Humnoota Tigraay harka caalu adda waraanaa keessaa baasneerra -L/Janaraal Taaddasaa

Janaraal Taaddasaa Warradaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Janaraal Taaddasaa Warradaa, Ajajaa humnoota Tigraay

Humnoonni Tigraay 65% adda waraanaa irraa akka fagaatan taasifamuu ajajaan humnoota Tigraay Janaraal Taaddasa Warrada himan.

Kuni eega mootummaan Itoophiyaafi TPLF waraana dhaabuuf waliigaltee Afrikaa Kibbaatti raawwatanii ji’a tokko booda dhagahame.

TPLF meeshaa lafa kaa’uuf waliigaltee mallatteessuus hanga humnoonni Ertiraafi Amaaraa naannichaa bahanitti hin hiikkadhu jedheera.

Qondaaltonni TPLF waraanni Ertiraa waliigaltee nagaa booddees badii raawwataa jira jechuun irra-deddeebiin himataa jiru.

Qondaalli waraanaa kuni Sambata kaleessaa miiidiyaa Naannoo Tigraay irratti akka ibsanitti adeemsi waraana dirree lolaa irraa fageessuu ‘haala olaanaan’ raawwatamaa jira.

Akka ibsa isaaniitti, humnooti Tigraay dirree waraanaa Zaalaambassaa, Maayiqinaxaal, Higumbirdaa, Nabalat, Barii, Taklaay Abargalleefi Carcar dabalatee bahuu ibsameera.

Lakkoofsaan meeqa akka ta’an hin ibsamne. Ta’us, konkolaataafi miilaan akka sosso’aniifi bakka qophaa’eef geeffamuu taasifamuu ibsan.

Haa ta’u malee, humnoota Tigraay guututti sochoosuuf wanti danqaa ta’e humnootni keessaafi alaa ‘’yaaddoo’’ waan ta’aniifi jechuun isaanii dhagahameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humnoota keessaa humna Naannoo Amaaraafi humni ala Ertiraa jechuu isaaniiti.

Bakkeewwan humnooti keessaafi alaa qabatan jedhanitti humnootu Tigraay xiqqaatanis akka tursiifaman himan.

‘’Ajajoonni waraanaa lama waligaltee raawwanne gaarii adeemaa jirra. Baay’ee deemneerra. Garuu hojiin baay’ee nu hafa.

‘’Hanga humni keessaafi alaa hin baanetti adeemsicha walxaxaa godha. Waliigaltee irratti danqaa uuma,’’ jechuun ibsan.

Dhimma kana irratti wanti gama mootummaa Itoophiyaa ibsame hin jiru.

Waliigalteen magaalaa Naayirobiitti waraana Itoophiyaafi ajajaa humnoota TPLF gidduu irra gahame humnoota Tigraay meeshaa hikkachiisuufi humnoota Raayyaa Itisa Biyyaa ala jiran erga tokko raawwata jedha.

Torbanuma kana akkaataa waliigaltee nagaa baatii tokko dura walgahameefi humnoonni Tigraay meeshaa hiikkatan irratti mari’atu magaalaa Shireetti eegaleera.

Torban darbe Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Olusegoon Obasaanjoo raawwii waliigaltee kanaa irratti gara Maqalee imaluun marii taasisaniiru.

Erga waliigaltee nagaa deeggarsi namoomaa Naannoo Tigraay seenuu jalqabeera.

Haa ta'u malee, hammi xiqqaa ta'u humnoonni Tigraay ibsu.Mootummaan tajaajiloota bu'uuraafi imala qilleensaa eegaluuf qophiitti akka jiru ibsuun ni yaadatama.