Mootummaan Federaalaa waadaa waliigaltee hojiirra oolchaa hin jiru – Dabretsihon Gabre-Mikaa’el

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii TPLF
Mootummaafi uummanni Tigraay sanada waliigaltee nagaa hojiirra oolchuudhaaf onneerraa fudhatanii hojiitti hiikaa jiraatanis mootummaan Federaalaa waadaa waliigaltichaa hojiin agarsiisaa hin jiru jedhan dursaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabretsihon Gabre-Mikaa’el (PhD).
Debretsihon Gabre-Mikaa’el 'kora ariifachiisaa mana-maree 6ffaa waggaa 3ffaa Tigraay' jedhame irratti wayita gabaasa dhiyeessanitti kana dubbatan jechuun TPLF fuula Facebook isaarratti barreesseera.
Mootummaan Federaalaa garuu waliigaltee nagaa mallattaa'e hojiirra oolchuudhaaf hojjechaa akka jiru himeera.
Sadarkaa raawwiin sanada waliigaltichaa hojiitti hiikuun irra jiru kan ji’a tokkoo ilaalchisuun gabaasa mana-maree Tigraayiif dhiyeessaniin, erga waliigalteen nagaa mallattaa’ee as ummanniifi mootummaan Tigraay gaaffiiwwan waliigaltee nagaa hunda raawwachaa jiru jedhan Dabretsihon.
Haata’u malee, gama mootummaa Federaalaatiin karaa gargaarsa namoomaatiin wantonni nama jajjabeessan jiraatanis qabxiiwwa waliigaltichaa hafan ilaalchisuun garuu mootummaan Federaalaa akkaataa waadaa galeen raawwachaa akka jirre ibsaniiru.
Mudde 17 Tajaajilli Komunikeeshiniin Mootummaa Federaalaa ibsa baasen, magaala Maqalee dabalatee naannoo Tigraay bakka gara garaatti gochi saamichaa bifa gurmaa'een gaggeeffamaa jiraachuu beeksisee ture.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa baase kanaan, Tigraay bakkeewwan humni raayyaa ittisaa mootummaa Federaalaa hin qaqqabin jirutti saamichi gara garaa gaggeeffamaa jiraachuu beeksiseera.
Mootummaan ibsa isaa kana keessatti waliigaltee nagaa sana irratti waadaa uummataafi biyyaaf gale raawwachaa akka jiru eeruun, "yeroo ce'umsaa kana akka carraatti fayyadamuun" Maqaleefi bakkawwan birootti saamichi gaggeeffamaa jira jedheera.
"Tigraay keessa bakkeewwan raayyaan ittisa biyyaa keenya hin qaqqabiin jiru tokko tokkotti uummaticha nagaa kan dhorku saamichaawwan bifa gurmaa'een gaggeeffamaa akka jiru ragaaleen ni agarsiisu."
Itti-dabaluun humnoonni Ertiraafi kan Amaaraa yakka hamaa uummata Tigraay irratti raawwachuu itti fufaniiru jechuun, mootummaan humnoota kanneen bu’uura waliigaltee irra gahameetiin akka baasuuf gaafataniiru Dabretsihon Gabre-Mikaa’el.
Gareen Gamtaa Afrikaa (AU) hojiirra oolmaa waliigaltee hordofu amallee Tigraay akka hin deemiin jiran himuun, waliigalteen nagaa qajeelummaatti hojiirra akka ooluuf garichi gara naannichaa deemuun isaa haalaan kan eegamudhas jedhan.
Ibsa saamichi magaalaa Maqalee dabalatee Tigraay bakka adda addatti gaggeeffamaa jira jechuun mootummaan Federaalaa baase hordofee aanga'aan TPLF fi marii nagaa gaggeeffamaa turerratti dursaan garee aanga'oota Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, "yaaddoo nageenyaa kamiyyu nuti furuu hin dandeenye, kan uummanni keenya furuu hin dandeenye; namni kamiyyu furuu hin danda'u, furuufis hin ta'u," jechuun fuula Tiwiitara isaarratti barreesse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen nagaa uumame akka hin gufanneef jecha bu’uura waliigaltichaatiin addawwan waraanaa afur irraa akka gadhiisan taasifamuu kan ibsan Dr, Dabretshion Gabre-Mikaa’el, gama raayyaa Itoophiyaatiin garuu kun akka hin raawwatamiin himan.
Akkaataa waliigaltee waraana dhaabuu irra gahameen humni mootummaa Federaalaa Maqalee galuun dhaabbilee gurguddoo ta'an akka to'atu kan ibsame ta'ullee, hanga ammaatti gara magaalattiitti hin galiin jira.
Mootummaan ibsa baase kanaan gocha saamichaa gaggeeffamaa jira jedha keessatti warri hirmaatan hundinuu itti-gaafatamummaa jalaa hin bahan jechuun akeekkachiisuun, "mootummaan nageenya uummataa eeguudhaaf itti-gaafatamummaa irra jiru bahachuudhaaf waan barbaachisu hunda ni godha," jedheera.
Ji'a tokko dura Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti, itti aansee ammoo Keeniyaa, Naayiroobiitti waraana waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasisaa ture dhaabudhaaf mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti waliigalteerra gahamee waraanni dhaabbachuu isaa ni yaadatama.
Torban lama dura akkaataa waliigaltee nageenyaa itti raawwatamuu qaburratti gaggeessitoonni waraanaa gama lamaaniin jiran gidduutti Shireetti marii taa'aniiru. Humnoonni Tigraay ammoo addawwan waraanaa keessaa bahaa akka jiranis gabaafamee ture.
Waliigalteen nagaa mallattaa'uu hordofee waraanno mootummaa Federaalaafi humnoota Tiggraay gidduutti gaggeefamaa ture kan dhaabbate yoo ta'u, dhiyeessiin gargaarsa namoomaas kallattiiwwan gara garaatiin gara naannichaa seenaa jiraachuu mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa beeksisaniiru.












