Kaayyoo hundeeffama 'Magaalaa Shaggar' fi gaaffii irratti ka'aa jiru

Kaartaa magaalaa 'Shaggar' agarsiisu

Madda suuraa, Miidyaa hawaasaa

Dhiyeenya kana Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota Godiina Addaa Naannawa Finfinnee walitti dabaluun ‘Magaala Shaggar’ jechuun hundeesseera. Kanaaf ammoo mootummaan Dambii Hundeeffama Magaala Shaggar Lakkoofsa 233/2015 jedhu tumuun hojiirra oolchera.

Dambiin hundeeffama magaalichaa BBCn argate kun chaappaa 'Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa' jedhu ofirraa qaba.

Onkoloolessa 11, 2015 ALI irraa kaasee dambiin hundeeffama magaala Shaggar kun hojiirra akka oolus dambicharratti ibsameera.

Hundeeffamuun magaalaa haaraa- magaala Shaggar- kun aangawoota mootummaa dabalatee namoota hedduu biratti mata-duree dubbiifi falmii ta’ee jira. Maastar Pilaanii marsaa 2ffaatu dhufe kan jedhanis jiru; kaan ammoo dhuguma fayidaa uummataa kan mirkaneessudha jedhanii falmu.

Rakkoon wal xaxaan biyyattiin, keessumaa Oromiyaan keessa jirtu osoo furmaata hin argatin dhimma belbeltuu akkanaa fuudhanii gadi bahuun sirrii miti kan jedhanis jiru.

Ofii magaalli haaraa hundaa’e kun maalidha? Kaayyon isaa hoo? Dhuguma Maastar pilaanii lammaffaadhaa? Godiina Addaa Naannawa Finfinnee irraa maaltu-adda godha? Bulchiinsiifi caaseffamni isaa maal fakkataa? Magaalli kun akka hundaa'u gaaffii uummataatimoo murtee siyaasati?

Dhimmoota kana irratti xinxaaltota, hojjattoota mootummaafi miseensota Caffee Oromiyaafi dambii hundeeffama magaala Shaggar irraa BBCn waan qindeesse akkanatti dhiyeessa:

Magaalli Shaggar maalidha?

Akkaataa dambii hundeeffama magaala Shaggar bara 2015 ALI tti bahee kutaa lama lakkoosa 6 jalatti ibsameettu magaala Shaggar jedhamuun bakka tokkotti kan gurmaa’an magaalota, aanaaleefi gandoota magaala Finfinneetti marsanii jiraniidha.

Isaanis, magaalota Burraayyuu, Kolooboo, Sulultaa, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Galaan fi Sabbataa yoo ta’an, gandoota aanaalee Walmaraa, Sulultaa, Barraak, Aqaaqii, fi Sabbataa Awaas irraa magaalichatti makaniidha.

Bal’inni magaala Shaggar heektaara 160,892.8 akka ta’eefi akkaataa barbaachisummaa isaatti akka dabalu ykn hir’atus dambii kana keessatti ibsameera.

Itti waamamni magaalichaa ammoo mana-maree magaalichaafi Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatifidha. Teesson Muummee Magaala Shaggar ammoo magaala Finfinnee akka ta’es ibsameera.

Dambii hundeeffama magaala Shaggar kana Kutaa Lama lakkoofsa 9 muraa 2 jalatti akka ibsametti, daangaan bulchiinsi magaala Shaggar magaala Finfinnee waliin qabdu: “Akkaataa sanada waliigaltee Bulchiinsi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin gaafa Adoolessa 22 bara 2014 waliigaluun mallatteessaniin ta'a" jedha.

Caassefama magaala Shaggar

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dambii hundeeffama magaalichaa Kutaa Lama Lakoofsa 10 jalatti, Gurmaa’insa Qaamolee Mootummaa Bulchiinsa Magaalichaa tarraa’en Magaalaan Shaggar: Bulchiinsa Magaalaa, Kutaa Magaalaa fi Bulchiinsa Aanaa Magaalaa qabaata.

Qaamoleen bulchiinsa magaala Shaggar Mana-maree, Kantiibaa, Mana-maree Bulchiinsaa, Mana-murtii Ol’aanaa, Waajjiraaleefi hojjettoota barbaachisoo ta’u.

Magaalonni naannawa Finfinnee dur of danda’anii bulchiinsa magaalaa jedhaman amma kutaa magaalaa ta’u jechuudha.

Bifa kanaan hojiiwwan gurguddoo magaalonni kunneen dur of danda’nii hojjataa turan kan hojjatu magaala Shaggar ta'a jechuudha.

Magaala Burayyuu irraa hojjataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbate, magaalan isaanii akka kutaa magaalatti hundaa'un achi jalatti ammoo bulchiinsi aanaas hundaa'ee hojiitti seenamuu hime.

"Hojjattoonni duraan bulchiinsa magaalaa irra turan bakka kutaa magaalaafi bulchiinsa aanatti ramadamaniiru," jedhe.

Gama biraan ammoo dursee qophiifi odeeffannoon waan hin turreef hojjattoota gidduutti burjaajin uumamuufi namoonni caasaa haaraa kana keessatti aangoo fi ramaddii iddoo gaarii argachuuf 'gubboo' birrii 50,000 kaasee hanga kuma 200 tti kaffalaa akka jiran hime. Haata'u garuu BBCn komii kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Magaala Shaggar hundeessun maalif barbaachise?

Kaayyon hundeeffamuu magaala Shaggar, magaalattii ammayyeessuf, misoomaf hawwattuu taasisuuf, akkasumas magaala giddu-gala diinagdee, siyaasafi hawaasummaa taate gochuuf akka ta’e kaayyowwan Mootummaan dambii hundeeffama magaalichaa lakkoofsa 233/2015 keessatti tarreesse keessayi.

Haata’u garuu hundeeffama magaala Shaggar ilaalchisee aangawoota mootummaa dabalatee namoota garaa garaa irraa komiin dhagahamaa jira.

Miseensi Caffee Oromiyaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbatan hundeeffama magaalichaa irratti rakkoon iftoominaa akka jiru himan.

"Dubbicha osoo hawaasa hin mariyachiisin gadi fuudhani. Gandoonni baadiyyaa dur Godiina Addaa Naannawa Finfinnee irraa tajaajila argataa turan kaan magaala Shaggar jalatti waan hin hammatamneef amma gara Walisoo ykn Adaamaa fa'aa deemanii tajaajila akka argatan godhamnii jiru," jedhan.

Itti dabaluunis, "Uummata tuffachuun sirrii miti. Uummataan anatu siif beeka jechuun uummata wallaalaa gochuudha, yoo dogoggores uummanni [dhimma isaarratti] haa dogoggoru, garuu uummanni maal barbaada jedhanii gaafachuutu ta'uu qaba ture" jedhan.

Haata'u garuu miseensi Caffee kun, hundeeffamuu magaala Shaggar irraa komii akka hin qabne himuun hawaasni isaan bakka bu'an mariisifamuu dhabuu rakkoo ta'uu himan.

Akka dambii hundeeffama magaala Shaggar irratti ibsametti, gandoonni aanaaleee akka Aqaaqii, Sabbata Hawaas, Barraak, Sulultaa fi Walmaraa jala turan, gandoonni 40 ta'an magaala Shaggar jalatti hammatamaniiru. Eertuu Mojoo fi Koyyee Faccee Finfinnee jala kan turan gandoota magaala Shaggaritti makamaniidha.

Gama biraan ammoo gandoonni baadiyyaa dur godiina addaa naannawa Finfinnee irraa tajaajila dhiyeenyan argataa turan magaala Shaggar keessatti waan hin hammatamneef fageenya dheeraa deemanii tajaajila argachuuf dirqamanii jiru.

Miseensi Caffee Oromiyaa biraan maqaan akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbatan: "Dhimmichi osoo Caffeen Oromiyaas ta'ee kaabineen olaanan quba hin qabaatiin kan hawaasa bira qaqqabe.

Aanaa tokko keessaa gandoonni walakkaan Shaggar jalatti yoo ramadaman kaan ammoo osoo hin ramadamin hafanii tajaajilaaf lafa 200 km fa'aa deemanii tajaajila akka argatan taasifamuun hawaasa ani bakka bu'e biratti komii kaase."

Kanumarraa ka'uun hawaasni gandoota baadiyyaa namoota bakka buufachuun komii isaanii mootummaa naannotiif dhiyeessuus dubbataniiru miseensi Caffee kun.

Hundeeffamuu magaala Shaggariin wal qabatee namoonni komii kaasan akkuma jiran kan jajanis jiru.

Dhimmoota siyaasaafi hawaas-dinagdee ilaalchisuun miidiyaa hawaasummaarratti yeroo baayyee kan barreesssan Gaazexeessaafi Rogeessa kan ta'an Obbo Dammaqaa Nagaasaa hundeeffama magaalaa haaraa kana warra deeggeran keessaayi.

Shaggar magaala 'Ismaart Siitii' ykn Sister Siitii' akka taateefi bal'inni ishees Finfinnee dachaa sadi akka caaltu ibsuun, "...Masaraan haaraa kan biyyaa irra caalaan ykn guutummaatti Shaggaritti ijaaramaa jira. Masaraan Oromiyaa Finfinneetti ijaaramaa jira. Kanuma!" jechuun hundeeffamuu Shaggar waan gaarii ta'uu isaa barreessan.

Gama biraan ammoo Deetaa Ministira Nagaaa Itoophiyaafi miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa hundeeffamuun magaala Shaggar iftoomina seeraa akka hin qabne qeeqa cimaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchiisaafi misooman magaalota naannawa Finfinnee jiran wal qunnamsiisuf hundeeffamuun magaala Shaggar barbaachisaa akka ta’e ibsus Obbo Taayyen garuu magaalonni kun aangoofi eenyummaa isaanii qabatanii bu’uuralee misoomaan wal-qunnamsiisuun maaf hin danda’amu? jedhanii gaafatu.

“Magaalonni marsaan Finfinnee daandii guddaan wal-qabatuu akka qaban bara 2011 kora ODP irratti kaasuu koo nan yaadadha. Namni Sululta irraa Burraayyuu deemuu barbaadu Finfinnee seenee rakkatuu hin malle.

Finfinnee alatti Xaafoo fi Sululta waliin gahuun rakkoo tiraafikaa Finfinnee furuufis danuu fayyada. Garuu sun hin dhagayamne,” jedhan Obbo Taayyen.

Miseensonni Caffee Oromiyaa osoo hin dhagahiniifi Caffeen osoo irratti hin mari’atin magaalli Shaggar hundeeffamuun kaayyoo namoota muraasaafi ‘hanna lafaatiif’ karoorfame akka ta’es ibsu.

Namoonni muraasni 'hanna lafaatiif' magaala Shaggar hundeessan kun eenyu akka ta'an hin ibsine.

Obbo Taayen yeroo hedduu miidiyaa irratti aangawoota mootummaa naannoo Oromiyaa irratti qeeqa jabaa dhiyeessu.

Giddu Gala Kutaa Magaalota Shaggar

Madda suuraa, Dambii Hundeeffama Magaala Shaggar

Dhuguma Paastar pilaanii 2ffaadhaa?

Dr. Milkeessaa Miidhagaa Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti-fayyadama Lafa Oromiyaa kan turan dhimmi hundeeffama magaala Shaggar, Maastar Pilaanii lammaffaadhan akka wal qabatuufi dantaan Finfinnee Oromiyaa keessatti kabajamuu waan dadhabeef karoorri kun magaala Finfinneetin durumaanuu akka qophaa’e BBCtti himan.

“Ani qabatamaan waanan beekun qaba. Rakkoo Finfinneen Godiina Addaa keessatti qabdu akkamitti hiikna jedhaniitu Addis Ababa Metropolitan Region Plan kan jedhu gara dhuma bara 2018 tti magaalli Finfinnee qopheesse,” jedhu.

Yeroo isaan lafa Oromiyaa bulchaa turan bishaan magaala Finfinneetif Aanaa Sulultaa keessaa Garbii lakkoofsa 2 jedhamu bahaa akka ture himuun: “Ministeerri Faayinaansii [Obbo] Ahmad Shidee qaaman na argatee, [bishaanicha baasuuf] Baankii Addunyaarraa horii arganneerraa lafarraa [qote bulaa] nuuf kaasaa naan jedhe.

Anis amma gaaffin ummanni Oromoo Finfinnee irraa qabu deebii argatutti ani waa’ee nama buqqisuu keessa hin galu jedheen dide,” jedhan Dr. Milkeessan.

Magaalli Finfinnee bakka balfa itti gattu dhabdee waan rakkataa jirtuuf karoorri kun qophaa’ee Naannon Oromiyaa hojiirra akka oolchuuf akka karoorfame himu.

Gama biraan ammoo magaalota amma Shaggar jedhaman kana keessatti karaa seeraan alaa lafa qabachuun hammaachuu irraa kan ka'e qubsumni (dimogiraafin) uummataa akka malee jijjiiramaa jiraachuu himuun, "Yeroon lafa Oromiyaa bulchaa ture weerara lafaa dhaabsisuu gaafa eegallu hoggansa kanarratti cichine sanyummaadhan nu qoratanii rakkoo guddaatu nurra gahe" jedhan.

Itti dabaluunis magaalli Shaggar Maastar Pilaanii hamaa ta'e "maqaa bareechanii Shaggar isa durii [Finfinnee] dhabdaniitu, Shaggar haaraa isiniif hundeessina jedhanii as bahan," jedhan.

Akkuma yeroo Maastar Pilaanii sana icciitii guddaadhan qabanii erga hojjatanii xumuranii hojiirra oolmadhaaf gadi baasan malee fedhiifi dantaan uummataa gaafatamee akka hin taane kaasu Dr. Milkeessan.

Akkaataa dambii hundeeffama magaala Shaggaritti teesson magaalichaa Finfinneedha. Namoonni magaalotaafi gandoota baadiyyaa magaala Shaggar jala jiran irraa dhimma isaanii dur achuma magaala isaanitti raawwataa turan raawwachiisuuf amma gara Finfinnee deemuuf dirqamu jechuudha.

Kuni ammoo dursee qorannoofi qophiin gahaan waan hin turreef rakkoo ture wal xaxaa taasisa jedhu Obbo Taayyenis.

“Dhimmi duraan Galaan, Xaafo, Sabbata, Burraayyuu fi Sulultatti xumuramaa ture amma Saaris geeffameera. Gandooti aanaaleen godina addaa jala turan gariin ammoo amma godinoota duriitti deemu jedhama.

Aanaa Aqaaqii irraa gandooti gariin Adaamaa deemu. Sandaafaan ammoo Finfinnee keessa cehee Fiichee akka deemu murtaayera. Kun bulchiinsaaf hamaa ta'uun ifaadha,” jechuun jiruu uummataa akka hammeessu kaasu.

Dr. Milkeessanis magaala Shaggar hundeessanii teessoo isaa Finfinnee gochuun "bulchiinsa uummatarraa fageessudha malee rakkoo uummataa hiikuu miti," jechuun mormu.

Komiiwwanii fi wantoota shakkii uuman ilaalchisee deebii argachuuf BBCn aangawoota mootuummaa argachuuf yaalii godheen angawaan Caffee Oromiyaa tokko qaamni dhimmi ilaallatu akka deebii kennu haala mijeessana jedhanii erga beellama qabanii booda argachuu hin dandeenye.

Magaala Shaggar hundeessun gaaffii uummataatii?

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Keeyyanni 49 lakkoofsa 3/b jalatti Caffeen Oromiyaa, "Baay’ina uummatichaa, bal’ina naannichaafi sochii dinagdee hawaasummaa tilmaama keessa galchuudhaan gulantaalee bulchiinsaa dabalataan ni hundeessa," jedha.

Bifa kanaan magaala Shaggaris hundeessuuf aangoo kan qabu Caffee Oromiyaati jechuudha.

Miseensota Caffee Oromiyaa BBCn dubbise lama keessaa Magaalota Godiina Addaa Naannawa Finfinnee keessaa bakka tokko [bakka isaa nageenya miseensa Caffee kanaaf jecha BBCn hin eerre] bakka kan bu'an, waanti uummanni irratti mariyatee itti hin amanne akka hin fayyanne himu.

"Dursa Caffeen labsiin bahe uummata ni fayyada moo hin fayyadu jedhee irratti ni mariyata. Caffeen erga murteessen booda qaamni hojii raawwachiiftuu dambii baafatee uumatatti gadi bu'uun mariisisa.

Nuti uummata bakka buuna waan ta'eef uummanni naaf ta'a jedhee kan itti amane hojiirra oolchina. Waa'een hundeeffamuu magaala Shaggar karoora gaarii ta'uu danda'a. Garuu Caffeen irratti mariyatee murteessuu qaba, uummannis naaf ta'a yoo jedhe fudhata," jedhu.

Ofii magaalan Shaggar akka hundaa'u gaaffii eenyuti?

Maaliif yeroo Oromiyaan rakkoo nageenyaa keessa jirtutti dhimmi falmisiisan akkasii gadi fuudhame?

Obbo Taayyen akka jedhanitti, magaala Shaggar hundeessuun gaaffii uummataa osoo hin taane kan "hattuu fi dallaalati" jechuun cimsanii qeequn barreessan. "Hattu fi dallaalaan" isaan jedhan kun eenyu fa'aa akka ta'an garuu ifa hin goone.

Obbo Taayyen kana haa jedhan malee dambii hundeeffama magaalichaa irratti akkka ibsametti magaala ammayyaa, aadaa fi seenaa uummata Oromoo giddu galeessa godhatee, akkasumas bu'uuraalee misoomaa ammayyaa qabdu kan fayidaan uummataa keessatti mirkanaa'u hundeessun barbaachisaa akka ta'e ifatti mootummaan kaa'era.

Gama biraan ammoo dhimmi magaala Shaggar hundeessuu yeroo Oromiyaan rakkoo nagaatin goolamaa jirtutti gadi fuudhamuu akka hin qabneefi hunda dura nageenya Oromiyaatif dursi kennuun hojii ijoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uu akka qabu falmu Obbo Taayyen.

Dr. Milkeessan gama isaanitiin gaaffin magaala, aanaa ykn godiina hundeessuu yeroo heddu kan ka'u uumata irraa akka ta'e dubbatan.

"Aanan tokkoyyuu gaafa hundaa'u uummatatu magaalaa aanaa akkasii dhaquu dadhabnee, aanan akkasi asitti nuuf haa hundaa'u jedhanii gaafatu. Bulchiinsa ofitti dhiyeessa uummanni malee ofirraa hin fageessu," jechuun hundeeffamuun magaala Shaggar gaaffii uummataa akka hin taaneefi bulchiinsi isaas uummata irraa akka fagaate kaasu.

'Godiinni Addaa Naannawa Finfinnee kana booda hin jiru'

Dambiin hundeeffama magaala Shaggar guyyaa dambichi itti hojirra ooluu eegale Onkoloolessa 15, 2015 ALI mirgiifi dirqamni Bulchiinsi Godiina Addaa Naannawa Finfinnee duraan qaba ture dambii kanaan gara Magaala Shaggaritti akka deebi'an ta'aniiru.

Dambiin Waajjira Bulchiinsa Godiina Addaa Naannawa Finfinnee bahe lakkoofsa 115/2000 dambii hundeeffama magaala Shaggar kanaan haqameera jechuudha.

Gandoonniifi magaalonni Godiina Addaa Naannawa Finfinnee jala turaniifi amma magaala Shaggar keessatti hin hammatamin osoo godinni addaa hin hundeeffamiin bakka turanitti akka deebi'an danbiin kun ni ajaja.

Haata'u garuu dhimmoonni seeraa jalqabamanii xumura hin argatin bakkuma jalqabametti akka xumuramu jedhameera.