 'marii bu'aa qabeessa' taasise

Jilli Itoophiyaafi Dura Taa'aan TPLF hojiirra oolmaa waliigaltee nagaarratti mari'achuuf akka wal argan miidiyaan naannichaa gabaase

Madda suuraa, Tigrai Television

Ibsa waa'ee suuraa, Jilli Itoophiyaafi Dura Taa'aan TPLF hojiirra oolmaa waliigaltee nagaarratti mari'achuuf akka wal argan miidiyaan naannichaa gabaase

Jilli mootummaa Itoophiyaa guyyaa Wiixataa Naannoo Tigraayitti imaluun waa'ee hojiirra oolmaa waliigaltee nagaarratti Dura Taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el waliin mari'ate.

Erga waraanni mootummaa federaalaa waggaa dura Maqalee gadhiisee bahee booda jilli qondaaltoota olaanoo mootummaa federaalaa yeroo jalqabaatiif Maqalee qubatan.

Angawooti Naannoo Tigraayiis simannaa taasisaniiruufi.

Jilli kuni Dura Taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el waliin wal arguun marii gaggeessuu televijiniin naannichaa gabaaseera.

''Hojiirra oolmaa waligaltee nagaarratti mari'achuuf,'' wal arguu isaanii hime.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachaw Radaa gama isaaniin imalli jila mootummaa kuni waliigaltee waraana xumura itti tolchuu keessatti ‘’tarkaanfii guddaadha’’ jechuun ibsaniiru.

‘’Mariin bu’aa qabeessa taasifameera, hubannoorras gahameera. Tajaajiloota bu’uuraa bakkatti deebisuuf mallattoo mootummaan agarsiise kan jajjabeeffamu,’’ jechuunis ibsan.

Waraanni waggaa lamaaf mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduu adeemaa ture marii Afrikaa Kibbaatti adeemsifameen xumura argateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eega waliigaltee kanaas aangawooti federaalaa gara Maqalee yeroo jalqabaaf imalani.

Imala aangawoota Itoophiyaa dura bakka buutonni Gamtaa Afrikaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliigalteerra akka gahan jaarsummaan gargaaraa turan gara Maqalee akka imalan ibsanii turan.

Kanas kan dubbatan marii guyyoota lamaaf qondaaloti mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay yeroo lammataaf torban darbe Keeniyaa, Naayiroobiitti walgahaa turan yeroo xumuranittidha.

Jilli qondaaloota mootummaa gaafa Wiixataa gara naannichaatti imalan kunis Af-yaa’ii mana maree Obbo Taaggasa Caafootiin kan durfamanidha.

Ministiroota mootummaa federaalaa lamaan kanneen mootummaa bakka bu’uun marii nagaa Afrikaa Kibbaa Piritirooyitaatti mallattaa’ee dursan, akkasumas ministirootni kaanis jiru.

Akkasumas hooggantooti Baankii Daldalaa Itoophiyaa, Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Itiyoo Telekoom keessa jiru.

''Miseensonni jila kanaa eegdota of biratti qabatanii dhufuu dhabuun isaanii Tigraay waliigaltee kana raawwachiisuuf cichooma akka qabdu akka amantee qaban kan raggaasisedha,’’ jechuun Obbo Getaachoon fuula Tiwiitara gubbaa kataban.

Waraana waggoota lama olii naannichatti gaggeeffamaa tureen wal qabatee naannoon Tigraay intarneetii dabalatee tajaajilawwan komunikeeshinii bu’uuraa adda citee tureera.

Waliigaltee nagaa raawwateen booda tajaajilli ibsaa, telekoomiifi baankii suuta suuta naannicha keessa bakka tokko tokkootti eegalaa jiru.

Imalli jila qondaaltoota mootummaa federaalaa ammaa kunis hojiirra oolmaa waliigaltichaa saffisuu irratti kan xiyyeeffate ta’u miidiyaan mootummaa gabaaseera.

Dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabra-mikaa'eel mootummaan federaalaa waadaa seene hojiirra oolchaa hin jiru jechuun torban darbe keessa komii dhiyeessuun ni yaadatama.

Haata'u malee, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad adeemsii hojiirra oolmaa waliigalteen nagaa mootummaafi TPLF jidduutti taasifame ‘abdii qabeessa’ jechuun ibsan.

Aangawoota mootummaa federaalaa Maqalee yoo seenan simannaan taasifameeraaf

Madda suuraa, Dimtsi Weyane (DW)

Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoota mootummaa federaalaa Maqalee yoo seenan simannaan taasifameeraaf

MM Abiy kana kan jedhan marii nagaa marsaa lammaffaa Naayiroobiitti torban darbe keessa gaggeeffame ilaalchiisuun Dilbata kaleessaa gamaaggama gaggeessanii turan irratti.

Kana malees mootummaan isaanii nagaadhaaf kutannoo cimaa qabaachuu MM Abiy dabaluun kaasaniiru.

Haata’u malee loltoonni Ertiraa daangaa naannoo Tigraay keessatti ammalleen darara raawwataa jiraachuun himatamaniifi humnootiin naannoo ollaa Amaaraa naannicha keessa jiraachuun, adeemsa hojiirra oolmaa nagaatti gufuu uumuu mala jedhamee sodaatamaa jira.

Miseensoota jilla qondaaltoota mootummaa Maqaleetti imale

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensoota jila qondaaltoota mootummaa gara Maqaleetti imale

Ji'a tokko dura Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti, itti aansee ammoo Keeniyaa, Naayiroobiitti waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasisaa ture dhaabudhaaf mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti waliigalteerra gahamee waraanni dhaabbachuu isaa ni yaadatama.

Waliigalteen nagaa mallattaa'uu hordofee waraanni mootummaa Federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti gaggeefamaa ture kan dhaabbateera.

Dhiyeessiin gargaarsa namoomaas kallattiiwwan gara garaatiin gara naannichaa seenaa jiraachuu mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa beeksisaniiru.

Waraanni sukanneessaa waggoota lamaa oliif naannoo Tigraayiitti eegaluu tures booda keessaa gara naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'achuun buqqaatii miliyoonootaafi badiinsa lubbuu namoota kumaatamaaf madda ta'unsaa ni yaadatama.