Waliigaltee nagaa ji’a tokko guute keessatti maaltu jedhame, maaltu ammoo raawwatame?

Yeroo marii nagaa yeroo mallattaa'utti

Madda suuraa, AFP

Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo waliigaltee nagaa erga ifa taasisanii Mudde 02, 2022 ji’a tokko guute.

Waliigalteen nagaa kun waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf mootummaa Federaalaafi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduutti kan taasifamaa tureef xumura gochuuf mallattaa'e.

Marii nagaa Afrikaa Kibbaa, magaalaa Piritooriyaatti gaggeeffame kana adda-durummaan Gamtaan Afrikaa gaggeesseera.

Waliigalticharratti mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uudhaan gorsaa nageenya biyyaalessaa ministira muummee Ambaasaaddar Redwaan Huseen, gama TPLFn ammoo Obbo Getaachoo Raddaa mallatteessaniiru.

Marii guyyoota kudhaniif gaggeeffamaa tureen qabxiiwwan 12 irratti waliigalteerra gahaniiru.

Kibxata Onkoloolessa 25, 2022 irraa kaasee mariin nagaa gaggeeffamaa ture gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo, pirezidantii duraanii Uhuruu Keeniyaataa, akkasumas pirezidantii itti-aantuu duraanii Afrikaa Kibbaa Phumzile Mlambo-Ngcuka qindeessaa turan.

Ameerikaa, Mootummoonni Gamtoomaniifi IGAD ammoo maricharratti taajjabdummaatiin hirmaataniiru.

Waliigaltee sana booda maaltu jedhame, maaltu ammoo uumame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadaasa 04, 2022

Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii nagaa mootummaan isaanii TPLF waliin taasisaa ture “yaada Itoophiyaan dhiyeessite dhibbaa dhibbatti fudhatama argateera,” jechuun dubbatan

“Gootummaa jechuun mo’achuu qofa miti. Gootummaa jechuun injifannootiin booda dhiifama jechuudha. Gootummaan keenya kan mirkanaa’u kan qabnurraa qoodnee lammileen keenya Tigraay miidhaman afaan kaa’uu yoo dandeenyedha,” jedhan.

“Guutummaa uummata Tigraayiif ergaan dabarsuu barbaadu waraanni hin barbaachifne, miidhaan hin barbaachifne, akkaataa hin barbaachifneen Itoophiyaa dabarsanii kennuun ni gaha,” jechuun waamicha dhiyeessan.

Sadaasa 08, 2022

Qondaalonni waraanaa olaanoo mootummaa Itoophiyaafi TPLF magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti wal argan.

Hoggantoonni waraanaa qaamolee lamaanii kan walga’aniif waliigaltee nagaa Piritooriyaatti irra gahame qaama hojiirra oolchuu keessaa tokko kan ta’e adeemsa hidhannoo hiikkachiisuurratti waliin dubbachuuf ture.

Itaamaajor Shuumiin Humna Raayyaa Ittisaa Federaalaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa fi Ajajaa Olaanaa Humnoota Tigraay Leetenaan Janaraal Taaddasaa Warradaa Sadaasa 07, 2022 ganama waaree dura Naayiroobiitti waliin dubbachuu jalqaban.

Sadaasa 08, 2022

Ajandaa marii Naayiroobii keessaa tokko kan ta’e Tigraay keessatti kan addaan cite ture tajaajilawwan bu’uuraa deebisuu akka ta’e Ameerikaan beeksifteetti.

Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa Need Piraayis, akkaataa waliigaltichaatiin dhiyeessii gargaarsa namoomaa saffisiisuu, akkasumas Tigraay fi naannolee ollaa akka Affaariifi Amaaraa keessatti addaan cite kan ture tajaajila bu’uuraa deebisuun ajandaa tokkoffaa akka ture hubanneerra jedhan.

Hoggantoonni qaamolee lamaanii karaa bilbilaa waliin haasa’uu isaanii kan beeksisan Need Piraayis, “tarkaanfiiwwan qabatamoo kunneen qaamoleen lamaan sagalee qawwee akka hin dhaga’amne gochuudhaaf kutannoo akka qaban agarsiisa,” jechuun ibsaniiru.

Sadaasa 10, 2022

Mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti waraana guutummaatti dhaabuudhaaf waliigalteerra gahamus gara naannoo Tigraay nyaatas ta’e qorichi galaa akka hin jirre Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibse.

“Waliigaltee waraana dhaabuu hordofee battalumatti nyaanniifi qorichi gara naannichaa ni seena jedheen eegaa ture. Haalli kun garuu mul’ataa hin jiru,” jechuun daarektarri olaanaa WHO Doktor Tediros Adihaanom dubbatan.

Dr Tediroos naannicha keessatti addaan cite kan ture telekoom, baankiifi tajaajilawwan bu’uuraa biroo akka deebiyanii hojii jalqabaniif gaafataniiru.

Aanga’aan Itoophiyaa tokko garuu Dr Tediroos waliigaltee nageenyaa diiguudhaaf yaalu jechuun komatee, nyaataafi qorichi naannoo Tigraay galaa jira jedhan. 

Sadaasa 11, 2022

Naannoon Tigraay harki torbaatamni to’annoo Raayyaa Ittisa Itoophiyaa jala ta’ee gargaarsi dhiyaachaa jiraachuu gorsaan nageenyaa biyyaalessaa ministira muummeefi dursaan garee marii Ambaasaaddar Rediwaan Huseen fuula tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa AFPtti akka himanitti, wanti Ambaasaaddar Rediwaan dubbatan “odeeffannoo qabatamaa bu’uura kan godhate miti,” jechuu isaanii gabaaseera.

Qondaalota waraanaa TPLF fi mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Sadaasa 12, 2022

Walii galtee waraana dhaabuu Afrikaa Kibbaatti irratti walii galan hojiirra oolmaa isaarratti hoggantoonni waraanaa kan mootummaa fi humnoota Tigraay Naayiroobitti wal arganii mariyatan.

Fiild Maarshal Birhaanuu Juulaa fi Jeneraal Taaddasaa Warradaa mariisistoonni Gamtaa Afrikaa bakka jiranitti walii mallatteessun waliigalteen Afrikaa Kibbaa guutummaatti hojiirra akka ooluf qophii ta’uu isaanii agarsiisan.

Sadaasa 11, 2022

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen, walii galteen nagaa bifa yaadameen hojiirra akka ooluuf mootummaan qophii ta’uu isaa ibsuun, lafa waraanni mootummaa to’ate hedduutti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu gochuuf akka hojjatu beeksise. Bu’uraaleen tajaajilaas suuta akka eegalan ibse.

Dhaabbileen gargaarsaa ammoo deeggarsa fe’ani hayyama mootummaa irraa eegaa akka jiran ibsanii turan.

Sadaasa 13, 2022

Mootummaan Itoophiyaa humnoota hidhannoo hiikkatan gara hawaasatti makuuf, Komishinii Haaromsa Biyyoolessaa hundeessuu beeksise.

Wixineen dambii hundeeffama komishinichaas mana maree bakka bu’ootaaf dhiyaatee ragga’e. Waraana biyyattii keessa jiru hundumaa karaa nagaan furuu fi furmaata xumuraas itti gochuun barbaachisaa akka ta’e ibsa kana keessatti eerame.

Sadaasa 15, 2022

Konkolaattoonni deeggarsa fe’an kan Fannoo Diimaa Addunyaa Maqalee galuu dhaabbatichi beeksise. Mootummaan federaalaa fi TPLF walii galtee erga walii mallatteessanii kan jalqabaa ture.

Sadaasa 16, 2022

Ertiraan waraana ishee Tigraay keessaa hin baastu taanaan Ameerikaan qoqqobbii akka irra keessu, walii galteen nagaa buusuu haa kabajamu, kanneen sarbama mirgoota namaa irratti hirmaatan ammoo akka itti gaafatamaniif qoqqobbiin irra kaa’a jette.

Sadaasa 20, 2022

Waraanni Ertiraa gidiraa uummata Tigraay irratti raawwatu akka dhaabu, naannoo keessaa guutummaan akka bahuu hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii cimaa akka irratti fudhatu TPLF ibsa baase.

Sadaasa 21, 2022

Walii galteen nagaa erga mallattaa’ee booda yeroo jalqabaatif Jeneraal Tsaadiqaan Gabra Tinsaa'ee fi Obbo Getaachoo Raddaa dhimma marii nagaa irratti miidiyaalee naannichaaf ibsa laatan.

Marichi adeemsa walii galtee baramaa kan idil-addunyaa irraa kana kaate fi mootummaan Itoophiyaa Maqalee galee to’achuun bu’aa marii jijjiiruf yaalii hin milkoofne gochaa akka ture dubbatan Jeneraal Tsaadiqaan.

Qaamoleen waliin mariyatan walii galteerra gahuu kan danda’an cimina humnoota Tigraayi fi dhiibbaa hawaasa idil-addunyaatin akka ta’e himan.

Sadaasa 23, 2022

Ministeera dhimma alaa US kan ta’an Antoonii Bilinkan, MM Abiy waliin dhimma walii galtee marii nagaa irratti mariyachuu ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa naannolee Tigraay, Affaar fi Amaaraa dhorkaa malee akka qaqqabu gochuu akka qabdu ibsuun, yaalii mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan bu’uuraa deebisuuf taasisu US jajje.

Dabalataanis raayyaa ittisa biyyaa kan hin taane naannoo Tigraay keessaas bahuu akka qaban ibsanii turan Bilinkan.

Gama biraan ammoo akkaataa walii galtichaatti, bakkeewwan humnoonni Tigraay qabatanii turanii baasuf adeemsi jalqabamuu ajajaan humnoota Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa beeksisanii turan.

Xiyyaara ICRC

Madda suuraa, ICRC

Sadaasa 24, 2022

Sababa waraanaatiin addaan cite kan ture balalii gara Tigraayitti taasisu deebisee jalqabsiisuudhaaf qophii xumuruu isaa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa BBCf ibse.

Erga waliigalteen nagaa taasifameen booda Daandiin Qilleensichaa balaliiwwan daldalaa deebisee jalqabuudhaaf qophii barbaachisu akka xumureeru Oppireetarri Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Lammaa Yaaddechaa ibsaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa haala ittiin hojii isaa itti fufuudhaaf, “haalli jiru mijataa dhufuu isaa” eeruun, balaliiwwan jalqabuudhaaf qaamoleen nageenyaafi Sivil Aveeshinii hayyama isa dhumaa eeggachaa jiru jedhan.

Sadaasa 24, 2022

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Oluseeguun Obasaanjootiin kan durfame jilli Gamtaa Afrikaa Kamisa Sadaasa 24, 2022 daawwannaa Maqaleetti taasisaniin aanga’oota TPLF waliin dubbataniiru.

Waliigalteen nagaa taasifame guddaafi walxaxaa waan ta’eef waaliigaltee hawaasichaas waan barbaaduuf, uummaticha paartileen siyaasaa hoggantoota humna Tigraay waliin marii taasisuu isaanii Ambaasaaddar Wandimmuu Asaamminaw jila kanaaf ibsaniiru.

Waliigaltee nagaa kana keessatti danqaan guddaan humnoonni Ertiraa bakka to’atanii jiran keessatti dhalattoota Tigraay irratti sarbama mirgoota namoomaa bal’aa raawwachaa jiran ta’uu isaa jila kanaaf ibsineerras jedhan Ambaasaaddar Wandimmuun.

Oluseeguun Obasaanjoon gama isaaniitiin, “biyyi kamiyyu humni alaa kafa isaarra jiraachuu fudhachuu hin qabu,” jedhaniiru.

Sadaasa 30, 2022

Naannoo Tigraay keessatti addaan citee kan ture tajaajila telekoomii deebisee jalqabsiisuuf hojiiwwan suphaarra akka jiru Itiyoo-Telekoom BBCtti himeera.

Mudde 01, 2022

Tokkoo tokkoo karooraa ittiin humnoonni hidhannoo hiikkatanirratti kan hojjetu koreen ogeessotaa waloo qaamolee lamaanii, Shireetti mariirra akka jiran Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibseera.

Akkaataa waliigaltee nagaa Piritooriyaatti marichi Sadaasa 30, 2022 irraa kaasee koreen waloo mootummaa Federaalaafi hidhattoota Tigraay irraa walitti dhufan guyyoota keessatti hojii isaa ni xumura jedhameera.

Tokkoon tokkoo karoora koreen waloo kun baasu hidhannoo hiikkachiisuu, hidhattoota gara kaampiitti galchuufi dhimmoota kanaan walqabatan ta’a jedhameera.