Dhuma torbee kanaatti deeggarsi namoomaa Tigraay seenuu akka jalqabu mootummaan hime

Konkolaattota WFP deeggarsa namoomaa fe'an

Madda suuraa, WFP

Deeggarsi namoomaa dhuma torbee kanaa irraa eegalee naannoo Tigraay keessatti ummataaf raabsamuu akka eegalu gorsaan dhimma nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Itoophiyaa beeksisan.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Piritooriyaa hordofee mootummaan Itoophiyaa uummata Tigraay miiliyoonaaN lakkaawwamu kan beelaafi dhibee hedduuf saaxilameef gargaarsa namoomaa dhiyeessuuf waliigalee ture.

Waraana waggaa lamaaf gaggeefameen uummatni miiliyoonaan lakkaawwamu naannicha keessatti hanqina nyaataa, qorichaafi dhiyeessiiwwan barbaachisoo biroo atattamaan barbaada.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) waliigalteen dhukaasa dhaabuu Mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti mallattaa'us ammallee gargaarsi midhaan nyaataa fi qorichaa gara nannoo Tigraay seenaa hin jiru jechuun komatee guyyaa tokko booda ibsi mootummaa kun dhagaahame.

Waajirri Haajaa Alaa US Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ''gargaarsi danqaa hin qabne akkuma waliigaltee keenyaan'' gara Tigraay ni gala jechuu gabaaseera.

Marsaan lammataa marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi qondaaltota TPLF magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti gaggefamaa ture Jimaata kana xumurama jedhamee eegama.

Waliigaltee Piritooriyaan dhimmoota qaamoleen lamaan irratti walta'an keeessaa isaan ijoon deeggarsa namoomaa uummata waraanaan miidhameef dhiyeessuufi adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu TPLF ti.

Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom ''Akkuma waliigalteen nagaa buusuuf mallattaa'een bariituu isaa midhaan nyaataa fi qorichi gara Tigraay seenuu ni eegala jedheen eegee ture. Kun hanga yoonaa ta'aa hin jiru.''

''Uummanni beelaa fi dhibeewwan silaa yaalamanii irraa fayyuu danda'aniin dhumaa jiru'' kan jedhan dhalataan Tigraay Dr Teediroos, tajaajilli kominikeeshinii, baankii, fi tajaajiloonni bu'uuraa adda citanii jiran kaan akka dafanii bakkatti deebi'an gaafatan.

Ambaasaaddar Reedwaan tiwiitara isaanii gubbaatti yaada maxxansaniin harki 70 naannoo Tigraay harka raayyaa ittisa biyyaa akka jiru ibsaniiru.

Naannolee humnoota mootummaa jala jiran keessatti deeggarsi namoomaa fi qorichi uummata qaqqabaa jira jedhan.

''Naannolee harka Raayyaa Ittisa Biyyaa ala jiran dabalatee yeroo ammaa kana Tigraay keessa yeroo kamuu caala deeggarsi dhiyaachaa jira.''