Hoogganootni Tigraay waayee marii nagaa yeroo duraaf uummata isaaniitti maal himan?

Obbo Getaachew Raddaafi Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaaye

Madda suuraa, Getty Images

Marii araaraa aanga'oota Tigraayifi mootummaa Itoophiyaa ilaalchisee bakka buutotni marichaa miidiyaa naannichaan uummata Tigraayiif ibsa bala'aa yeroo duraaf kennaniin ''uummata baraaruuf waraana dhaabuu feene'' jedhan.

Aanga'oonni Tigraayiifi mootummaan Itoophiyaa jalqaba ji'a kanaatti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piritooriyaatti waliigaltee waraana dhaabuu mallatteessan.

Ergasiis hoogganootni waraanaa qaamolee lameenii magaalaa Naayiroobiitti raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti mariyatanii walii mallatteessaniiru.

Adeemsa marii nagaa kana ilaalchisee garuu hanga Dilbata kaleessaatti aanga'oonni Tigraay waayee dhukaasa dhaabuu fi marii nagaa kanaa uummata Tigraayiifi ibsa bala'aa hin laanne ture.

Dhalattootni Tigraay biyya hambaa jiraataniis komii dhageessisaa turan.

Tigraay bakka bu'uun marii araaraa kana irratti kan hirmaatan Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'eefi obbo Getaacheew Raddaa miidiyaa naannichaan ibsa kennaniin ''uummata Tigraay baraaruuf waraana dhaabuu feene'' jedhan.

Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee mariin nagaa kun ulaagaa marii nagaa idila addunyaa baratamerraa kan maqe ture jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa magaalaa Maqalee to'achuun ''bu'aa marii kanaa jijjiiruuf yaalii hin milkoofne godheera'' jedhan.

''Guyyoota Piriitooriyaa turre 10 keessatti Maqalee saffisaan to'achuun, dhugaa lafa jiru jijjiiruun marii Piriitooriyaa kan gatii hin qabne gochuuf dhagaan hin gargalfamne hin turre. Waraana gaaga'aatu gaggeeffame.''

''Erga nuti Maqalee baanee haalli jijjiiramuu akka malu hawaasni idila addunyaa anutti himaa ture. Raayyaan keenyas kana beeka ture'' kana jedhan Janaraal Tsaadiqaan, waliigalteerra kan gahame humna ittisaa jabaa raayyaa isaaniifi dhiibbaa hawaasa idila addunyaan ta'uu dubbatan.

Sababa waraanni akka dhaabatu fedhaniif kan ibsan Janaarilichi ''Waraanicha uummata keenyarraa qolachuu sadarkaa hin dandeenyerra gahuuf dhiyaateera'' jedhan. Iziin gidduugaleessaas atattamatti waraanicha dhaabuuf ajaja dabarsee ture jedhan.

Murtee kanaan fedhiin isaanii hunduu guutamuu baatus sababa bu'uuraa dhukaasa dhaabuu fedhaniif guuttachuu himan.

''Kan jalqabaa waraana dhaabuu feeneef uummata keenya baraaruufi, gara mariitti galuuf, deeggarsi akka seenu, tajaajiloonni bu'uraa akka itti fufuudha.''

Dhibdee jiru akka heera biyyaatti furuuf waliigalamuun ammoo bu'aa gaarii isa kan biraa argameedha jedhan Janaraal Tsaadiqaan.

Firii fi abdiiwwan marii nagaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marii nagaa qaamolee lamaaniin mallatteeffame keessatti gama Tigraayiin mallattoo isaanii kan kaahan obbo Getaachoo Raddaa, waliigalteen waraana dhaabuu Tigraay keessatti rakkoolee dhalataniif furmaata siyaasaa fiduuf gargaara jedhan.

''Waraanni dhaabateera jechuun buqqa'uu hedduu, dararaas hanga ta'e hambisne jechuudha. Kana gochuun mataa isaatiin waan tokko. Beelaafii hanqina qorichaan sabi keenya dhumuu malu hanga ta'es ta'u hireen furmaata iti argatu jira.''

Hunda caalaa wanti waliigaluuf murteessineef adeemsi siyaasaa amanamaan yoo gaggeeffame, ka'uumsa rakkoo kanaa guutummaatti yookaan harka caalu dhabamsiisuuf hireen jira jedhu.

Janaraal Tssaadiqaan gama isaaniin waliigalteen irra gahan biyyattii rakkoo keessaa baasuuf ni gargaara jedhan.

''Itoophiyaa gaaga'ama keessa jirtuu baasuuf humna qaba. Biyyattiirra rakkoon gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan qaqqabe nurrattis dhiibbaa guddaa qaba.''

Qaamolee ''Tigraay irratti qindaa'aniiru'' jedhaniin jalaa bahuufis hiree akka qabu dubbatan.

''Carraalee uumaman raakkoo jirurra caalchifnee ilaalla'' jedhu Janaraal Tsaadiqaan.

Yaaddoofi shakkii

Aanga'oonni Tigraay carraaleefi wantootni abdii horan akkuma jiran yaaddoonillee jira jedhu.

Aanga'oonni lamaan qormaatni guddaan gidduu seentummaa humna Eertiraa fi kan naannolee ollaa ta'uu kaasaniiru.

Waliigalteen Naayiroobiitti mallatteeffame humnoonni alaafi qaamoleen kan mootummaa federaalaa hin taane Tigraayii yeroo bahan humnoonni Tigraay hidhannoo akka hiikan himameera.

Humnoonni Tigraay ammallee raayyaan Eertiraa ajjeechaa, nama ukkaamsuufi saamicha raawwachaa jiru jehcuun himataniiru.

''Hawaasni idila addunyaa 'The Big Elephant in the Room' jedhee an waamu humna Eertiraati. Tigraay keessattis ta'e bakka biraa sochiin godhan waliigalticha gahee fashalsuu ni qabaata.

Milishaa naannoo Affaariifi humna addaa naannoo Amaaraa leenjisuuf socho'aa jiru. Nagaa Itoophiyaaf dhimma hin qabu'' jedhan.