Aangawoonni Tigraay gargaarsa fayyaa naannicha seenaa jiruun gammachuu ibsan

Gargaarsa seenaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Wiixataa mootummaan Itoophiyaa ibsa baasen deeggarsa ‘’hin daangofne’’ gara Tigraay akka geessaa jiru hime

Qondaaltonni fayyaa Naannoo Tigraay deeggarsa fayyaa gara naannichaa seenaa jiruun gammachuu ibsan.

Gargaarsi kuni eega waliigalteen nagaa mootummaafi finciltoota Tigraay waliin mallattaa’e seenuu eegale.

Akka Televijiniin Tigraay gabaasetti Biiroon Fayyaa Tigraayii qorichooti barbaachisoofi meshaalee medikaalaa gara Tigraay seenan yeroo ammaa dhaabbilee fayyaa garagaraatti ergamaa jiru.

Haa ta’u malee, hamma barbaachisu waliin yeroo wal bira qabamu gahaa miti jedhame.

‘’Oduun dansaa xiyyaarri talaallii daa’immaniif ta’u qabate Kamisa darbe qubate.

‘’Qorichoota mootummaa Itoophiyaa irraa argate dhaabbati Unicef nuuf fiduu isaatiif baay’ee gammadneerra,’’ jedhan hoogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Tigraay Dr Amaanu’el Hayilee.

Gaafa Wiixataa mootummaan Itoophiyaa ibsa baasen deeggarsa ‘’hin daangofne’’ gara Tigraay akka geessaa jiru hime.

Kunneenis, nyaata, deeggarsa medikaalaafi kaanidha.

Waraanni waggaa lamaaf Naannoo Tigraay, darbees Afaariifi Amaaraatti ce’e lammiilee kuma hedduu galaafate.

Miiliyoonaan kan lakkaa’aman immoo qe’eerraa akka buqqa’an dirqeera.

Sababa waraanicharraa kan ka’e lammiileen miiliyoonaan lakka’aman jireenyi isaanii danqame gargaarsa namoomaan malee jiraachuu akka hin dandeenye ta’aniiru.

Haa ta’u malee, baatii tokko dura mootummaan Itoophiyaafi TPLF waliigaltee nagaa mallatteessuu isaanii hordofee deeggarsi naannicha seenuu jalqabeera.

Ta'ullee baay'inni isaa hamma eegne miti jechuun qondaaltonni Tigraay kana dura dubbatanii ture.

Akkaataa waliigalteen humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa lafa kaa’u. Waraanni Ertiraafi humnooti Amaaraas akka naannichaa keessa bahan waliigalameera.

Humnoonni Tigraay 65% adda waraanaa irraa akka fagaatan taasifamuu ajajaan humnoota Tigraay Janaraal Taaddasa Warrada himuun isaanii ni yaadatama.