Anga'oonni Gamtaa Afrikaa 'guyyoota muraasa keessa' gara Maqalee imaluuf

Madda suuraa, Getty Images
Bakka buutonni Gamtaa Afrikaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliigalteerra akka gahan jaarsummaan gargaaraa turan guyyoota itti aanan gara Naannoo Tigraay Maqalee akka deemuuf jedhan ibsan.
Kuni kan dhagahame marii guyyaa lamaaf qondaaloti mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay yeroo lammataaf tibbana Keeniyaa, Naayiroobiitti walgahaa turan yeroo xumuranittidha.
Dhimmoota marii keessaa meeshaa hiikkachuun akka jiru ibsameera.
Kaayyoon imala isaanii hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa qaamota lamaan gidduutti Afrikaa Kibbaatti walta’ame taajjabuuf akka ta’e Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keniyaataa ibsa miidiyaaleef kennameerratti himaniiru.
Haa ta'u malee, guyyaa imala isaanii taasisan yoom akka ta'e hin ibsine.
Miseensi bakka buutota Gamtaa Afrikaa jaarsumaa keessa jiran kuni gaafa Kamisaa ibsa miidiyaaf kennameerratti ‘’jijjiiramni guddaan’’ mul’ataa jira jedhaniiru.
Itoophiyaa keessatti nagaa buusuuf ‘’karaa sirriirra imalaa akka jirru ofitti amanamummaa qabna’’ jedhan.
Marii gaafa Roobiifi Kamisaa taasifameen dhimmoota irratti mari'atame keessaa waa'een meeshaa hiikkachuus ni jira.
Gamtaan Afrikaa ibsa baasen Adeemsa waliigalteen kuni raawwate waloon itti hordofamu qophaa'ee xumuramuu ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin guyyoota lamaaf Keeniyaa, Naayiroobiitti adeemsifamaa ture Kamisa xumurameera.
Qondaaltonni Tigraay waraanni Ertiraa ammallee Tigraay keessa akka jiruufi badii akka raawwataa jiru himataa turan.
Dhimma waraanni Ertiraa ammallee turuu kan gaafataman Keniyaataan, ‘’akkaataa waliigalteen humnooti alaa hundi Naannoo Tigraay keessaa ni bahu,’’ jechuun deebisan.
Kana duras Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oluseguun Obasaanjoo gara Maqalee imaluun hojiirra oolmaa waliigaltichaa hubatanii turan.
Waliigalteen kana dura magaalaa Naayirobiitti waraana Itoophiyaafi ajajaa humnoota TPLF gidduu irra gahame humnoota Tigraay meeshaa hikkachiisuufi humnoota Raayyaa Itisa Biyyaa ala jiran erga tokko raawwata jedha.
Waraanni kuni waliigaltee nagaan osoo xumura hin argatiin dura waggaa lamaaf Naannoo Tigraay, darbees Afaariifi Amaaraatti ce’e lammiilee kuma hedduu galaafate.
Miiliyoonaan kan lakkaa’aman immoo qe’eerraa akka buqqa’an dirqeera.
Sababa waraanicharraa kan ka’e lammiileen miiliyoonaan lakka’aman jireenyi isaanii danqame gargaarsa namoomaan malee jiraachuu akka hin dandeenye ta’aniiru.












