Bakka bu'oonni mootummaa Itoophiyaafi humnoota Tigraay Naayiroobiitti mariyataa jiru

Madda suuraa, Dubbi-himaan IGAD Nuur Mohaammad Sheek
Bakka bu'oonni marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi Tigraay kora guyyoota sadiif turu Naayiroobii, Keeniyaatti taa'aa akka jiran maddeen himan.
Mariin Mudde 21-23, 2022tti gaggeeffamaa jiru kun waliigaltee waraana dhaabuu jalqaba ji'a Sadaasaa 2022 Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti mallatteessan akkaataa itti hojiirra oolfamu dhimma ilaallatu akka ta'e Addis Standard odeeffannoo keessoo argateen gabaaseera.
Dubbi-himaan IGAD Nuur Mohaammad Sheek ajajoota humnonoota mootummaa Itoophiyaafi Tigraay gidduutti magaalaa Keeniyaa, Naayiroobiitti mariin gaggeeffamaa jiraachuu fuula Tiwiitara isaarratti ibseera.
“Waliigalteen Piritooriyaatti mallattaa’e gufuu tokko malee hojiirra akka ooluuf IGAD qaamolee lamaan, Gamtaa Afrikaafi michoota biro waliin dammaqinaan hojjechaa jira,” ergaa jedhus barreesseera.
Adeemsa hidhannoo hiikkachiisuun irra jiru, to'annoofi hordoffii Gamtaan Afrikaa hojiirra oolmaa waliigaltichaarratti taasisu irratti mariyatanii raggaasisu jedhamee eegamaa jira.
Korri bakka bu'oota mootummaa Federaalaafi Tigraay gidduutti taasifamu kun marsaa sadaffaaf yoo ta'u, dura cufaatti erga mariyatanii booda waan irra gahame ibsi akka kennamu barameera.
Kora Naayiroobii bakkuma kanaan dura gaggeeffametti taa'amu kana irratti bakka bu'oonni Gamtaa Afrikaa (AU), Dhaabbata Misooma Waloo Afrikaa Bahaa (IGAD) fi mootummaa Ameerikaa kan hirmaatan yoo ta'u, pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataas irratti ni argamu jedhameera.
Kanaan dura marii nagaa Piritooriyaatti mallattaa'e hordofee kan Naayiroobiitti gaggeeffameen qaamoleen lachuu waraana dhaabuu, gargaarsa namoomaa akka qaqqabu gochuu, tajaajilawwan bu'uuraa akka jalqabamaniifi loltoonni TPLF ammoo hidhannoo akka hiikkataniif waliigalteerra gahuun isaanii ni yaadatama.
Waliigaltee waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuuf mallattaa'e amma ji'a lama guutuuf deemu kana hordofee gargaarsi namoomaa gara naannoo Tigraay seenu foyyaa'aa akka dhufa himamaa kan jiru yoo ta'u, naannicha bakka gara garaatti tajaajilawwan ibsaafi bilbilaa, akkasumas baankii deebiyee jalqabamuu gabaafameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Ertiraa haa bahu kan jedhu qaama waliigaltichaa ta’us waraana Ertiraa baasun hojiirra oolaa hin jiru jechuun angawoonni Tigraay komachaa turan.
Humnoonni Tigraay adda waraanaa garaa garaa irraa hidhattoota isaanii baasuu beeksisanis hanga ammaatti adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu eegaluu waanti beekame hin jiru.
Mootummaan federaalaa gama isaatin waliigalticha hojiirra oolchaa jiraachuu ibsa Mudde 17 baasen beksiseera.
Haa ta’u garuu pirezidaantin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’el walgahii Maqaleetti gaggeeffame irratti mootummaan Itoophiyaa akkaataa waliigaltichaatti waan isarraa eegamu guutummaan bahaataa akka hin jirre himan.
Mootummaan federaalaa ibsa baasen ammoo, “Mootummaan biyyaa fi uummataaf jecha waliigaltee mallatteesse osoo oolee hin bulinii fi osoo addaan hin kutin hojiirra oolchaa jira” jedhe.
Dabaratsiyoon Gabramikaa’elis gama Tigraayin erga waliigalteen mallattaa’ee gaaffileen waliiglaticha keessatti ka’an hundumaa hojiirraa oolchaa akka jiru himuun, “Gama mootummaa federaalatiin dhiyeessii deeggarsa namoomatiin wal-qabatee waanti nama gammachiisu jiraatus dhimmoota waliigaltichaa biroo irratti mootummaan waadaa gale raawwataa hin jiru” jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Federaalaa guyyoota dura akka beeksisetti magaalaa Maqalee dabalatee naannicha keessatti bakkawwan gara garaa raayyaan ittisaa hin qaqqabiin jiru keessatti gochawwan saamichaa bifa gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, mootummaan nageenya uummataa eegsisuudhaaf itti-gaafatamummaa qabu bahachuudhaaf waan barbaachisu hunda akka godhu himeera.
Wal waraanuu waggoota lama lakkoofsise dhaabsisuudhaaf aanga’oota mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti marii jalqaba Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame hordofee waraanaa dhaabuufi hidhannoo hiikkachuu irratti waliigalamee ture.
Marii nagaa adda-durummaa AUtiin gaggeeffamee waliigalteerra gahame kanaan waraana dhaabuu, gargaarsi namoomaa akka qaqqabu gochuu, tajaajilawwan bu’uraa akka jalqaban taasisuu, humnoonni TPLF hidhannoo akka hiikkataniifi raayya ittisa biyyaa irraa kan hafe humnoonni biroon naannoo Tigraay keessaa akka bahan waliigalameera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf ture kana keessatti erga jalqabee kaasee raayyaan Ertiraa mootummaa Federaalaa deeggaruudhaan waraanicha keessatti hirmaachuun gabaafamaa kan ture yoo ta’u, waliigaltee qaamoleen lamaan irra gahan irratti garuu maqaan Ertiraa ifatti hin kaane.












