'Kaaba Itoophiyaatti dhukaasni erga dhaabatee tajaajila bu'uura jalqabuuf saffisaan hojjatamaa jira'

Madda suuraa, ENA
Kaaba Itoophiyaa naannolee waraanan miidhamanitti sagaleen dhukaasaa erga dhaabatee booda mootummaan tajaajilawwan bu'uuraa iddootti deebisuuf wantota barbaachisan garaa garaa saffisaan hojjataa akka jiru beeksise.
Keessumaa tajaajilawwan bu'uuraa kanneen akka telekoomiifi baankii jalqabsiisuf humni ibsaa murteessadha jedhame.
Burqaan Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti, tajaajilli ibsaa sarara Humaraa kaasee hanga Shiree fi Shiraarotti fulla'u guyyoota 20 keessatti deebi'ee tajaajila ni kenna.
Waraana kaaba biyyattiitti waggoota lamaan darban gaggeeffameen wiirtuwwan daddabarsa humna ibsaa irra miidhan guddaan gahaa akka tureefi amma suphaan godhamaa akka jiru Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaasa isaa kanaan eereera.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa angawaa humna Ibsaa Itoophiyaa kan ta'an Obbo Tasfayee Mangistuu waabeffachuun akka gabaasetti, sararri ibsaa Humaraa ka'ee Shiree keessa fulla'uun hanga Shiraaroo deemu fi 260km fagaatu suphaan isaa dhibeentaa 80 irra gahee kaan ammoo yeroo gabaabaa keessatti xumurame jedhame.
Waliigalteen marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti erga mallataa'ee booda wantoonni abdii namatti horan Tigraay fi naannolee kanaan dura waraanan miidhaman irraa dhagahamaa jiru.
Qaamoleen lachuu walii galteen marii nagaa mallatteessan itti fufiinsa hojiirra akka oolu fi waraanni deebi'ee kaaba biyyattiitti akka hin kaanef gahee isaan irraa eegamu bahachaa akka jiran ibsaa jiru.
Odu himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa turtii BBC Hardtalk waliin taasisaniin, TPLF fi mootummaan federaalaa waliigaltee waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuuf jalqaba baatii Sadaasaa mallatta’e hojiirra oolchuuf hojjataa akka jiran himan.
Nageenyi uummata Tigraay bifa deebi'ee yaaddoo keessa hin galleen deebii argata taanan meeshaa waraanaa baatanii deemun hidhattoota isaanii akka hin barbbaachifnee dubbatan Obbo Getaachon.
Gama biraan ammoo Daandin Qilleensa Itoophiyaa gara Tigraayitti balalii idilee eegaluuf qophii xumuruu isaa BBCtti hime.
Waraanichaan dura balaliiwwan daandiin qilleensa Itoophiyaa biyya keessatti taasisuun balaliin naannoo Tigraayitti taasifamu kan dursaa ture yoo ta'u guyyaatti balaliiwwan 10 -14 gara Maqaleetti taasifamaa akka ture himan Daandii Qilleensichaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Damee Daldalaa Obbo Lammaa Yaadeechaa.
Gara Magaalaa Aksuumiitti ammoo guyyaatti balaliiwwan lama fi Shiree ammo guyyaatti balalii tokkootu taasifama ture jedhan.












