'Meeshaa hiikuun akka harka kennachuutti ilaalamuu hin qabu' - Geetaachaw Raddaa

Obboo Getaachaw Raddaa

Waliigaltee nageenyaa qabxiilee 12 qabuufi Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti Sadaasa 2 mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallattaa’e hordofee, dhimmoota dhukaasa dhaabuu, waraana hiikuufi kaanis hojiirra oolchuuf Jimaata dabre Keeniyaa magaalaa Naayiroobitti waliigalteen biraa mallattaa’eera.

TPLF bakka bu’uun waliigaltee Piritooriyaa anga’oota olaanoo mallatteessan keessaa tokko ka tahan Obboo Getaachaw Raddaa gaaffiifi deebii BBC wajjin taasisaniin, jilli achitti argame “mootummaa Tigraay” kan bakka bu’u malee TPLF kan bakka bu’u miti jedhan.

Gaaffiifi deebii Aabba Getaachaw wajjin taasifame akka itti aanutti dhiyaata.

BBC: dhukaasni amma guutummaatti dhaabbateeraa?

Obbo Getaachaw: haala guutummaatti jedhamuun dhaabbateera. Kaleessa (Sambata xiqqaa) Tsallamtii iddoowwan tokko tokkotti sochiin Humna Addaa Amaaraa akka jiru hubadheera. Danquuf yookiis waan biraas tahu kan ilaallu taha. Yoo xinnaate, lolli mootummaa jiddugalaa fi mootummaa Tigraay wajjin jiru dhaabbateera.

BBC: Mariin jaarsummaa Piritooriyaa fi Naayiroobiitti taasifaman irra deddeebiin dheerachaa turan. Waliigalteerra gahuuf danqaaleen turanii?

Obbo Getaachaw: Een turan. Mariin guyyoota lamatti obba’a jedhamee ture dheerate taanaan, wanti irratti waliingalle jira jechuudha. Akka itti ilaalanidha wanti ijoon. Gara Piritooriyaa yogguu imallu, gama mootummaa Itoophiyaan abdiin Maqalee galaa jira yookaan na gala jedhu ture. Sochiin humnoota Itoophiyaafi Ertiraa akkas ture.

Kanaaf fedhii keenya mari’achuu hir’isuu waan jedhu fakkaata ture. Dhimmoonni guyya guyyaan jijjiiramanis turan. [Wanta barbaannu] guutummaatti argachuuf ture kan deemne, garuu waan hundaa hinargattu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanicha keessa gaaffiin humnoota alaa jiraachuu ka’aa ture. Dhukaasa dhaabna jedhanii, sadarkaa dhukaasa dhaabuu keessatti dhimmoota kahuu hinqabne hedduu ammo kaasu. Adeemsa keessa dhimmoota siyaasaa kahuu qaban ni kaasu, nutis ni kaasna.

Haal wahiitin ni kufa, deebi‘eemmoo itti fufa.

Maalumaafuu haala jiru irratti hundaa’uun wanti murteessine; uummataafi mootummaa Tigraayiif humna marii fooyya’aa uumuuf gargaara kan jennedha. Dhibbaan dhibbatti irratti waliigallee jirra jechuu miti. Haatahu malee erga waliigalle booda, dhimmoonni hojiirra oolmaan isaanii hiikkaa ofii qaban waan jiraniif, wanti falmisiisoo tahan hedduun turan.

BBC: waliigaltichi kallattiin hojiirra akka oolu himameera. Haala kanaanis humnoonni Tigraay guyyaa 30 keessatti meeshaa akka hiikkatan himame.

Gama kaaniin ammoo dhimma deeggarsa namoomaaf daangaan yeroo hin kaa’amne. Haga ammaattillee qarqaarsi namoomaa Tigraay hingalle. Yoom geeffama, yeroon akka murtaa’u maal gootan?

Obbo Getaachaw: Hidhannoon guyyaa 30 keessatti hin hiikamaafi hin hiikamuun waan biraati. Piritooriyaatti yaada guyyoota 30 dhiyeessanii, ji’a jaha yookis ji’a 10 jechuun hagas mara hiika waan hinqabneef, ajajoonni lameen waan tahuu qabu murteessu.

Meeshaa kan hiikkannu uummata keenya baraaruuf. Meeshaa kaasnee carraa uummata keenya oolchuu argineerra, qabsoofneerra – hojii gaariis hojjenne.

Waraana hidhannee uummata keenyarra [dhumaatiin] irratti raawwatamuu waan argineef, kana hambisuuf, gara karaa nagaatti deebine. Hidhannoo hiikuun waan kamuu caalaa nageenya Tigraay wajjin walqabachuu qaba jennee gaafanne. Kanas ejjennoo keenya godhanne.

Kan Tigraay irratti hiriire danuudha – humnoonni naannichaa jiru. Humni mootummaa federaalaa jedhamu jira, humni Ertiraas ni jira.

Nuti fedhii hidhachuu qabaannee miti, nageenya uummata keenyaa eeguufi. Kanaaf nageenyi uummata keenyaa garee tokkoon kan eegamu taanaan, meeshaa hiikuun akka harka kennachuutti ilaalamuu hin qabaatu.

Wanti guddaan uummati keenya nagaan jiraachuu danda’aa kan jedhudha. Humnoonni guyya guyyaatti meeshaa mirmirsaa, uummata keenya ajjeesan achi jiraaachuu dhabuusaanii mirkaneessuu qabna. Isaan ofuma keenyaa baasna yoo jedhan, sababni hidhannoo keenya wajjin turruuf hinjiru.

Qarqaarsi namoomaa [Jimaata] eegaluun irra ture. Qarqaarsi meeshaa siyaasaa haala itti tahu jiraachuun irraa hinturre. Lolichi sochii konkolaataa danqaa ture taanaan, amma waan dhaabbateef jalqabuu danda’u – waliigalleerra.

Akka kootti taanaan hardha (Sambata Xiqqaa) akka socho’uu eegalanidha. Keessattuu Naayiroobiitti ejensiiwwan deeggarsa namoomaa qaama marichaa turan jechuun ni danda’ama.

Kanaaf xiyyaaronni socho’uu danda’u, humnoonni Itoophiyaafi Tigraay maal godhuu akka qaban mari’ataniiru. Kanaaf akka kootti qarqaarsa jalqabuuf wanti danqu hinjiru.

BBC: Mootummaan Itoophiyaa qarqaarsi galaa jiraachuu hima, maaliif barfate?

Obbo Getaachaw: Kun dogongora. Kanneen qarqaarsa kennan sirriitti waan quba qabanidha. Mariin Naayiroobii hanga xumuramutti; uummata Tigraayif hanga taheen qarqaarsi akka gahu, dhukaasni akka dhaabbatu, adeemsichi fooyya’aa akka tahuuf jecha… waan hedduu dubbachuu hin barbaanne.

Dhimmi kun piroppogaandaaf ooluu akka malu ni hubanna. Amma garuu xiyyeeffannoon keenya, wanti kun ni hojjeta moo hin hjjetu kan jedhudha.

BBC: Waa’een waraana Ertiraa, Tigraay keessa jiraachuufi bahuusaa waliigaltee irratti wanti jedhame hinjiru. Maal waliigaltan?

Obbo Getaachaw: Ifatti waraanni Ertiraa jiraachuu ni beekna, isaanis ni beeku. ‘Humnoota alaa’ jedhamee wanti taa’e jira, waraanni Ertiraa kan biyya alaati. Kanaaf achi keessatti hammatamuu amanna. Kana caalaa maal jenna.

Kanaaf waliigaltichi humnoonni alaafi human ittisaa hin taane Tigraay dhiisanii akka bahanidha. Kan Ertiraa hin bahu jedhu taanaan, sababni kana itti barbaadan natti hin mul’atu.

Humnoonni alaa haa bahan yoo jedhame, kan nu wajjin lolaa jiru humni alaa kan biraa hinjiru waan taheef, wanti nu yaaddessu hinjiru. Qaamni gama sanaan jiru maaliif akka maqaan dhawamu akka hin feene tilmaamuu hin danda’u.

BBC: Waliigalteen godhame TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti. Humnoonni Tigraay fi TPLF jaarmiyaalee gargari. TPLF aangoo maaliin jaarsummaa taa’e?

Obbo Getaachaw: TPLF [jaarsummaa taa’ee] hin mallatteessine! Mootummaa Tigraayitu achi dhaqe. Mootummaa Tigraay waan hin beekneef TPLF isiniin jenna jedhan.

Nutis maqaa keenya hin fudhanne waan taheef, deeggarsaafi nagaa uummanni Tigraay barbaadu achi dhiifnee hin fudhannu jechuu hin barbaanne. Jila sana keessa miseensonni TPLF turre namoota lama qofa. Kaan miseensota TPLF miti, bakka buutota mootummaa Tigraayi.

Qaamni inni tokko mootummaa Tigraay hin beeku jedhe. Xiyyeeffannoon keenya ammoo dhukaasni dhaabbachuu qaba, qarqaarsi qaqqabuu qaba, tajaajilli itti fufuu qaba kan jedhudha.

Qaamni gamas jiru mootummaa Tigraay jedhamu hinbeeku ennaa jedhu, warri Gamtaa Afrikaa [AU] ‘kanaaf jettanii waliigaluu dadhabduu, maqaan wahii isinii haa kennamu’ nuu jedhan. Sheekspiir maal jedha: ‘Ililliin roozii maqaa biraa qabaattus, urgaa gaarii inuma qabaatti.’

Anaaf rakkoo hedduu fiduu akka danda’u nan beeka. Ani TPLF bakka bu’ee miti Piriitooriyaa kanin deeme, mootummaa Tigraay bakka bu’eeti malee.

BBC: Akka paartii yookaan akka mootummaatti jedhamee ennaa hojiirra oolu dhiibbaa hin qabaatuu?

Obbo Getaachaw: lamaan isaaniiti waliigala mitii? Ani ebeluttan si beeka jedha, Giday akka taateettin si beeka, garuu dhimma ijoorratti haa waliigallu naan jedhe. Tole ani Getaachoodha, yoo Giday naan jettees waan murteessaa taherratti haa waliigallun jedheen.

TPLF Piriitooriyaa hin deemne, kan deeme mootummaa Tigraayi - Mootuummaa Federaalaafi Tigraay jedhamee. Dhiibbaa maaltu uumamuu danda’aree…

Giddugaleessa kan goone uummata Tigraayidha, nageenya akka argatuuf, qarqaarsi akka seenu, garaagarummaa siyaasaa hiikuuf carraa uumuu,… kanneen akka hin danqine waan hin barbaanneef malee, kan marii taa’aa jiru TPLF akka hin taane irra deddeebiin ibsineerra. TPLF raayyaa waraanaa ajaju hinqabu.

BBC: Haal-dureewwan irratti hin mari’annu jettan lafa keessanii turtan. Amma garuu hunda dhiiftan. Maaltu dhiisuuf isin dirqe?

Obbo Getaachaw: Wanti dhiisne homtuu hin jiru. Dhimma lafa Tigraay irra-deddeebiin ka’e ni dhiifnaa? Unuuf sarara diimaa kan jedhamu nageenya ummata Tigraayiifi lubbuun jiraachuu ummatichaati.

Sababa kanaaf dhimma lubbuun jiraachuu ummata Tigraay dabarsinee kennuu hin dandeenyu. Dhimma lubbuun jiraachuu ummata Tigraay karaa amansiisaa ta‘en itti eegamu uumuuf dalagaa jirra.

Nuti ummata Tigraay baraaruuf wallolaa jirra. Waraanni ummati Tigraay keessatti qooda fudhatu yoo jiraate dhaabuu qabna. Ummata beelaan, rasaasa diinaan, akkasumas hanqina qorichaan du’uu qabna.

BBC: Jiraachuufi jiraachuu dhabuun uummata Tigraay dhimma ijoo keenya jettanis, taajjabdoonni waraanicha hordofaa turan garuu, waliigaltee kan mallatteessitan waraanni keessan waan dadhabeefi jedhu. Humni raayyaa keessani maaliirra jira?

Obbo Getaachaw: Uummanni Tigraay otoo hanqina nyaataa qabuu, waraanaaf waan qabu kan qodu uummata goota tahedha. Waraanni Tigraay ammoo, humnoota waraanaa Afrikaa irraa gurguddoodha jedhaman lama wajjin walwaraanee kan hin jilbeeffannedha.

BBC: Waliigaltee Naayiroobiitti goodhame hordofee, koreen jiddugaleessaa TPLF, bakka bu’aan TPLF erge hinjiru, waraanni TPLF jedhamus hinjiru jechuun ibsa baaseera.

Obbo Getaachaw: Marii kanarratti namni TPLF bakka bu’uun argame hinjiru. Mootummaa Tigraay bakka buunee deemne.

BBC: Waliigalticha irratti garuu kan waliigalame Mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti jedha. Ka lammeessoo ammoo mootummaan Tigraay dhimma kanarratti ibsi baase hinjiru. Kuni kanneen TPLF bakka bu’anii deemaniifi koree giddugalaa paartichaa wajjin waldhibdeen uumamuusaa kan agarsiisuudhaa?

Obbo Getaachaw: Bakka buutota mootummaa keessaa ana qofatu miseensa TPLF ture. Tsaadiqaan miseensa TPLF miti… qoodinsi kan jiraatu humni qoqqoodame yoo jiraate qofadha. Qondaaltota TPLF irraa kan dhufe ana qofadha. Anis mootummaa bakka bu’een dhufe.

BBC: Ibsi koree jiddugaleessaa TPLF maalirraa madde?

Obbo Getaachaw: Ibsi koree giddugaleessaa ibsa sirriidha. Waraana ofiisaa waan hinqabneef, waraana hinqabu jedha.

BBC: Mootummaan Tigraay kanarratti maaliif ibsa hin kennine?

Obbo Getaachaw: Mootummaan Tigraay ibsa haa kennu jedhi gaafadhu. Kanin as dhufe marii taa’uufi, isa xumuree falmiiwwan marsaalee hawaasaaf deebii kennaan jira… Sodaan isaa naa gala.

Obboo Getaachaw Raddaa

Madda suuraa, Getty Images

BBC: Xumuratti, namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaa fi ajjeechaan du’an. Dubartoonni kuma kudhanitti lakkaa’aman haleellaa saalaaf saaxilman. Tigiraay miidhaan hangasii erga irra qaqqabee booda maal buufatte?

Obbo Geetaachaw: Tigiraay waraanicha hin eegalle, waraanatu irratti baname. Waraanni ykn loltoonni Tigiraay waraana ummaatarratti baname qolachuuf loleera. Miidhaan kun hundi qaqqabeera.

Waraanarra bu’aan buufamu hin jiru. Tigiraay baraaruu hin dandeessu. Eenyuyyuu baraaruu hin danda’u.

Uummanni Tigiraay dararameera, misoomni duraan ture badeera. Ijoolleen waggoota sadii oliif otoo hin baratiin ugguramaniiru.

Waraanni bu’aa maalii qaba? Waraanarraa bu’aa maaltu argama? Bu’aan waraanarraa argamu hin jiru. Jiraachuu keenya ejjannoo kabachiisu qabanneetu, bu’aaf otoo hin taane, yoo xiqqaate beenyaa arganna jennee amanna.

BBC: Uummanni Tigraay akkamiin beenyaa argata?

Obbo Getaachaw: Uummanni fedhiifi hawwisaa; biyya tahuu yookaan waan tahullee tahu, ani murteessuu hin dandayu. [Waan kana] guutummaatti haala ittiin mirkaneessu uumuudha beenyaan isaa.

Kana gochuufis karaa nagaan yookis waraanaan waan dandeenyu hunda ni goona. Uummanni Tigraay kana gochuurraa duubatti hin deebiyu.

BBC: Mootummaan federaalaa qabxilee dhiyeesse guutummaatti erga fudhattanii booda, kana akkamitti mirkanessuu dandeessu?

Obbo Geetachaw: Sirriitti ni danda’ama. Kanin simadhe ykn fudhadhe waliigaltee dhukaasa dhaabuti.

Dhukaasni erga dhaabate booda mariin siyaasaa itti fufa. Mariin siyaasaa mirga hiree ofiin murteeffannaa uummata Tigiraay otoon hin mirkaneessin dhukaasa dhaabuuf waanin murteesseef qofa namni yaadicha simatu jiraa?

Uummanni Tigiraay akkan ani fedhutti oofamu miti, waraanni Tigiraay akkan ani fedhutti kan oofamuuf.

Mootummaa federaalaas ta’ee mootummoonni biyyoota addunyaa fedhii uummata Tigiraay guutuurra kan darbe filannoo biraa waan qaban natti hin fakkaatu.

Waanti ijoon dhukaasni haa dhaabatu, uummata Tigiraayif deeggarsi haa dhiyaatu, tajaajiloonni banamu, marii siyaasaatiin karaa nagaatiin furmaanni akka argamu yoo jiraate haa ilaallu.

Furmaanni yoo hin jiraanne hidhannoo haa hiikamu eegan jedheef qofa waraanni hidhannoo hiikkatu hin jiru.

BBC: Dhimmi kun waliigalteen raawwatameera…

Obbo Geetachaw: Hin raawwanne. Dhukaasa dhaabneerra… [waraanni raawwate jechuu miti]…

BBC: Akka aanga’aa Tigraayitti, waraana kanatti galuu keessaniin ni gaabbituu?

Obbo Geetachaw: Wantin itti gaabbu tokkollee hinjiru. Waraanni narratti labsamee, kabaja uummata Tigraay eegsisuuf waanin qabsaaweef, nan boona malee itti hin gaabbu.

BBC: Galatoomaa Aabba Getaachaw!