Daandin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Tigraay adda cite ture eegaluuf qophii xumuruu beeksise

Madda suuraa, ETHIOPIAN/FB
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara Naannoo Tigraayii kan sababii waraanaatiin adda cite ture deebiisee eegaluuf qophii xumuuruu BBCtti hime.
Balaliin gara Naannoo Tigraayiitti taasifamu waraanaa wagga lamaan dura eegalee hordofuun erga adda cite booda, wayita mootummaan Federaalaa naannicha to’ateetti deebii’ee tajaajillichi yeroo gabaabaf eegalulleen, waraanni mootummaa naannicha gadhiisee bahu hordofuun daandiin qilleensaa balalii isaa dhaabee akka ture ni yaadatama.
Dhiheenya kana waliigaltee waldhabdee haala walitti fufiinsa qabuun dhaabuuf mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti taasifame hordofuun, daandiin qilleensichaa deebisee balaliiwwan eegalchiisuuf qophii guutuu xumuruu Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Damee Daldalaa Obbo Lammaa Yaadeechaa BBC’tti himan.
Waliigalteewwan Afriikaa Kibbaafi Keeniyaa Naayiroobitti taasifaman hordofee, ‘‘haalli lafarra jiruu fooyyee waan agarsiiseef’’ daandii qilleensichaas haalaa itti naannicha keessatti hojiisaa itti hojjaturratti, ‘‘haala mijeessaa dhufuu’’ eeruudhaan, balaliiwwan eegalchiisuuf hayyama qaamoolee nageenyaafi siivil Aviyeeshinii eeggataa jiraachu himan himan Obbo Lammaan.
Obbo Lamaan akka jedhaniitti, daandiin qilleensichaa waliigaltee nageenyaatii booda buufataalen xiyyaaraa naannichatti argaman balalii keessummeessuuf qophii ta’usaanii ilaaluuf hojjattoota gara naannichaatti bobbaasuu ibsaniiru.
Kanaanis buufataalee xiyyaaraa naannichatti argaman, nageenyi bakkii irra qophii balal’iinsaa taasisuufi bakki irra qubatu akkasumas haala meeshaalee wal qunnamtii dabalatee, haala nageenya waliigalaa irratti haji sakkata’iinsaa hojjataa jiru jedhan.
‘‘Haalli amma jiruu hanga ta’e kan balaliinsa eegaluuf dandeessisuudha…Dandiin Qilleensaa Itoophiyaatis gama hundaanu qophii ta’uun eeggataa jira’’ jedhan.
Balaliin kan eegalu yoo qaamoolee nageenyaa fi sivil aviyeeshiniin hayyama ‘‘haa eegalamu’’ jedhu kennan irratti hundaa’ee ta’u kan himan Obbo Lammaan, ‘‘Mootummaa waliinis walitti dhiheenyaan hojjataa jirra. Guyyaa kamiittu eegaluu dandeenya. Boru ykn iftaan ta’u danda’a. Yeroo kamiituu ‘‘eegalaa’’ yoo jedhamne ni eegalla’’ jechuu qophaa’ina isaanii himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees Daandiin Qilleensichaa balaliinsawwan deeggarsa namoomaa buufata xiyyaaraa Shireetti argamu hordofaa jira.
Buufanni xiyyaaraa Aksuum garuu waraanichaan walqabatee miidhaaa olaanaan waan irra qaqabeef ammatti hojii eegalchiisuuf qophii akka hin taane Ittigaafatamaan kun kaasaniiru.
Waraanichaan dura balaliiwwan daandiin qilleensa Itoophiyaa biyya keessatti taasisuun kan Tigraay dursarra ture kan jedhan ittigaafatamaan kun, guyyaatti balaliiwwan 10 -14tu gara Maqaleetti taasifamaa tures jedhan.
Gara Magaalaa Aksuumiitti ammoo guyyaatti balaliiwwan lama fi Shiree ammo guyyaatti balalii tokkootu taasifama ture jedhan.
Sababii waraanaatiin baayinni turistootaa adda cituufi balaliin gara Kaabaa biyyatiitti taasifamaa ture adda cite turuutti, daandii qilleensichaa irratti dhiibaa umuu Ittigaafatamaan kun BBCtti himaniiru.
‘‘Obbooloonni keenya Tigraay gara kana ni dhufu. Nuti maatiiwwan kenya gaafachuuf gar sana ni imalla. Balaliin kun eegalunsaa walitti dhufeenya ummataa ni cimsa. Akkasumas damee turizinii biyyatti ni dadamaqsa" jedhan.
‘‘Kaabni Itoophiyaa sararawwan seenaa qabeessoo waan ta’aniif…balaliinsii eegaluunsaa turistiin akka dabalu taasisa. Kanaanis daandiin qilleensaa galii gahaa argata. Itoophiyaanis akka biyyaatti bu’aa garii argachu dandeessi’’ jedhan.
Daandiin Qilleensaa itoophiyaa eddoowwan balaliinsaa 20 biyya keessaa kan qabu yoo ta’u, Tigraayi keessattis magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee guyyaa guyyaatti balaliinsiiwwan hedduun ni taasifamu ture.
Waliigaltee nagaa dhiheenyaa mootummaafi TPLF jidduutti taasifame hordofunis buu’uraalee tajaajilaa adda citanii turan deebiisanii atattamaan tajaajila eegalchiisuuf hojiin eegalamee keessa kun tokkoodha.












