TPLF: 'Waraanni Ertiraa Tigraayii akka bahuuf hawaasni addunyaa tarkaanfii cimaa haa fudhatu'

Waraana Tigray

Madda suuraa, Getty Images

Dararaa waraanni Ertiraa ummata Tigraay irraan gahaa jiru akka dhaabuufi naannicha keessaa atattamaan akka bahuuf hawaasni addunyaa tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf TPLF gaafate.

TPLF waamicha kan dhiyeessee Sadaasa 19, 2022 ibsa baaseen yoo ta’u, waraanni Ertiraa ‘‘dararaa lakkaa’amee hin dhumne ummata Tigraay irratti raawwataa jira’’ jedheera.

Ibsa kanaanis hawaasani addunyaa keessattuu Gamtaan Afriikaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtomanii, Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa bulchiinsa Ertiraa irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatuuf waamicha taasiseera.

Hawaasa addunyaatiin alattis mootummaan Itoophiyaa waraanni Ertiraa dararaa ummata Tirgaay irraan gahaa jiru atattamaan akka dhaabsiisu gaafateera.

Akkasumas looltoonni Ertiraa lafa Tigraay keessaa akka bahaniifi yakka raawwataa jiraniif akka itti gaafatamaniif mootummaan Itoophiyaafi hawaasni addunyaa yaalii hunda hammataa taasisuu qabu jedheera ibsi TPLF baase kun.

Waliigaltee walitti buu’iinsa dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduutti raawwatame hordofe waraanni Ertiraa naannicha keessaa bahurra siriiyyuu loltoota dabalataa gara Tigraayiitti galchaa jiru jedheera.

Waraanni Ertiraa ‘‘qabeenyaa ummataa fi mootummaa Tigraay fi kaan konkolaataatti fe’achuun saamaa, kan fudhachu hin dandeenyee ammoo barbadeessaa fi gubaa, hambaalee Tigraay bal’inaan barbadeessaafi saamaa’’ jira jechuun, haleellaa kallattii hamaa ummata Tigraay irraatti raawwataa ture erga waliigaltee Afriikaa Kibbaatiin booda cimsuun itti fufeera jechuun himate.

Waliigaltee Sadaasa 2, 2022 Pirtoriyaatti mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifame hordofuunis haala tartiiba raawwiii waliigaltee Naayiroobiitti, humnootiin Tigraay hidhannoo akka hikkattaniifi humnootiin raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaatiin ala ta’an ammoo Tigraay keessaa akka bahaniif waliigalte irra gahamunsaa ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana waggaa lama lakkoofsisee kana keessatti humnootiin Ertiraa raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiruun, sarbamoota mirga namoomaa raawwachusaanii gabaasaalee dhaabbilee mirgoota namoomaa idl-addunyaa ibsaa turan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa kunis erga wallakkeessa Hagayya keessa deebii’ee ka’een as waraanni Ertiraa keessatti hirmaataa jiraachusaanii irra dedeebiin himamaa kan ture ta’ulleen, waliigalteewwan Afriikaa Kibbaattis ta’e kan Naayiroobii irratti ifatti hin ibsamne.

Mootummaa Ertiraas ta’e mootummaan itoophiyaa dhimma waraanaa Ertiraa ilaalchisee hanga yoonaatti ifatti deebiin kennan hin jiru.

Humnootiin Ertiraa namoota nagaa ajjeessaa fi qabeenyaa saamaa akka jiran Dubbii Himaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa tibba darbe BBCtti himanii ture.

Ibsi TPLF baasee kun agaruu waliigalteen Afriikaa Kibaatti taasifame walitti bu’insii akka dhaabbatuufi heerri mootummaa akka kabajamu, akkasumas waraanni Ertiraa lafa Tigraay keessa jiru akka bahuuf waliigalameera jedha.

Haala hidhannoo hikkachuu humnoota Tigraayiin walqabatees, sanadi hojiirra oolmaa waliigaltee Naayirobii, humnootiin alaa akka bahan jechuun kaa’eera.

Haaluma kanaanis humnootiin Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa kan hikkatan yoo humnootii raayyaa ittisaan alaatii jedhaman naannichaa keessaa bahaniidha jedheera.

Haata’u malee humnootiin raayyaa ittisa biyyaa hin taanee jedhamanis eenyuu akka ta’an maqaadhaan hin dhahame.

Biyyi ollaa Ertiraa kan mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiruun waraanicha keessatti hirmaachaa turte waliigaltee keessatti hin hammatamne.

Waliigaltee Afrikaa Kibbaatti taasifameen Ertiraan kallattiin kan maqaan hin dhahamne yoo ta’u, biyyoonni liixaa fi dhaabbileen irra dedeebiin Ertiraan waraana ishee akka baaftuuf yoo gaafatan dhagahamu.

Tibbana ammoo qondaalli olaanaan Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Ertiraan waraana ishee kan hin baafne yoo tahe qoqqoophaa kaa’u akka dandeessu dubbatanii ture.

Qondaaltichi ammaan tanas waraana Ertiraatiin alatti, humnootiin Addaa Amaaraa fi milishoonni Affaar Tigraay keessatti argamu jechuun, waliigalteen mootummaan Itoophiyaa fi TPLF taasisan humnootiin kunneen akka bahaniif kan gaafatuudha jechuun kaaseera.

Buulchiinsi Ameerikaa Tarsiimoon biyyattii biyyoota Afrikaa Saaraan gadiitti argamanitti wayiita gamagameetti, walitti qabaan mana marichaa Ertiraan deeggarsa namoommaa danquun, gudeedduu, daa’imman ajjeessuu dabalatee sarbamoota hedduu raawwataa jiraachu ibsuun Ertiraan waraanashee baasuu qabdi jedhameera.

‘‘Waraanni Ertiraa kutaa Itoophiyaa kamiittu bobba’uuf sababii seeraa kamuu hin qabu’’ jedhanii ture miseensi mana maree Ameerikaa Biraad Sharmaan.

‘‘Ertiraan waraana ishee yoo hin baafne ta’e, qoqqophaaawwan dabalataa kaa’amu qabaata.

''Pirezidanti Isaayaasi irratti qoqqophaa kaa’u dabalate, manni maree nageenyaa UN murteewwan Ertiraa balaaleeffatan dabarsu, taaksii diyaasapooraan Ertiraa Ameerikaa keessatti walitti qaban qarachuu fi barbaachisaa yoo ta’e, meeshaalee bashannanaa kan ta’an (imala doonii) irra dhorkaa kaa’u barbaachisa’’ jedhan Sharmaan.